Yaaliin qaccee sanyii namaa fooyyessuu Chaayinaan taasiftu qorattoota warra lixaa maaliif yaaddesse?

Oggeessa qorannoo gaggeessaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Qorattoonni biyyoota lixaa qorattoonni Chaayinaa qorannoon isaan qaccee sanyii ilma namaarratti taasisaa jiran iftoomina waan hin qabneef yaaddeessoodha jedhan.

Mootummaan Chaayinaa qorannoo qaccee sanyii namaa fooyyessuu ilaalchisee seerri jiru keessattuu dhaabbilee dhuunfaatiin kan cabuu danda’anidha jechuun qorattoonni warra lixaa yaaddoo isaanii ibsaa jiru.

Haata’u malee, qajeelfamni Chaayinaan dhiheenya hojiirra akka oolu taasifte kan dambiiwwan idil-addunyaa hordofe ta’uu himuun, naamusa ogummaa mirkanneessuu, fi sakkatta’insa taasisuu kan dandeessisudha jechuun yaaddoo qorattoota warra lixaa kuffiste.

Qorattoonni ilmaan namaarratti jijjiirraa qaccee sanyii taasisuudhaan dhibee gara ilmaan namaatti darban adda baasuun akka dandeessisu amanu.

Haata’u malee, fooyya’insa qaccee sanyii taasisuun hunda biratti fudhatama hin qabu.

Namoonni tokko tokkoos kun jijjiirama qaccee sanyii ilma namaarraa gara ilmaatti dhaabbataan darbu fiduun ilmaan namaa waan adda ittiin bahu dhabsiisuu danda’a jechuun falmu.

Qorannoo laaboraatiitii qaccee sanyii namaa

Madda suuraa, SEBASTIAN KAULITZKI

Qorannoon qaccee sanyii ijoo dubbii ta’uu kan eegale erga ijoolleen lakkuun qorataan Chaayinaa tokkoo jijjiirama qaccee sanyii irratti taasiseen dhalachuunsaanii dhagahameen booda ture.

Qorataan Dr Jiinkuyi jedhame tokko waggaa shan dura addunyaarratti kan jalqabaa kan ta’an lakkuuleen Luulluu fi Naanaa Siiluu jedhamuun irratti jijjiraa qaccee sanyii taasisuun dhalachuusaani ifa wayita taasiseetti oggeessota damee kanaa naasisee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Dr Hii yoo ta’e, lakkuuleen kunneen osoo miciraan ta’anii jiranu fooyya’insi qaccee sanyii irratti taasifamuufi HIV/ADIS dandamachuu akka danda’an illeen dabaluun himee ture.

Dr Hii kana taasisuu isaatti addabbiin maallaqaa kan itti murtaa’ee ture yoo ta’u, waggoota sadiifis hidhaan akka dabarsu taasifamee ture.

Sababiin qorataan kun akka adabamu taasisan keessaa tokko waan qorannoo hayyama hin qabne ilmaan namaarraatti raawwateef akkasumas qorannicha haala ifa ta’ee waan hin raawwanneef jedhamee ture.

Namni kunis erga mana hidhaatii baheen booda gara Hongi Koongiitti imaluun, ijoolleen maatii isaanii irraa dhibee maashaa akka itti hin dabarre taasisuuf fooyya’insa qaccee sanyii irratti qorannoo taasisuuf kilinikii akka saaqu ibsee ture.

Kun erga dhagahameen boodas Hoongi Koongi namni kun galmee yakkaa qabu jechuun hayyamni hojii dhorkamee ture.

Kanaafuu yaaddoon qorattoota warra Lixaa baay'een, seeronni Chaayinaa hanqinawwan waan qabaniif, qorannoon ilmaan namootaa irratti akka gaggeeffamaniif carraa kennuu jechuun hojii qorannoo Dr Hii akka fakkeenyaatti kaasu.

Oggeessa Chaayinaa jalqaba qoranicha gaggeesse

Madda suuraa, HE JIANKUILAB

Dhaabbanni Qorannoo Baayomedikaalii Kiriik Inistitiyuuti jedhamuufi Yunaayitid Kingdamiitti bu’uureeffate tokkotti qorataa kan ta’an Pirofessar Roobiin Looveel-Baaj, hojii qorannoo Chaayinaa keessatti dhimmoonni ifa hin taasifamne waan jiraniif dhimmichi yaaddeessaadha jedhu.

‘‘Chaayinaan maaliif teknolojiin dursitu ta’u akka barbaaddu naaf gala. Garuu ammo dameewwan tokko tokko of eeggannoo olaanaa barbaadu. Isaan keessaa tokko qorannoo qaccee sanyii jijjiiruuti’’ jedhan.

‘‘Qorannoon kunis bulchiinsa sirriifi hordoffii gahaa jalatti gaggeeffamu qabaata. Kana gochaa waan hin jirreefuu yaaddoon qaba,’’ jedhan.

Akkasumas Yunivarsitii Daalhoos Kaanaadaatti qorattuu kan ta’an Dr Finkoos Baayiiliis, qorannoowwan qaccee sanyii jijjiruu irratti gaggeeffamaa jiran hordoffii qofa osoo hin taane oggeessoonnis kan naamusa ogummaa qaban ta’utu irra jiraata jedhan.

Qorattuun tunis Chaayinaa qofaatti osoo hin taane, dhaabbilee dhuunfaa gurguddaa Kaaba Ameerikaa irrattis to’annoo gochuun danqaa olaanaa ta’u dubbatu.

Haata’u malee, Akaadaamii Saayinsii Chaayinaarraa bakka kan bu’an, Dr Yaangiin Peengi garuu mootummaan isaanii qajeelfamootaafi seeroota qorannoo qaccee sanyii cimsuu ibsan.