Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dorgommiiwwan daawwachuuf hanga birrii kuma 100 kaffalchiisan akkamiin xiyyeeffannaa namootaa ta'an?
Itoophiyaatti dorgommiiwwan Marshaal Aartii haaraa miti. Leenjistootaa fi maatii Ispoortii biratti waggootaaf waan beekamu.
Garuu waggoota 27 darban jaalattoota Ispoortichaa bira darbee hawaasa bal'aa biratti waan xiyyeeffannaa guddaa argate hin turre.
Buunyaa, wal'aansoo, mu'aayi Taayii fi gosoota Ispoortii kaan walitti makuun kan dorgomamu dorgommiin marshal aartii walmakaa (Mixed Martial art) garuu yeroo dhihoo keessa xiyyeeffannaa guddaa argachaa jira.
Keessumaa babal'achuun miidiyaa akka Tiktookii dorgommii kana jaalattoota Ispoortichaatiin alatti gara hawaasa bal'aatti akka gahuuf carraa uumeera.
Namootni beekamoo fi dhiibbaa uumtonni ispoortii kana beeksisuun ammoo xiyyeeffannaan dorgommii kanaaf kennmu akka dabalu godheera.
Dorgommiin 'mixed martial art' kuni ji'a eeblaa darbe giddu gala yaadannoo Adwaatti taasifamee ture.
Yeroo dhihoottis dorgommiiwwan lama adeemsifamuuf beellamni qabameefii jira.
Waa'ee dorgommii marshal aartii walmakaa waan muraasa
Dorgommiin kuni dorgommii gosa tokko qofa osoo hin taane teeknikootaa fi gosoota morkii hedduu kan bakka tokkotti hammatudha.
Mu'aay Taayii fi Kiik booksingiin gosoota ispoortii miilaan rukutuu ofkeessaa qabu yoo ta'u, mu'aay taayi dabalataan jilbaa fi ciqileedhaan rukutuu dabalata.
Gama biraatiin wal'aansoo fi Jiyuu Juutisuu morkataa qabuun lafarratti kuffisanii lafatti gadi qabanii too'achuu kan bu'uureffamani. Keessumaa Jiyuu Juutisuun morkataa lafatti kuffisanii too'achuun akka harka kennatu gochuudha.
"Xiyyeeffannoo jabanaa''
Qindeesitoonni dorgommii kanaa dorgommiin kuni xiyyeeffanaa akka argatuu fi akka beekamuuf miidiyaan hawaasummaa dadammaqiinsa gaarii uuumeera jedhu.
Namoota dorgommiin kuni haalan akka beekamu taasisan keessaa tokko Yohaannis Silasii kan miidiyaa hawaasummaa irratti 'Joonii Jiiyuu Juutisuu' jedhamudha.
Yonaannis waggaa sadiin dura goda dorgommii Biraziliyaan Jiyuu Juutisuu jedhamu kana leenji'uu jalqabe. Gara fuulduraa dorgommiiwwan akkanaa akka qopheessu sirritti amanee ture.
"Dorgommii namni hunduu nijaalata. Karaa qindaa'ee fi sadarkaasaa eeggateen agarsiisuu qabna" jedha.
Yohaanniis dorgommii kana jalqabuusaatiin dura yeroo ulfaatina kiiloo 100 ture dubartoota Obbolaa ispoortii Jiyuu Jutisuu leenji'anii fi tokkoon tokkoon isaanii kiiloogioraam shantama shantama ulfaatan waliin morkii taasisee akka moo'ame yaadata.
Kanumarraa ka'uun Ispoortiin kuni bu'a qabeessa ta'uu amanuudhana waggoota sadiif osoo adda hin kutne guyyaatti sa'aatii saddeetiif leenjii fudhachaa ture.
Shaakala yeroo jalqabutti namni leenjii Jiyuu Jutisuu qabu nama muraasa qofa ta'uu fi namootni shaakalan qubaan kan lakkaa'aman ta'uu hima.
Ispoortiin kuni yeroo gabaabaa keesatti akka beekamuu fi fudhatama argatu hojii beeksisaa fi Maarkeetingii namoota beeku waliin qindaa'uun hojjechuu jalqabe.
Itti aansuun dorgommii kana isa faana nama dorgomee isa moo'achuu danda'e fi muuxannoo maarshaal aartii nama qabuu birrii kuma 10 akka badhaasu Tiiktookii irratti beeksise.
Birrii kuma 10 qabsiisee si'a afurii ol erga injifateen booda hammenetaa badhaasichaa gara birrii kuma 50tti olguddise. Achirraammoo gara birrii kuma 100tti.
Yeroo tokko tokko ammoo manneen ispoortii deemuudhaan dorgommii taasisaa akka tures yaadata. Eegasii ammoo morkiiwwan kuni waraabamanii mijeeffamanii miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifama.
Adeemsuma kana keessa hoji gaggeessaa dhaabbata 'Ethiopian fight shampionship' jedhamuu obbo Getaachoo Mallasaa waaliin walarguun dorgommichi gara gulantaa guddaatti guddate.
Yeroo gabaabaa keessatti dorgommiin badhaasa miliyoona tokko argamsiisu akka qophaa'us haala mijeessan.
