Itoophiyaan waajjira qontsilaa Somaalilaand gara embaasitti guddiste - Ministara Somaalilaand

Ministir Alii Hasan Mahammad
Maxxanfame

Itoophiyaan waajira qontsilaa Somaalilaand Hargeessaatti argamu gara embaasii tajaajila guutuu kennutti guddisuu ministarri Somaalilaand ibsan.

Ministarri Odeeffannoo, Aadaafi Qajeelfamaa Somaalilaand Alii Haasan Mahammad(AIii Marihaan) guyyootaan dura pireezidantiin biyya walaba jechuun of labsite Somaalilaand, Musaa Bihii Abdii qontsilaan gara embaasitti guddachuu waan dubbatan BBC af-Somaaliif mirkaneessaniiru.

''Waajirri qontsilaa Itoophiyaa gara embaasii tajaajila guutuu kennutti guddachuu ilaalchisee kabaja guyyaa walabummaa xiyyeeffannoon guddaa kennamurratti haasaa uummataaf taasisaniin ibsaniiru,'' jechuun ministarichi BBC af-Somaalitti dubbataniiru.

Pireezidant Musaa Abdii Somaalilaand guyyaa walabummaa itti labsiteefi akka biyyaatti hundeeffamte Caamsaa 18,2024 waggaa 33ffaa yoo kabajju waajirri qontsilaa Itoophiyaa Hargeessaa jiru gara embaasitti guddachuu yeroo jalqabaaf dubbachuu Somaalilaanditti ministeerri hajaa alaa ibsi baases agarsiisa.

Odeeffannoo qondaaloti Somaalilaand kennan ilaalchisee dubbi-himaan ministeera hajaa alaa Itoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tadilaa BBC'n kan gaafate yoo tahu ibsa torbee ministeerichi kennuratti akka ibsamu himan.

Pireezidantiin biyyattii Sahaalewarqi Zawudee muudama ambaasaaddarummaa guutuu namoota kennaniif 10 keessaa ergamaa qontsilaa Itophiyaa tahuun tajaajilaa kan turan Daliil Kadiir Bushiraan dabalamuu ministirri hajaa alaa Itoophiyaa ibsa Caamsaa 7/2016 A.L.I baaseen himeera.

Daliil Kadiir bara darberraa qabee Somaaliilaanditti ergamaa Itoophiyaa tahuun tajaajilaa akka turan ragaaleen agarsiisu.

Qontsilaan Itoophiyaa Somaalilaanditti argamu gara embaasiti guddachuu ilaalchisee Somaaliyaarraa hamma ammaatti waan ifatti dubbatame hin jiru.

Somaaliyaan waliigaltee Itoophiyaa fi Somaalilaand gidduutti taasifameen hariiroo dippiloomaasii Itoophiyaa wajjin qabdu addaan kutuuf murteessuun ambaasaaddarotaafi dippiloomaatota biyyasheetti argaman akka bahan ajajuun dabalataan ambaasaaddara biyyattii Finfinnee jiran waamteetti.

Kans malees ministeerri hajaa alaa Somaaliyaa waajiraaleen qontsilaa Somaalilaandiifi Puuntilaand keessa jiran akka cufaman murtoo dabarsee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaafi Somaalilaand baatii afuriin dura waliigalteen wal-hubannoo Itoophiyaan hulaa galaanaa akka fayyadamtu eeyyamu sadarkaa gaariirra akka jiru ministarri Somaalilaand kuni ibsaniiru.

Waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii biyya tahuu kennuufi Itoophiyaaf ammoo kiraa buufata naannoo galaanaa argamsiisu, yeroo ji'a lamaa keessatti akka mallatteefamu Somaalilaanditti ministarri hajaa alaa fi tumsa biyyaalessaa Isaa Kaayid BBC afaan Somaaleetti torbanootaan dura dubbatanii turan.

Ministaricha dabalataan Doochaveelee waliin turtii taasisaniin buufata humna galaanaaf iddoowwan kireeffachuu dandeessu sadii adda baafamaniiru jedhan.

Ministarichi biyyooti lamaan waliigalteen wal-hubannoon mallatteessan haala gaarii akka jiru ibsanii bifuma waliigalteewwan idil-addunyaa raawwataniin akka hojiirra oolus himaniiru.

Waliigalteen raawwatame hariiroo damee baayyee waggaa 30 lakkoofsise kan jabeessedhas jedhaniiru.

Ministirichi mormii Somaaliya ilaachisee gaaffii isaaniif ka'e yeroo ibsan, ''mootummaan Somaaliyaa Somaaliaand irratti aangoo homaa akka hin qabneefi carraan egeree biyyattii kara kamiinuu Somaaliyaa hin ilaallatu,'' jechuun dubbataniiru.

Rippaabliikiin Somaalilaand bulchiinsi Moqaadishuu otoo hin hundaa'in duras Itoophiyaa wajjin hariiroo fayyalessa qabaachuu ibsaniiru.

Itoophiyaan Somaalilaand biyya jechuun of labsiteefi beekamtii idil-addunyaa hin arganne waliin qarqara galaanaa km20 dheeratu argachuu waliigalee wal-hubannoo mallateessuun Somaaliyaa akkaan kan dheekkamsiise yoo tahu naannoo biyyoota kanaatis muddama uumuu mala yaaddoon jedhu jira.

Gama Somaaliyaan himannaafi ibsa garaagaraan baasuun dabalataan dhimmicha gara mana maree nageenyaa UN'ttis geessiteetti.