Netaaniyaahuun Iraan ijoollee isaa keessaa tokko ajjeesuuf akka yaalte dubbate

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministeerri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Wixata kaleessaa Iraan ijoollee isaanii dhiiraa keessaa tokko ajjeesuuf yaalii goote jechuun himate.

Haa ta'u malee, yaaliin kun yoom akka raawwatame, ilmi isaa isa kam irratti akka xiyyeefatame, akkasumas yaaliin sun hangam raawwatamuuf akka dhihaatee ture irratti ibsa dabalataa hin kennine.

Himannaan Netaaniyaahuu kun, erga waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti gaggeessuu jalqabee asitti, walitti bu'iinsi naannawa sanaa hammachuun, Hogganaan Ol'aanaa Iraan Ayatollah Ali Khameni fi maatiin isaanii akkasumas qondaaltota olaanoo Iraan biroo ajjeefamani wal adamsaa turuu isaanii mul'isa.

Netaaniyaahuun, filannoo waliigalaa Israa'el Onkololeessa 27 gaggeeffamuuf ji'oota lama qofa yeroo hafette, paartiin isaa sagalee ummataa keessatti duubatti hafaa wayita jirutti, himannaa kana gaaffii fi deebii bilbilaan miidiyaa israa'el Chaanaalii 14 waliin godhe keessatti dhiheesse.

Netaaniyaahuun gabaasa dhaabbilee nageenyaa Israa'el keessaa tokko dorgomaa siyaasaa isaa tokkoof eegumsa kennuu diduu isaa ilaalchisee gaafatameen akkana jedhe.

"Ilmaan koo ilaalchisee waan baay'ee nama ajaa'ibu jira. Eeyyee, Iraan ilmaan koo keessaa tokko irratti xiyyeeffatte. Iraan ilmaan koo keessaa tokko ajjeesuuf yaalte,"jedhe.

Kanaaf eegumsi nageenyaa jabaa akka hin taane dorgomaa isaanii irratti akeekan.

Hanga ammaatti ilmaan Netaaniyaahuu keessaa eenyu akka akka haleelamuuf ture ifa miti. Ilmi isaa angafaa, Yair Netaaniyaahuu, magaalaa Miyaamii, Ameerikaa keessatti jira.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergamaan Iraan Niiw Yoorkitti argamu himannaa kana irratti yaada akka kennan gaafatamanii battalatti deebii hin kennine.

Netaaniyaahuun akkasumas Daayirektara dhaabbata nageenyaa Israa'el Shin Bet, David Zini, waliin dubbachuun nama Ministira muummee ta'uuf dorgomu kamiifuu nageenyi gahaan akka kennamu iwaliin dubbachuu himaniiru.

Miidiyaaleen Israa'el duraan gabaasaniin, Zini Gadi Eisenkot tiif eegumsa nageenyaa kennuu didee, qaama filannoo biyyattiifis Eisenkot irratti yaaliin miidhaa geessisuu jiraachuu isaa ragaan mirkanaa'e hin jiru jechuun ibsameera.

Paartiin Eisenkot filannoo dhufu keessatti teessoo paarlaamaa keessaa baay'inaan argachuu danda'a jedhamee tilmaamama. Haa ta'u malee, Israa'el keessatti mootummaa yeroo baay'ee paartiin tokko qofti mootummaa ijaaru osoo hin taane, paartileen hedduun gamtaa uumuun mootummaa hundeessu.

Baatii Adoolessaa darbes Pirezidaantiin US, Doonaald Tiraamp yaaddoo haleellaa Iraanirraa kan ka'e konkolaataa nyaata deddeebisu keessa dhokachuun xayyaara geeddarachuunsaanii gabaafame ture.

Gama biraatiin Turkiin Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu aktiivistoota gargaarsa namoomaa Gaazaatti dhiyeessuuf turan irratti haleellaa raawwatameen walqabatee bakka argametti qabamee akka to'atamuuf Interpool gaafachuuf akka jirtu himte.

MInistirri Haqaa Turkii Akiin Gurleek akka jedhetti, himannaa duguuggaa sanyii, yakkawwan namoomaa fi hiraarsuu dabalatu Netaaniyaahuu fi shakkamaa biraa irratti ajajni hidhaa baheera.

Dhimmi kun namoota 35 bidiroowwan Galaana Addunyaarraan, qaama bishaan idil-addunyaarratti osoo gargaarsa gara Gaazaa geessaa jiranii Israa'eliin qabamuu isaanii hordofee kan mudate ta'uu Rooyitars gabaaseera.

Turkiin oppereeshinii waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessitu warra cimsanii balaaleeffatan keessaa tokko yoo taatu, tarkaanfiin idil-addunyaa Israa'el irratti akka fudhatamuuf gaafachaa turteetti.

Israa'el gamasheetiin seera idil-addunyaa fi mirgoota namoomaa akka hin cabsine irra deddeebiin ibsiti