Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Turkii fi Israa'el gidduutti waldhabdeen haaraan uumamaa jiraa?
Haleellaa qilleensaa Israa'el buufata waraanaa Sooriyaa irratti raawwattee Ameerikaan, akkasums Turkiin balaaleffataniiru.
Israa'el haleellaa kanaaf kallattiin deebii kan hin kennine. Akka Rooyitarsi gabaasetti garuu , loltootni Turkii naannawa kana akka buufatan Sooriyaan hayyamuu isheetiin waliigaltee nageenyaa Israa'el waliin qabdu cabsuun himatte.
Turkiin gama isheetiin ibsa waajjirri MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu taatee kun Israa'el irratti balaa nageenyaa fida jechuun baasee himata "bu'uura kan hin qabne" jechuun haalte.
Israa'eel buufata waraanaa Abuu Duhur, naannoo Idlib, kaaba-dhiha Siiriyaa keessatti argamu irratti haleellaa qilleensaa saddeet raawwatte.
Televiishiniin mootummaa Siiriyaa akka gabaasetti, haleellaan qilleensaa kun daandiiwwan xiyyaaraa fi bakka kuusaa rasaasaa irratti kan qiyyaafate ture. Haa ta'uu malee hanga ammaatti namni haleellaa kanaan du'e ykn madaa'e jedhamee gabaafame hin jiru.
Israa'eel haleellaa kanaaf sababa maaltu akka ta'e ifatti hin ibsine. Garuu humnootni waraanaa Turkii buufata waraanaa Siiriyaa keessa qubsiifaman jechuun himatti.
Kun ammoo walgaltee nageenyaa Siiriyaan Israa'iil waliin qabdu kan cabsuu jette.
Turkiin ammoo gama isheen himannaan Israa'eel kun haleellaa qilleensaa Siiriyaa irratti raawwattee seera qabeessa fakkeessuuf yaalii taasiftuudha jette.
Siiriyaa fi Turkiyaan lamaan isaanii iyyuu tarkaanfiin kun waldhabdeen naannicha keessatti uumamu daran hammachuu akka danda'u akeekkachiisan.
Ameerikaanis haleellaa Israa'ee kana balaaleffatte jirti.
Ameerikaan, kan yeroo ammaa hariiroo Israa'eel, Turkii fi Siiriyaa gidduutti tasgabbii uumuu irratti hojjechaa jirtu, haleellaa kana "kaka'umsa hin barbaachifne kan walitti bu'iinsa hammeessu" jechuun ibsite.
Ministeerri Dhimma Alaa Siiriyaa kanaan dura ''gocha aggaammii'' buufata xiyyaaraa bulchiinsa Idlib keessatti raawwatame ''haqa hin qabne'' jechuun ibsuun, cimsee balaaleffateera.
Tarkaanfiin kun nageenya naannichaa balaadhaaf saaxiluu isaa ministeerichi cimsee ibsuu isaa maddi oduu kun himeera.
Ergamaan addaa Ameerikaa kan Siiriyaa fi Iraaq, akkasumas ambaasaaddarri Ameerikaa Turkii, Tom Barrack, Turkiin haleellaa kana dura akka hin beeksifamne dubbate.
Akka Barrack jedhutti, xiyyaaronni Israa'eel gara daangaa Turkiiitti balali'uun Ankara deebii waraanaa kennuuf of qopheessuu akka dandeessuuf sababa ta'uu danda'a. Garuu, tarkaanfiin of-eeggannoo taasifame haalli sun akka hin hammaanne gargaareera jedhan.
Deebiin Turkiin kennite maali?
Dhimma kana irratti qondaaltota Israa'el irraa deebiin utuu hin kennamiin erga turee booda, waajjirri Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ibsa gaazexeessitootaaf kennee jira.
Ibsa kana keessattis, Israa'elii fi Sooriyaan haala nageenyaa akkuma jirutti eeguuf waliigalaniiru, garuu Siiriyaan humnoonni Turkii naannoo Aleppotti buufata xiyyaaraa akka tolfatan erga hayyamtee booda waliigaltee kana cabsaa jiraachuu eere.
Turkiin mootummaa haaraa Suuriyaa, kan Pirezidaantii Ahmad al-Sharaa hogganamu, deeggartuu guddoo taatee jirti. Suuriyaan erga mootummaa Bashar al-Assad kufee booda bu'uuraalee waraanaa ishee deebitee ijaaruu irratti hojjechaa jirti.
Turkiin loltoonni ishee gara buufata waraanaa Siiriyaatti geeffamuuf karoorfamuu isaanii hin mirkaneessine.
Haa ta'u malee, yaada Israa'el loltoonni Turkii naannawa sana buufachuun Israa'eliif balaa ta'a jettu kuffiftee jirti.
Ibsa dhaabbata oduu mootummaa Turkii Anadolu jedhamu irratti, Ministeerri Komunikeeshinii Pirezidaantii Turkii "himannaan bu'uura hin qabne Waajjirri Ministira Muummee Israa'el dhiheesse kun haleellaa qilleensaa seeraan alaa Israa'el walabummaa fi daangaa Siiriyaa irratti raawwatu seera qabeessa gochuuf kan akeekedha" jedhe.
