Fiilmiin Tigraayitti hojjetamee badhaafame qabiyyeensaa maali?

Dorgommii fiilmii Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qopheesse irratti fiilmiin gabaabaa ''Why'' ykn ''Lemin'' jedhamu mo'ateera

Madda suuraa, AHMED ABDU

Maxxanfame

Dorgommii fiilmii Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qopheesse irratti fiilmiin gabaabaa ''Why'' ykn ''Lemin'' jedhamu mo'ateera.

Waamicha komishinichi taasiseen Maqaleerraa dorgommii kana kan mo'ate barreessaafi qopheessaan filmichaa Ahimad Abduu, ''mo'icha hin eegamne argadheera,'' jechuun ibseera.

''Beeksisa isaa miidiyaa hawaasaa irratti argine. Ogeessonni muuxannoo qabaniifi haaraa akka hirmaatan affeera. Dorgommichi mirga namoomaa irratti kan xiyyeeffate akka tahe eera,'' jechuun ulaagaa dorgommichaa hima.

Ahimad erga ulaagaa kana argeen booda fiilmii daqiiqaa 12 kana dura hojjetee ture dhiyeessuuf murteesse.

''Akka carraa fiilmiin keenya ulaagalee lamaan kunneen ni guuta ture. Mirga namoomaafi mirga lubbuun jiraachuu kan qabate ture,'' jedha.

Akka Ahimad jedhutti dorgommii koomishinichi qopheesse irratti filmooti 400 tahan dorgommiif dhiyaataniiru, kan sadarkaa dhumaaf qaqqaban ammoo 40 turan.

Waraana Tigraay keessatti adeemsifameen daba dubartoota Tigraay irratti qaqqabe agarsiisu ammoo hunda caalee tokkoffaa bahuu danda'eera.

''Xiyyeeffannoon keenya Tigraay ture. Ani yeroo waraanaa achin ture, gidiraa ture hunda ijaan argeera. Miidhaa kanaaf akkaan kan saaxilaman immoo ijoolleefi dubartoota dha.''

''Keesumaa waan dubartoota irratti raawwate kan jaarraa 21ffaa keessatti tahuu hin qabne ture, maaliif tahe?'' jechuun akka gaafatu hima.

''Kun yeroo raawwatu maaliif callisne?''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taatoon filmicha keessa jirtu akkuma dhalattoota Tigraay biroo waraanichaaf saaxilamtuu taatus haleellaa saalaa loltoonni isheerraan gahan darbitee jireenyaan wal'aansoo qabattee mul'isa.

''Gudeedamuun ishee otoo hin hafiin qe'eesheerraa buqqaatee jiraanyashee mo'achuuf tattaaffii taasistu agarsiisa filmichi. Nyaataafi qoricha otoo hin argatiin of kunuunsuu haala hin dandeenyeen of jiraachisuuf yaalii taasiftu mul'isa,'' jedha barreessaan filmicha.

Taatoon kuni waan dubbattu hima sadii hin caalu. Baayyeen isaa haasaa kan hin qabne gochaan qofa kan agarsiifamu dha.

Kaayyoon isaanii inni guddaan miidhaa dubartii irratti gahuufi haleellaa saalaa agarsiisu qofa osoo hin taane, ''kun gaafa raawwatamu maaliif callisnee ilaalle,'' gaaffii jedhus kaasuus akka barbaadan dargaggoon kuni BBCtti himeera.

Yeroo filmii kanaan dorgomuuf yaadan mo'achuu osoo hin taane fudhatama iyyuu hin argataa shakkii jedhu qabu ture.

''Isayyuu Maqalee teenyee gidiraa Tigraay keessatti qaqqabe filmii agarsiisu yoo dhiyeessinu koomishiniin dorgommicha qopheesse nurraa fudhataa laata otoo jennuuti kan dorgommiif dhiyeessine.''

Tahus fiilmiin qabiyyee ulfaataa qabu ''Lemin'' jedhu garuu tokkoffaa bahuun badhaasaafi waraqaa ragaa argateera.

''Badhaasa maallaqaan dabalataan mudannoo carraa biroo kan fide tahee darbe. Fiilmiin kuni guutummaa biyyattiitti akka daawwatamu koomishinichi dubbateera. Dhihootti wal-tajjii Afrikaa biraa irrattis akka hirmaannus carraa nuu baneera. Anaaf koomishinichi piroojektii filmii bal'aa tahe naa kenneera.'' jedha Ahimad.

Ahimad eenyu?

Dargaggoo Ahimad Abduu Yaasiin kan dhalatee guddate magaalaa Maqalee keessatti. Ijoollummaasaarraa qabee aartii waan jaalatuuf hojii filmiitti gale.

Dhaabota aartii garagaraa keessatti hojjechuun tiyaatira baayyee irratti hirmaachuuf carraa argateera.

''Tiyaatiroota irratti hojjedheera. Keessumaa waraanni jalqabuun dura hojii tiyaatiraan dorgommiiwwan mo'achaan ture. Walitti fufinsaan waancaa fudhachaan ture. Dabalataan daansii ijaan danda'uuf ijoollee kaanis nan leenjisa.''

Filmiif xiyyeeffannoo guutuu kennuun hojjechuu kan jalqabe waggoota darban muraasa keessatti dha.

Diraamaawwaan Tigrinyaadhaan dhiyaatan irratti hojii hojjeteen beekama.