Zeleniskiin hooggantoonni biyyoota Arabaa waraana Yukireen callisanii ilaalan jechuun komatan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii hooggantoonni biyyoota Arabaa gariin weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwattee jirtu callisanii ilaalaniiru jechuun komii dhiheessan.
Pireezidantichi kana kan jedhan yaa'ii biyyoota G7 Jappaanitti gaggeeffamuuf garas imaluusaaniin duradha.
Aab Zeleniskiin Sa'uudii Arabiyaatti argamuun yaa'ii Liigii Arabaarratti wayita hirmaatan yaada kana dubbatan.
Biyyoota Liigii Arabaa keessaa Siiriyaa qofatu weerara Raashiyaa deeggarti, warri kaanis hariiroon Moskoo waliin qaban laayyoo miti.
''Har'a kanan as jiruuf ejjennoo keessan isa dhugaa baruufani. Dhiibbaan Raashiyaa hagam ulfaatus, dhiibbaa qaama kamirraayyuu walaba ta'uu feesisa,'' jedhan Zeleniskiin.
Yaa'ii Liigii Arabaa biyyasheetti kan keessummeessaa jirtu Sa'uudii Arabiyaan, waraana Yukireen ilaalchisee dogoggora akka hin uumneef of eeggannoon sochooti.
Gamtokkoon waamicha UN loltoonni Raashiyaa Yukireen gadhiisanii akka ba'an taasise deeggarti, deeggarsa namoomaa Yukireeniifiis doolaara miiliyoona 400 arjoomteetti.
Gama biraan ammoo qoqqobbii biyyoonni lixaa Raashiyaarra kaa'an mormiti, waraanicha keessatti qaama kamirraayyuu bilisa ta'uu mul'isuu feeti ammoo.
Ilmi mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan biyyisaanii Moskoo fi Kiiv walitti araarsuuf jaarsummaa akka teessu irra deebi'uun yaa'ii liigii Arabaa kanarratti gaafatan.
Waggaa 12 booda teessoo liigichaatti kan deebifamte Siiriyaan, hoogganaan ishee Bashaar al-Asaad, biyyoonni lameen giddu-seentummaa qaama alaa malee dhibdeesaanii furatanii walii galuu ni danda'u turan jedhan.
Aab Zeleniskiin miseensummaa Liigii Arabaa keessa kan hin jirre Iraan, diroonii Shahed jedhamu Raashiyaaf kennuushee yaa'ii kanarratti kaasuun himataniiru.
Iraan diroonii jedhame Raashiyaaf kennuu ni haalti.
Hoogganaan Yukireen kun Dilbata borii Sa'uudii Arabiyaarraa kallattiin gara Jappaan imaluun yaa'ii biyyoota G7 irratti hirmaachuuf akka jiran Jappaan Sambata har'aa ganama ibsiteetti.
Qondaaltonni akka ibsanitti Aab Zeleniskiin jalqaba qondaaltota marichaa waliin erga mari'atanii booda, addatti Ministira Muummee Jappaan Fuumiyoo Kishiidaa waliin ni mari'atu.
Jalqaba ji'a kanaarratti Aab Zeleniskiin, guyyoota muraasa keessatti Pireezidanti Joo Baayidan Jappaanitti akka argatan miidiyaa biyyasaaniitti akka himanii turan.
Mariin biyyoota G7 kun Jimaata kaleessaa kan eegale yoo ta'u, weerara Raashiyaa balaaleffachuu fi qoqqobbii dabalataa irra kaa'uun kaayyoo ijoo yaa'ichaati.
Miseensonni biyyoota G7 jedhamanii US, Uk, Firaansi, Italii, Jarmanii, Kanaadaa fi Jappaan.
Bara kana Awustiraaliyaa fi Indiyaa dabalatee biyyoonni biroo saddeet affeeramaniiru.