Dorgommiin kuni miidiyaa hawaasummaa irratti xiyyeeffannaa guddaa argachuun alatti bakki dorgommichaa galmi yaadannoo Aduwaa daawwattootaan akka guutamu godhe.
Kanaanis fudhatamni dorgommichaa guddatee dorgommiiwwan itti aanan hawwii guddaan kan eegaman ta'aa dhufe.
Waldorgommii itti aanuuf daawwachuuf hanga birrii kuma dhibba tokkootti..
'Ethiopian Fight championship' hagayya 21, bara 2018 dorgommiiwwan gosa adda addaa 11 akka qopheesse ifoomseera . isaan keessaa tokko dubartoonni kan irratti walmorkani.
Kana malees Fulbaana 9, bara 2019 ammoo dorgomtoota biyya keessaa fi alaa hirmaachisuun dorgommiin akka taasifamu hime.
Obbo Getaachoo Mallas akka jedhanitti, dorgommiiwwna maarshaal aartii xiyyeeffannaa ammaan dura uummata Itoophiyaa biratti qabaataa ture beeksisuu fi dorgomtootaaf badhaasa argatan guddisuun xiyyeeffannaa dorgommiiwwan kanaa ta'uu himu.
Ta'ulleen dorgommiiwwan kana qopheessuuf dirree mijataa fi ogeessi gahaan ammallee akka hin jirre dubbatu.
Gama kaaniin dorgommiiwwan maarshaal aartii walmakaatiin daanyonni gahaan akka hin jirree fi ammaaf daanyota Ameerikaa irraa fiduun leenjistoota Itoophiyaa keessaatiif leenjii akka kennan guyyaa dorgommichaa ammoo daanyummaan akka gaggeessan akka godhan himu.
Dorgommii itti aanu kanaaf baasiin birrii milyoona 17 akka barbacahisuu fi kana keessaa birriin miliyoonni 11 dorgomtootaaf kan kaffalamu.
Badhaasni dorgommii kanaas birrii kuma 300 hanga miliyoona 5 gaha.
Dorgommiin xiyyeeffannaa guddaa argate Yohaannis Silashii (Joonii) fi Kaamil Nagaash (Seedoo) gidduutti dorgommii taasifamu yoo ta'u baasii birrii milyoona shan kan gaafatu fi mo'ataan birrii miliyoona afur, moo'amaan ammoo birrii miliyoona tokko argata.
Dorgommiiwwan kana bakkatti qaaman argamanii daawwachuuf birrii kuma afurii hanga kuma 100 gaafata. Dorgommii kana namootni 2,000 seenanii akka daawwatan kan eegamu yoo ta'u dorgommii darbe waliin yoo madaalamu lakkoofsa guddaadha.
Galii dorgommii kanarraa argamu kan ilaaleen ammoo hangana buufanna jennee wanti qabannee jiruu hin jiru jechuun tilmaamuu akka hin dandeenye dubbatan.
Dorgommii kanarratti dorgomtoonni morkataa isaanii kutaa qaamaa rukutuu qabanii fi hin qabne adda bahee qabu. Dorgomaan kutaa qaamaa dhorkame irra rukutee miidhaa geessise dorgommiidhaan ala ta'a.
Kana malees qopheesitoonni dorgommichaa dorgomtoota hundaaf hidhannoo barbaachisu hunda guutanii qopheessuu himu.
Dorgommii kanarratti miidhaan qaamaa yoo gaheef qophiin gama fayyaa taasifameera.Midhaa hamaan yoo gahe kan jedhuuf morkattoonni hunduu inshuraansii fayyaa akka seenan ta'eera jedhu.
Dhiibbaa miidiyaa hawaasaa
Pirezedaantiin waldaa kiik Booksingii Itoophiyaa obbo Daani'eel Mokonnin, waan barbaachisu hundaan dorgommii kana akka deeggaran himu.
Keessumaa dorgommiiwwan maarshaal aartii yeroo qophaa'an adeemsota isaa saffisiisuu, dirree dorgommii mijeessuu fi galteewwan qopheessuun akka hojjetamu himan.
Kana malees bakki dorgommii kanaa rakkoo nageenyaarraa bilisa akka ta'uuf qaamolee nageenyaa waliin mari'achuun haala akka mijeessan dubbatan.
Dorgommiiwwan Kiik Booksingii Itoophiyaa keessatti waggoota 27 dura irraa eegaluun hojiirra oolaa jiraachuu kan himan Pirezedanatichi, dorgommiiwwan ammaan dura bal'inaan hawaasa bira osoo hin geenye kan hafan Sababa miidiyaan hawaasummaa akka ammaa mijataa hin turreef ta'uu himu.
Dorgommiiwwan kuni erga miidiyaa haawaasummaa irratti beekamanii fi fi ijoo dubbii ta'anii lakkoofsi namoota leenjii fudhachuu barbaadanii haalan dabaluunis himama.
Dorgommii ji'a eeblaa keessa taasifame daawwattoota biratti dhiibbaa guddaa kan uume waan ta'eef dorgommiiwwan akkanaa waggaatti si'a afur qopheessuuf karoorfamuunis himameera