Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan ''qoqqobbii cimaa'' Ameerikaan keessu kamiifuu qophii ta'uu himte

Ameerikaan qoqqobbiin amma Iraan irra keessu kan yeroo kamuu caalaa hamaa ta'uu yoo ibsitu, Iraan ammoo hunda qolachuuf karoorsuu himte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Mootummaan Iraan loltootasaaf mindaa kaffaluu hin dandeenye' - Pirezidant Tiraamp

    Pireezidant Donaald Tiraamp mootummaan Iraan loltuu biyyattii baayyeef mindaa kaffaluu hin danda'u jechuun bulchiinsi biyyattii dadhabuu akeekeera.

    Pirezidantichi ergaa miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesseen ''Riippaabliikiin Islaamaa kasaare loltootasaafillee mindaa kaffaluullee hin dandeenye, mormiin itti jabaatus lammiileesaa ajjeesuu itti fufeera,'' jechuun himate.

    Tiraamp mootummaan Iraan ajjeechaa mormitoota irratti raawwatu ''dhiittaa mirga namaa'' jechuun miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaa Truth irratti barreesseera.

    Ajjeechaan mormitoota irratti raawwatu ''rakkoo namoomaa hamaa waan taheef battaluma kana dhaabbachuu qaba,'' jechuun barreesseera.

    Bulchiinsi Tiraamp waraana ji'ootaaf adeemeen kaayyoosaa galmaan otoo hin gahiin hafe Iraan irratti qoqqobbii diinagdee jabaa Iraan irratti kaa'uun booda pireezidantichi ''Iraan guutummaan guutuutti caccabdeetti,'' jedheera.

  2. Warshaan diroonii UK 'qaamota hin beekamneen haleelamuu danda'u' - Qondaala duraanii Raashiyaa

    UK'n misaayeela Yukireeniif akka kennitu waadaa seenuun booda warshaa dirooniishee irratti ''qaamota hin beekamneen'' haleellaan raawwachuu akka danda'u ministarri ittaanaa hajaa alaa duraanii Raashiyaa dubbatan.

    Andiree Feediroov dhimma kana BBCtti kan dubbatan Ministarri Mummee UK Andii Barnihaam fedhii meeshaa waranaa Yukireen ilaachisee Tiraamp waliin marii'achuuf hogganoota Awurooppaa biroo waliin gara Ameerikaa akka imalan dubbachuun booda dha.

    Deeggaraa mootummaa Raashiyaa kan tahan ministarri duraanii kuni Puutiin UK irratti tarkaanfii akka fudhataniif dhiibbaan olaanaa irratti taasifamaa akka jiru TV biyyattiitti himaniiru.

    Dhiibbaan kuni ''gaazexeessitoota, miidiyaafi uummatarraa dhufaa jira,'' jechuun ministarri duraanii kuni himan.

    ''Deebiin haleellaa waraanaa kennama,'' jechuun maal akka tahe kan gaafataman Feedroov ''dhaaboti Yukireeniif diroonii oomishan,'' irratti kan raawwatamu tahuu ibsan.

    Dhaaboti kunneen Raashiyaadhaan osoo hin taane ''qaamota hin beekamneen'' tahuu ibsaniiru. Ibsi ministarri duraanii kennan kuni isa dubbiihimaan mootummaa Raashiyaa Dimtrii Peeskoov jedhan waliin hidhata qaba.

    Peeskoov UK'n Yukireeniif misaayela kennuuf murteessuun ''tattaaffii nagaa buusuuf taasifamu irratti gufuu taha,'' jechuun dubbataniiru.

    Dabaluunis waraannii Raashiyaa warshaa misaayelaa barbadeessuuf argama isaanii adda baasuuf odeeffannoo walitti qabaa jira jechuun himaniiru.

    Ministarri Mummee UK ammoo ''ibidda jalqaba kan qabsiise eenyu? Gaaffiin isa kana.'' jechuun deebii kennaniiru.

