Yukireen Keerson to’achuutti lammiileen gammadaa jiranis waraanni hin xumuramne

Lammiilee Yukireen gammachuun wal hammatan

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Jiraattoonni magaalaa Yukireen Keerson gammachuun guutaman wayita loltoonni gara magalaa seenan simatan.

Akkasumas, jiraattooni magaaloota akka Keeyiviifi Odeessaa fa’ittis hedduun gammachusaanii ibsachaa turuun gabaafameera.

Mooskoon kan yaaddee milkaa’uuf baatuleen qondaaltoonni Yukireen garuu of eeggannoo barbaachisa jechaa jiru.

Gorsaan Ministira Yukireen Yuurii Saak, ‘‘bashannanuuf yeroonsaa ganaadha,’’ jechuun BBCtti himan.

‘‘Yeroo hunda Keersoniin akka bilisa baafnu ni ammanna ture. Amma Raashiyaanoonni waraana kanaan moo’achuu akka hin dandeenye amanusaanii mirkanneeffanneera.

Sadarkaadhumaan naasuu argaaa jirra. Holoolaan namoota raasuu argaa jirra,’’ jechuun sagantaa raadiyoo 4 Tudeey jedhuutti himan.

‘‘Dhugaatti kun injifannoo barbaachisaadha. Garuu…waraanni kun ganaa hin xumuramne,’’ jedhan.

Keersan hir’inni bishaan, qorichaafi nyaataa mudatulleen, dhiyeessitiin yeroo balaa Miikoolaayiiv irraa dhufuu jalqabuu ittaanaan kantibaa magaalaa dubbatan.

Ittaanichi Roomaan Goolooviyaan akka jedhaniitti, waraanaan dura namoota kuma 320 ta’u magaalicha keessaa kan jiraataa turan yoo ta’u, amma garuu kuma 70-80 qofaatu Kerson keessa jiraata.

Pirezidaantiin Yukireen Volodiimaar Zelenskii gama saanitiin ‘‘osoo weerartoon Kersoon keessaa hin baqatanii dura bu’uuraalee misoomaa ijoo hunda barbadeessaniiru’’ jedhan.

Magaalattiin yoom ibsaa akka argattuu hanga yoonaatti hin ibsamne. Adda cicituun ibsaa Kersoon daabboon akka hin tolfamneef gufuu itti ta’eera.

Fanjiiwwaniifi kiyyoowwan Raashiyaan Kerson fi naannawatti awwalaaman fashalsiisuun humnootiin Yukireen hojii olaanaa jalqabuu Zelenskiin dubbatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun osoo kanaan jiruu, Yukireenoonni hedduun maddi odduu ijoo TV Yukireen naannichatti tamsaasa itti fufeera.

Yurii Saak haleellaan miisaa’eelii yaaddoo itti fufaa ta’u akeekkachiisaniiru.

Raashiyaan torbanoota dhiyoon asiitti bu’uuraalee misoomaa Yukireen irratti miisaa’eeloota dhokaasuun human biyyattii heddumminaan miitee jirti.

Hogganaa waraana naannoo Kiiyiiv kan ta’an, Oleeksii Kuleebaa BBCtti akka dubbataniitti, ‘‘Baatii darbe ollaawwan namoota nagaa Yukireen irratti haleellaa olaanaa agarree jirra. Amma dubbachu kanan barbaadu naannoo Kiiyiiv irratti yaaddoon haleellaan rookkeettii ammas olaanaadha’’ jedhan.

Gama biraatiin ammoo Itti gaafatamaan duraanii manni marii nageenya biyyaaleessaa Yukireen Aleeksaandari Daaniiliiyuuk,  looltoonni Raashiyaa Kerson keessaa booddeetti deebii’an Laga Daaniipiroo qaxxaamuruun gama bitaatiin gara ittisa cimaatti akka seenan BBCtti akeekaniiru.

Mooskoon looltoota gara kuma 30tti siqanii fi meeshaalee waraanaa gara kuma 5tti siqan akkasumas qabeenyaawwan gara biraa baafamu ibste jirti.

Ministeerri Raayyaa Ittisaa UK guyyaa Sambataa akka beeksiiseetti, looltoonni Raashiyaa haaluma qaama booddeetti baqachutiin, Laga Diiniipiroo irratti daandiiwwaniifi riqichaalee baabuuraa barbadeessuuf carraansaa olaanaadha.

Fakkiiwwan guyyaa Jimaataa bahan akka agarsiisaniitti, karaa ce’umsa lagichaa guddichaatiin riqichi Antoniiviiskii gartokkeensaa barbadaa’uu kan mullise yoo ta’u, miidhaan kun attamiin akka mudate ifa miti.

Waraabbiin viidiyoo haaraa BBCn mirkaneesseen, qarqara hidhaa gama tokkoo irratti dhohiinsii olaanaan umamuu agarsiisa.

Yukireeniifi Raashiyaan hidhiicha fanjiin haleelluuf karoora qabdi jechuun wal himataa turan.

Hidhichi osoo rukutamee ammo naannoo Kerson keessatti balaa lolaa hordofsiisuu danda’a yaaddoo jedhu uumeera.