Gamoon mallattoo magaalaa Kaartuum ta'e waraana keessa ibiddaan barbadaa'e

Gamoo gubataa jiru

Madda suuraa, AFP, BBC

Maxxanfame

Lola humna waraanaafi humna addaa Sudaan gidduutti gaggeeffamaa jiruun gamoo guddaa magaala guddoo biyyaattii Kaartuum keessatti argamutti ibiddi itti qabate.

Dilbata kaleessaa viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamerraa akka mul'atutti gamoo guddaan dhaabbata Greater Nile Petroleum Oil Company jedhamu abiddi itti qabatee osoo gubatuu mul'ata ture.

Gamoo kana namni dizaayiniisaa hojjate Tagriid Abdiin fula X kan duraan Tiwiitara jedhamurratti, "Kuni waan nama dhukkubsuudha," jedhe.

Haleellan qilleensarraafi lolli humna lafoo gidduutti gaggeeffamu magaala Kaartumifi magaalota biroo keessatti itti fufeera.

Akka gabaasa UNtti namoonni miliyeena tokkoo ol biyyoota ollaatti baqataniiru.

Gamoo guddaan abiddaan waadame kun laga Naayil cinaatti kan argamuufi magaala Kaartuum keessaa sirriitti ol-ka'ee mul'ata.

Gamoon bareedina magaala Kaartum ta'e kun maal na dhibdeedhan gubachuunsaa akka garaa isa gubu dubata Tagriid Abdii.

Sababa gamoon guddaan kun gubatee namas du'es ta'ee madoon gabaafame hin jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni Sudaan ji'a Eblaa keessa humna waraanafi humna addaa Sudaan gidduutti eegale hanga ammaa hin dhaabbanne.

Humnoonni lachuu Kaartuum keessatti olaantummaasaanii agarsiisuf jecha magaalattii akka hin taanetti mancaasaa jiru. Lammiilen biyyattii heddus sababa lola kanaan danqamanii balaa garaa garaaf saaxilamaa jiru.

Waa'ee waraana Sudaan keessatti gaggeeffamuu xinxaala kan dhiyeessu dhaabbanni Sudan War Monitor akka jedhetti humni addaa (RSF) gaafa Sambataa, Fulbaana 16, 2023, bakkeewwan humna waraana biyyattiin qabaman irratti haleellaa gaggeesse. Kanaan biiron Ministeera Haqaa biyyattis akkaan miidhameera.

Biiroleen mootummaa heddus abiddaan gubachuutu himame. Namoonni ijaan argan dhabbata oduu AFPtti akka himanitti, haleellan humni addaa gaggeesse kun hanga gaafa Dilbataatti itti fufee ture.

Jiraattonni bulchiinsa Kibba Kaartum AFPtti akka himanitti, humni waraanaa Sudaan ammoo bakkeewwab buufata humna addaa (RSF) irratti qiyyaafachuun haleellaa gaggeessen sagalee dhukaasaa "gurra nama duuchutu" dhagahamaa ture.

Angawoonni fayyaa gaafa Dilbataa akka ibsanitti, hospitaalonni magaala Kaartumfi naannoo Daarfur keessa jiran hunduu bifa jedhamuu danda'uun tajaajila kennaa hin jiran.

Gamoo gubataa jiru

Madda suuraa, AFP

Magaala Kaartum bakka lolli itti gaggeeffamurraa fageenya 3km kan jiraattu Nawaal Moahaammad akka jettutti sababa haleellaa kanaan balballifi foddaan mana matiishee caccabeera.

Waraana gaafa Sanbataafi Dilbataa gaggeeffame waraana hanga ammaa gaggeeffame keessaa "isa hamaadh" jechuun ibsite.

Erga gaafa Jimaataa, Fulbaana 15, as namoonni nagaan heddu akka du'antu himama.

Waraana Sudaanitti qaamolee lamaan gidduutti deemaa jiruun, namoonni 7,500 ta'an du'anii miliyeena shanii ol ammoo qe'eesaanirraa buqqa'aniiru.