    Barnihaam gara aangootti erga dhiufanii Yukireenitti daawwannaa biyya alaa jalqabaa taasisaniiru. Biyyi isaanii Yukireeniif deeggarsa taasiftu akka jabeessitus himaniiru.

  3. Awustiraaliyaan muuziqaan AI'n hojjetame gabatee muuziqaa biyyattiitti akka hin dabalamne dhorkite

    Muuziqaan guutummaan ykn walakkaan hubannoo nam-tolchee (AI') dhaan hojjetame tarree gabatee muuziqaa Awustiraliyaatti akka hin dabaalamne dhorkame.

    Haala kanaan torbee kanarraa qabee muuziqaan gabatee muuziqaa biyyattii keessatti dabaalamu kan ''harka guddaa dandeettii namaan hojjetame taha.''

    Dambiin haaraa Awustiraaliyaa kuni ''ogumma uumamaa namaa jabeessuuf gargaara,'' jedhe Waldaan Muuziqaa Awustiraaliyaa.

    Murtoon kuni kan dhagahame DJ'n lammii Awustiraaliyaa Joosh Faawuz jedhamu sirba weellistuu beekamtuu Maadoonaa ''Like a prayer'' jedhamu hubannoo nam tolcheen akka haaraatti hojjechuun booda gabatee muuziqaa biyyattii irratti sadarkaa lammaffaarra ture. Kuni ammoo falmii kaase.

    Muuziqaan AI'n hojjetame kuni raadiyoowwan FM irratti gadhiifamaafi appii weelluu Spotify jedhamu irratti ammoo yeroo miiliyoona 48 ol dhagahameera.

    Faawuz falmiin ka'uun booda AI'n hojjetamuusaaf beekamtii kenneera.

    Waldaan Muuziqaa Awustiraaliyaa garuu ''artistoonni muuziqaa isaaniif xiyyeeffannoo argachuuf gabaa dhiphateen dorgomu,'' jechuun, muuziqaa AI'n hojjetame beeksisuus tahe bu'aa argamuun gammaduu akka hin barbaanne ibseera

    Dambii haaraa kanaan muuziqaa hojjechuuf AI irraa deeggarsa argachuun kan danda'amu tahus, garuu yeedaloon, sagaleefi meeshaan muuziqaa sirriin kan hojjetame tahuu qaba jedhe.

    Awustiraaliyaan biyya jalqabaa addunyaa tarkaanfii akkasii fudhatte taateetti.

  4. US dippiloomatota ishee Baha Jiddugaleessaa sababa waraanaan baafte deebisuufi

    US dippiloomatota ishee Baha Jiddugaleessaa sababa waraana Iraan baafte deebisuuf akka jirtu Niwyoork Taayims gabaase.

    Ministirri Dhimma Alaa US dippiloomatota Imbasiiwwan Baha Jiddugaleessaatii waraanan duraa fi wayita waraanaa gara biyyaa dachaase deebisee erguuf ta'uu sanadoota keesssaa ministeerichaa wabeeffachuun gabaase miidiyaan kun.

    Dippiloomaatota gara imbasiiwwanii deebisuu fi tarkaanfiiwwan hatattamaa misiyoonii kun jalqaba torbee kanaatii kaasee hojiirra oola jedhameera.

  5. US nama ajajoota IRGC ilaalchisee odeessa naa kenne nan badhaasa jette

    Ameerikaan nama ajajoota Eegdota Warraaqsaa Iraan (IRGC) ammaa fi duraanii ilaalchisee odeessa naa kenneef badhaasa maallaqaa qopheesseera jette.

    Ministeerri Dhimma Alaa US akka jedhetti badhaasni dolaara miliyoona 10 kun odeeffannoo dhimma ajajoota olaanoo IRGC afurii ilaallata.

    Badhaasni waajjirri haqaa, kan Ministeera Dhimma Alaa US waliin hariiroo qabuu, fuula X isaarratti maxxanse kun namoota garee IRGC ta'anii haleellaa loltoota US fi bu'uuraalee saayibarii US irratti xiyyeeffatan raawwatan irratti xiyyeeffata.

