Waa'ee dargaggoo aanaa Kofalee seentimeetira 60 qofa dheeratu abbaan maal himu?

Madda suuraa, Musxafaa Fatoo
“Hanqina kiyyaan na waliin sakaalamee hafe.”
Kana kan dubbatan abbaa dargaggoo gabaabbina hojjaasaan akkaan beekamaa tahe Kaalid, Obbo Jamaal Bushuraati.
Dhimmi dargaggoo aanaa Kofalee umrii waggaa 18’titti seentimeetira 60 qofa dheeratuu mataduree haasaa miidiyaa hawaasaa ta’eera.
Galmeen Dinqisiisoo Afrikaas ji’oota muraasa dura dargaggoon kun “nama gabaabaa addunyaa kanaati” jechuun waraqaa ragaa kenneefii jira.
Maqaansaa Kaalid Jamaal Bushuraa jedhama. ALI bara 1998 Godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee ganda Daaree Daannisaa keessatti dhalate.
Maatiin Kaalid ijoollee 10 kan horatan yemmuu ta’u, Kaalid shanaffaarratti dhalate. Yeroo dhalatus haalli qaamasaa obbolaasaa kunneen biroorraa adda akka ture abbaansaa himu.
Kaalid yeroo dhalatutti qaamaan xiqqaafi haallisaas sodaachisaa akka ture Obbo Jamaal dubbatu.
‘Furmaata barbaacha…’
Maatiin Obbo Jamaal ijoollee 10 horatanillee dheerinaan akka Kaaliditti gabaabaa kan ta’e akka hinjirre Obbo Jamaal himu.
“Ijoolleen kaan baay’ee dhedheeroodha. Isa malee gabaabaan kan biraan hinjiru. Isuma qofa. Sanyii keenya keessallee hinjiru” jedhu.
“Hanga waggaa sagalii osoo ofii hinbeekne akkanumaan harka qabaa olii gadi garagalchaa, olii gadi deebisaa, waan inni heeyyamu kunuunsaa turre” kan jedhan Obbo Jamaal, waggaa sagal booda garuu Kaalid yaala akka argatuuf gara mana yaalaatti deddeebi’uu akka eegalan himu.
Haata’u malee, gabaabinni Kaalid uumamaan kan dhufe akka ta’e akka itti himame kan dubbatan Obbo Jamaal, “doktara bira yoon geessu ‘uumama’ naan jedhe” jedhu.

Madda suuraa, Musxafaa Fatoo
Rakkoo fayyaa…
Dargaggoo Kaalid haalli fayyaasaa guutuu akka hintaane BBC’tti kan hime yemmuu ta’u, “Dugda keessa yeroo baay’ee na dhukkuba. Laphee kanas nadhukkuba garuu waan ittiin yaalamun dhabe,” jedha.
Abbaan isaa Obbo Jamaalis ilmi isaanii yaalii fooyyee akka argatuuf hawwii qabaachuu himu.
Kana malees Kaalid “bashannana barbaada; xiqqoo dhiphina hinbarbaadu” kan jedhan Obbo Jamaal, baasii yaalasaaf waggoota saglan darban baasanirraa kan ka’e ammatti kunuunsa isa barbaachisu taasisuufillee harki isaan gabaabbachuu dubbatu.
“Yaala isaatiif jedhee waggaa sagaliif dadhabbii keessan ture. Hanga ammaatti nadadhabsiisaa jira. Qabeenya kiyya fixadhee hawaasatu nagargaaraa jira” jedhu.
Dabalataan Kaalid carraa barnootaa osoo argatee ofbira darbee hawaasasaa tajaajiluu kan danda’u akka ta’e himuun, “Kaalid qaroo namaati, bajata dhabuurraa kan ka’e anumatu daangessee malee nama biyyallee fayyadudha” jedhaniiru.
Rikardii addunyaa...

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti nama warra dhiiraa keessaa caalaa gabaabaa jedhamuun rikardii Galmee Dinqisiisoo Addunyaa - Guinness World Records qabatee kan jiru lammii Iraan kan ta’e Afshiin Esmaa’el jedhama.
Umuriin isaa wagga 22 yoo ta’u, dheerinni isaa 65.24 cm ta’uun galmaa’eera. Isa dura gabaabbinaan rikardii qabatee kan ture lammiin Kolombiyaa Ediwaard Niinoo 7cm lammii Iraan kana caala. Ediwaard amma umuriin isaa wagga 36 ta’eera.
Gama dubartootaan ammoo lammiin Indiyaa Jyoti Amge seentimeetira 62.8 qofa dheerachuun rekordii qabatteetti.
Rekardiin kun kan lubbuun amma jiru malee, amma dura kana caalaa kan gabaabbatuufi rekardii kan qabate tureera. Namni amma lubbuun hinjirreefi lammii Neppaal ta'e Chandra Bahadur Dangi seentiumeetira 54.6 qofa dheerata ture.
Kanaaf, dhalataa Kofalee kan ta’e Kaalid Jamaal Galmee Dinqisiisoo Addunyaatiin yoo mirkanaa’e addunyaarratti rikardii ifatti qabachuu danda'a.












