Jarman daawwannaa Laavrov Afrikaatti taasisu 'qeerransa daawwachuu dhaqe miti' jechuun ishee dhaakkamsa kaase

Madda suuraa, EPA
Biiron dhimma alaa Jarman daawwannaa Ministirri Dhimma Alaa Raashyaa Sargee Laavrov Afrikaatti taasisu ilaalchisee "qeerransa daawwachuu hin deemne" jechuun 'imoojii' qeerransaa fayyadamuun Tiwitara irratti barreessinaan dheekkamsa kaase.
"Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Laavrov Afrikaa jira, qeerransa [imoojii qeerransaa kaa'un] ilaaluf osoo hin taane dimshaashumaan michoonni Yukireen "waan kan Raashiyaa ta'e hunda balleessuf" jedhee dubbachuuf." jechuudhan Biiron Dhimma Alaa Jarmanii fuula Tiwitara isaarratti barreesse.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Namoonni baay'en ammoo qondaala Raashiyaa gara ardii Afrikaa kan fidu bineensota ardittiin qabdu qofaadhaa? jechuun dheekkamsaan akka gaafatan taasisera.
Odu himtuun dura taa'aa Gamtaa Afrikaa kan ta'e Ebba Kaloondo, "Ardiin Afrikaa, uummanni isheefi bineensonni ishee isiniif qoosadhaa?" jechuun Jarmaniif gaaffii dhiyeessun fuula Tiwiitara irratti barreessite.
Aab Eebba Kaloondo dabaluunis Minsitirri Dhimma Alaa Jarman kan ta'an Analena Ba'erbok dhiyeenya kana teessoo Gamtaa Afrikaa Finfinneetti argamu daawwachuu kaasun, "Isheen bineensota daawwachuu- [Finfinnee] deemtee?" jechuun gaafatti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Namni biraa Kofi Yeboah jedhamu ammoo, "Afrikaa jechuun bineensota daawwachuu ol akka taate si'a meeqa isinitti himna?" jechuun barreessa.
"Waraana Awurooppatti gaggeeffamuuf olaantummaa 'ji'oopolotiksii argachuuf jecha waa'ee ardii Afrikaa ilaalcha hin taane fayyadamuun Afrikaa keessatti hiriyaa homaatuu isiniif hin argamsiisu.
"(Afrikaan ardii bosonaan uwwiffamteefi bineesota lafa bal'aa irra jiraatan qabduudha)," jechuun qeeqxe Zeeyinab Usmaan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 3
Ministiirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Lavroov ji'a jaha keessatti si'a lammaffaa Afrikaatti daawwaannaa taasisaa jiru.
Daawwannaa alanaa kana jalqaba torbee kanaa Afrikaa Kibbaatti taasisuun eegalan.
Raashiyaan waraana Yukireen irratti bante sababa godhachuun Jarman dabalatee biyyoota Lixaa irraa balaaleffannaafi qoollifannaan irra gahaa jira.
Kanumaafis biyyoonni lixaa kun Yukireenif meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa dabalatee deeggarsa addaa addaa kennaafii jiru.