Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yaaliin koo lubbuun turuuf qofaadha' -Baqataa Itoophiyaa Ruwaandaarraa
Mohaammad baqataa lammii Itoophiyaa Ruwaandaa keessatti argamudha.
“Yaaliin koo lubbuudhaan turuudhaaf qofaadha,’’ jedha haala jireenya baqattummaa Ruwaandaa keessaa yoo ibsu.
Kan natti dubbatees miira sodaa keessa ta’ee sagalee sodaan rommaa ture.
Gaazexessaan BBC Mohaammadiin kan argee dubbise magaalaa guddoo biyyattii Kigaalii keessatti. Ija namootaa jalaa dhokachuuf jecha bakka mukaan marfame keessatti wal agarre.
Baqataan nageenyaasaatiif jecha Mohaammad jechuun akka waamnu nu gaafate kun, kan gara Ruwaandaatti imale koolu-galtummaa gaafachuuf ture.
Miseensonni tika Itoophiyaa butuuf yaalanii akka turan dubbata. Jireenyi Kigaalii keessaa qormaataan kan gutame ta’u hima.
Namoonni Ruwaandaa keessatti kolu-galtummaa gaafataa jiran ifatti akka nutti dubbataniif guyyootaaf yaalaa turre.
Jalqabarratti tole nuun jedhanillee booda garuu haala icciitii ta’een qofaa akka dubbatan hayyaman. Hedduun isaanii deebii kana kan kennan erga ‘‘hogganaa hawaasaatiin’’ dowwatamaniin booda ture.
Mohaammadis ‘‘kolu-galtummaa gaafadheera’’ jedhe. “Anga’oonnis hin ta’u hin jedhan. Garuu beellamaa baayyisu. Boru ykn baatii ittaanu deebi’i jedhu. Kunoo osoo deddebi’uu waggaa tokko guutuufan deema‘‘ jedha.
Waa’ee dhimma yeroo manni murtii olaanaa mootummaan Ingiliiz seera qabeessummaa namoota kolu-galtummaa gaafatan gara Ruwaandaatti ergudhaaf karoora falmisiisaa ta’e baase sana ilaalaa turetti ture kan Mohaammadiin dubbifne.
Manni murtiis booda yoo waliigaltee baqattoota Idil-addunyaa waliin kan wal hin faalleessine ta’e, baqattoota gara biyya biraatti dabarsuun dogongora hin qabaatu jedhe.
Mootummaan UK’s namoota kolu-galtummaa gaafatan gara Ruwaandaatti erguun, baqattoota bidiruuwwan xixiqoodhaan gara Ingiliiziitti imalan akka dhaabsiisu abdii godheera.
Haata’u malee, qaamoleen kaan ammoo “imaammatichi kan gara jabiinaan guutamedha, hojiirra oolchuufi rakkisaafi kan baasii olaanaa gaafatudha,‘‘ jechuun qeeqaniis jiru.
Kanaan duras dhaabbanni mirgaaf falmu Humaan Raayitis Wooch, Ruwaandaan “biyya rakkoon bilisummaa dubbachuu jiru, kan hidhaan akka tasaa keessatti babal’ate, dararaafi rakkoon kan keessatti hammaatedha,'' jechuun ibse.
Mootummaan UK gamasaatiin, gamaaggama jalqaba bara kanaatti baaseen, “dubbachuufi ijaaramuu irratti daangaaleen tokko tokko jiraatan illee‘‘ baqattoota UKn gara Ruwaandaatti ergiturra rakkooleen ni qaqqabu jedhee akka hin yaadne beeksisee ture.
Eejansiin Baqattootaa UN, Ruwaandaan “Sirna baqattootaa amansiisaa, saffisaafi haqa qabeessaa ta’e‘‘ akka hin guunne mana murtii irratti dubbateera.
Kanaanis baqattota gara biyya dararaafi rakkoon irra gahuu danda’uutti deebisuun akka isa yaaddeessu himee ture.
Eejansiin UN gabaasa baatiiwwan muraasaan dura baaseen, “Hojimaanni kolu-galtummaa saffiisaafi yaaddeessaadha. Dhimmoota tokko tokkoo irratti murteen waggaa tokkoo hanga lamaa akka fudhatu hubatameera," jedhe.
Mohaammad jireenyisaa dhphina keessa akka galee akka itti dhagahamu dubbata. Sanadawwan barbaachisan waan hin qabneef karaa seera-qabeessa ta’een hojjachuu hin danda’u.
“Hiriyoonnifi maatiinkoo na gargaaru'' kan jedhu Mohaammad, hojii xiqqoo argatu hojjachuun of gargaaruuf yaalaa akka jiru hima.
Haata’u malee, ittigaafatamummaa ijoolleefi haadha warraasaa gargaaruutiin haalli itti cimuu dubbata.
Ruwaandaa keessaa bahuunis biyyoota akka “Kaanaadaafi Awustiraaliin kan nagaa qabeessoo ta’an deemuu‘‘ akka barbaadu dubbata.
Aanga‘oota mootummaa Ruwaandaa dubbisuuf gaaffii dhiyeessineef akka nutti dubbatanii waadaa seenanilleen, nutti dubbachuu garuu hin dandeenye.
Ibsa dubbi-himaa mootummaa biraa bahe jedhame nuuf kennamulleen, ''loogiin karaa kamiinuu taasifamu heera mootummaa keenyaan kan dhorkamedha. Ruwaandaan hundumaa wal qixxaan simmatti‘‘ ergaa jedhu qabateera.
Haata’u malee, baqattoonni Ruwaandaa keessaatti milkaa’ina argatanis jiru.
Baqataan lammii Ertiraa Taklaay Xaa’imaee biyyasaa irraa gara Ruwaandaatti kan baqate bara 1998tti ture.
Wayita ammaa kanatti suuqiiwwan daldala jumlaafi supparmaarkeettiiwwan gurguddaa qaba.
Yeroo gaazexeessaan isa argee dubbiseettis, hojjattoonni saanduqawwan gurguddaa konkolaataa irraa buusuun gara suuqii isaa tokkootti galchaa akka turan taajjabeera.
“Yeroon Ruwaandaa qaqqabeetti waanti hunduu anaaf haaraa ture. Haata’u malee, lammiilee Ruwaandaa baayyee kan nama waliin waliigalan waan ta’aniif, itti makamuufi waliin ta'uuf yeroo natti hin fudhanne.
''Hojii kanan eegale hojjattoota afuriin ture. Yeroo ammaatti hojjattoota 600 oliin qaba,’’ jedha Taklaay.
Haala daldaltootaa kaaniin adda ta’eetti daldalasaa eegaluuf kan isa barbaachisu maallaqa ture.
“Ruwaandaan hanga seera isheetiin bulteetti hundaaf carraa wal fakkaataa kenniti’’ jedhe.
Akka Taklaay jedhuutti, baqattoota Ertiraa osoo homaa hin qabaatiin erga Ruwaandaa galanii booda jireenyi qajeeleef, kanneen daldala eegalan kan beeku qaba.
Baqattoota UKtti kolu-galtummaa gaafachuun gara Ruwaandaa akka dabarfaman yaadamuun wal qabatee sodaafi yaaddoo keessa galu himan ilaalchisuun yaadaa kan gaafatame Taklaay akkas jedhe.
“Maal akka isaan sodaachisu hin beeku. Asitti maal sodaachuu akka qabanis hin beeku,‘‘ jedhe.