Buufatni Abu Duhur daangaa Turkii irraa tilmaamaan kiiloo meetira 70 fagaatee argama.
Buufatni kun bara 2013 irraa eegalee akka buufata xiyyaaraa waraanaatti kan itti hin fayyadamne yoo ta'u, Muddee 2024tti keessa humnoonni mormitootaa mootummaa Assad irraa to'achuun isaanii gabaafame.
Yeroo ammaa kana Sooriyaan dhaabbilee waraanaa mootummaa Bashar al-Asad kuffisuuf duula gaggeeffameen miidhaman deebiftee ijaaraa jirti.
Akka Dhaabbanni Mirga Namoomaa Siiriyaa jedhutti, haleellaan Israa'el kun kan raawwatame erga jilli waraanaa Turkii guyyoota darban keessa bakka sana daawwatee booda yoo ta'u, daawwannaan kunis qaama tattaaffii buufata kana deebisanii hojiitti galchuuf taasifamaa jiruuti.
Waraanni Turkii erga Bashar al-Asad aangoo irraa buqqifamee as deeggaraa mootummaa haaraa Sooriyaa ta'ee jira. Haa ta'u malee Israa'el ammallee biyyoota lamaan akka waan yaaddoo guddaa qabanitti ilaalti.
Turkiin ibsa haaraa kenniteen, tumsa Siiriyaa waliin qabdu, '' seeraa'' irratti hundaa'uun akka itti fuftus cimsitee ibsiteetti.
Israa'el kutaalee giddu galeessaa fi kibba Siiriyaa keessatti haleellaa qilleensaa hedduu raawwatteetti.
Haleellaan kun erga baatii Sadaasaa booda dhaabbilee mootummaa Sooriyaa irratti kan xiyyeeffate isa jalqabaa ta'ee mul'ata. Haa ta'u malee, bakki haleellaan kun itti raawwatame naannoo kibba Sooriyaa Israa'el naannoo nageenya qabu kan balaa naannoo ishee irratti uumamu danad'a jettu irraa fagoodha.
Deebiin Ameerikaa hin eegamne
Turkii keessatti ambaasaaddarri Ameerikaa fi ergamaan addaa preezdaantichaa Siiriyaa fi Iraaq kan ta'an Tom Barrack ejjennoo kanaan dura hin argamne fudhachuun Waayit Haawus qaamoleen hundi tarkaanfii waraanaa caalaa marii akka dursa kennan jajjabeessu jedhan.
Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa Israa'el buufata xiyyaaraa Abu Duhur irratti raawwachuu ishee mirkaneessite baay'ee yaaddoo keessa akka jirtu Barrack dubbataniiru.
Haleellaawwan kun ''kaka'umsa hin barbaachifne kan waldhabdee hammeessuu'' jechuun, tasgabbii naannichaaf haalli kun akka hin ammanne gaafate.
Barrack akka jedhetti Turkiin haleellaa kana dursitee akka hin beeksifamne, akkasumas xiyyaaronni Israa'el gara dachee Turkiitti balali'aa jiran argeera. Sun ammoo ''Ankaaraan deebii waraanaa kennuu danda'uuf akka qophooftu sababa qabeessa ta'uu danda'a ture'' jedhan.
Itti dabaluunis ''tarkaanfiiwwan of eeggannoo'' haalli kun akka hin hammaanne taasiseera jedhan. Akka isaan jedhanitti, amma Wanti Waashingitan dursi kennitu waldhabdee hammeessuu fi mala madaalawaa fi of eeggannoo qabu fudhachuudha.
Barrack Pirezidaantii Siiriyaa ammaa Ahmed al-Sharaa kan kanaan dura humnoota mormitootaa Bashar al-Asad lolan hoogganaa turanis ittiseera. Al-Sharaa ''garee bakka bu'ummaa hin uumne ykn hin eegne'' jechuun, waldhabdee Israa'el waliin jiru hir'isuuf fedhii akka qabu irra deddeebiin ibseera.
Ameerikaan waldhabdee Israa'el, Turkii fi Siiriyaa gidduutti uumamu ittisuuf sirna qunnamtii ijaaruuf yaalii gochaa akka jirtu Barrack beeksise.
Turkii fi Israa'el bara darbe walitti bu'iinsa humnoota biyyoota lamaanii gidduutti Siiriyaa keessatti akka hin uumamneef hojii dippiloomaasii taasisuun ni yaadatama. Haa ta'u malee, Ankaaraan haleellaa dhiheenya kana raawwatame dura waa'ee hojii Israa'el hin beeksifamne.
Ahmed al-Sharaa erga aangoo qabatee as hariiroo biyyoota dhihaa, keessattuu Ameerikaa waliin qabu cimsee jira. Kanaan dura Waayit Haawus kan daawwatan yoo ta'u, achitti pirezidaant Doonaald Tiraamp waliin wal arguun mari'ataa turan.