    Kanneen keessaa kan maqaan isaanii dhahame ajajaa IRGC Ahmad Vaahidii, ajajaa waajjira olaanaa Kaatam al Anbiyaa Alii Abdullaahii, fi ajajaa garee cibraa saayibarii Hamidreezea Laashgaariyaan fa'i.

    Ajajaan duraanii Humnoota Eeroospeesii IRGC Sayiid Agahajaanii fi ajajaan duraanii tikaa IRGC kanneen maqaan isaanii eerame keessaayi.

    Kunneen lamaan waraana dhiyoo turerratti ajjeefaman.

  6. Paakistaanii fi Iraan mariin nagaa buusuurratti godhan 'jijjiirama jabaa' agarsiisuu himame

    Paakistaanii fi Iraan mariin dhimma waraanaa US fi Israa'el Iraan irratti bananirratti xiyyeeffate tolchan "jijjiirama jabaa" agarsiisuu ministeerri dhimma biyya keessaa Iraan himan.

    Mariin garee lamaan jidduu Teehraanitti godhame tarkaanfiiwwan muddama hammeessan hir'isuu, Ulaa Hormuuz banuu fi saffisaan waraana dhaabuu irratti akka xiyyeeffatu ibsi waraana Paakistaan irraa bahe ni mul'isa.

    Mariin kun Hogganaa olaanaa waraanaa Paakistaan Asiim Muniirii fi hoggansa Iraan gidduutti godhame.

    Gareen lamaan haala nageenya naannichaa fi dhibdee karaa nagaan hiikuurratti yaada wal jijjiiruu ibsi bahe ni mul'isa.

    "Pirezdantii Iraan yaada mootummaa isaanii ibsuun, marii gameessa goone jedhan," jechuun Tehnaanitti hoggana waraanaa Paakistaan dabaaluun kan imalan Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Mohsiin Naaqvii fuula X isaaniirratti ibsan.

    Waayit Haawus dhimma kanarratti yaada hin kennine.

    Muniir Tehraan daawwachuu dura Donaald Tiraampitti haasawanii turuu Rooytrasi gabaaseera.

    Tiraamp torbee darbe biyya Iraan deeggartun kamuu qoqqobbii diinagdeen adabuuf dhaadatee ture. Biyyattii addunyaan akka qoolliffattu barbaada Tiraamp.

    Iraan immoo biyyootni Galoogalaanaa boba'aa gara akka alaatti hin erganne ugguruuf dhaadatte.

  7. Iraan qoqqobbii Ameerikaa kamuu qolachuuf qophii ta'uu beeksifte

    Iraan kana kan jette erga Ameerikaan qoqqobbii kanaan dura mudatee hin beekne Iraan irra kaa'uuf akka jirtu ibsiteeti.

    Ameerikaan qoqqobbii diinagdee cimaa Iraan irratti labsiteen ''Economic D-Day'' jetteen.

    Michuuwwan Iraanis qoqqobbii kanaan doorsisteetti

    Qoqqobbii akkaan hamaa fi diinagdee biyyaa laamshessu jechuudha.

    Haata'u malee Iraan qoqqobbii US kana qolachuuf karoora waggaa lamaa baafattee akka qabdu ibsiteetti.

    Ministirri Maallaqaa US Iskot Besent ''haleellaa diinagdee hamaa takkaa mudatee hin beekne'' jechuun qoqqobbii Iraan irra kaa'amu kana ibse.

    Ministirri diinagdee Iraan Alii Madanizadeh ''qoqqobbii kaa'amu qolachuuf qophii guutuu qabaachuu'' himuun, kunis Ameerikaaf kufaatii kan biraadha jedhe.

    Besent qoqqobbii kanaan US guutummaatti Iraan irraa hariiroo diinagdee adda kutti jedhe.

    Biyyi Iraan waliin michummaa uumu kamuu akka qoollifatamus ibse.

  8. Yooyyaa!

    Akkam jirtu hordoftoota keenya? Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra.

    Atakaaroo US fi Iraan gidduu akkasumas odeeffannoo Baha Giddugaleessaa fi addunyaa mara irra jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!