Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo pirezidaantummaa Iraan warri leellistoonni sirnaa sagalee xiqqaan dursaa jiru
Kaadhimamaan paartii warra amantaa leellisuu Sa'iid Jaliilii filannoo pirezidaantummaa Iraan sagalee xiqqaan dursaa akka jiru mootummaan biyyattii ibse.
Dhimma nuukileeraa irratti Iraan bakka bu'uun mari'achuun kan beekamu Sa'iid sagalee hanga ammaa lakkaa'ameen %42 argachuun dursaa jiraachuu hime.
Sagaleen namoota miliyoona saddet filannicha irratti hirmaatanii lakkaa'ameera.
Tilmaamni amma jiru filannichi gara marsaa lammaffaatti deemuun ammas Jimaata dhufu kan gaggeeffamu taha.
Haleellaa konkolaataa sagalee filannoo feetee deemaa turte irratti qaama hin beekamneen raawwateen lubbuun qaama nageenyaa lama darbuu miidiyaan mootummaan himeera.
Bu'aan filannoo hanga ammaa lakkaa'amee waan dinqisiisaa taheera. Kaadhimamaan warra Riformistii Masuud Pezeshkiyaan sagalee %40 argataniiru.
Pezeshkiyaan ogeessa tajaajila baqaqsanii yaaluu onneeti. Akkasumas ministera fayyaa tahuun hojjetaniiru.
Kaadhimamaan kun Iraan keessatti haaromsa adda addaa fiduuf waadaa galaniiru.
Poolisii dhimmoota amantaa fi uffannaa dubartootaa kabachiisu fi kaan irratti xiyyeeffachuun hojjetan irratti haaromsa fiduu akka barbaadan himaniiru.
Uffannaa dubartootaa irra daangeffama jabaa kaa'uun ''waan hin barbaachisnedha'' jedhanii amanu.
Kaadhimamaan tokko filannoo kana irratti sagalee %50 hin argatu taanaan ammas irra deebiin filannichi kan gaggeeffamu taha.
Iraan pirezidaantii ishee balaa helikopteraan dhabde Ibiraahim Raayisii bakka buusuufi kan filannoo gaggeessaa jirtu.
Balichaan Ibiraahim Raayisii dabalatee namoonni biroo torba lubbuu dhabaniiru.
Iraan keessa uummanni miliyoona 61.5 tahu filachuu kan danda'u tahus, filannoo kana irratti lakkoofsi namoota filatanii gadi bu'a jedhamee eegama.
Filannoo miseensota paarlaamaa ji'a Bitootessaa keessa gaggeeffame irratti lakkoofsi namoota filatanii yoo gadi bu'u, filannoo pirezidaantummaa bara 2021 irratti ammoo isa xiqqaa ture.
Hogganaa Olaanaa Iraan Ayatolaa Ali Kamenii, kan aangoo isa olaanaa biyyattii harkaa qaban ''namootni hedduun'' bahanii akka sagalee isaanii kennaniif waamicha godhaniiu.
Bara 2022 keessa du'a shamarree ganna 22 Mahsa Amiinii hordofee fincila guddaan guutummaa Iraan keessatti gaggeeffameera.
Mahsaa Amiinii danbii uffannaa dubartootaa cabsiteetta jedhamuun poolisii danbii kana kabachiisuun hidhamtee miidhaa irra gaheen mana hidhaatti du'uu himame.
Fincilicha hordofee namootni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuun, kumaatamni ammoo hidhamuu gareen mirga namoomaaf falman himaniiru.