Sababa nukilaraan Iraaniin kan diinomfatte US akkamiin Sa'uudiif nukilara eyyamte, waliigalteen kun kan akkamiiti?

Ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan fi Doonaald Tiraamp
Ibsa waa'ee suuraa, Adoolessa 22, 2026 US fi Sa'uudiin waliigaltee nukilaraa mallatteessan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Ameerikaa fi Sa'uudii Arabiyaan Adoolessa 2026 waliigaltee sagantaa nukilaraa waliif mallatteessaniiru.

Biyyoonni lameen wayita waliigaltee mallatteessan sagantaan nukilaraa irratti waliigalan kun kan ''tajaajila anniisaa uummataaf kennu'' ta'uu ibsaniiru.

Haata'u malee wayita Ameerikaan sababa nukilaraa Iraan waliin waraanatti jirtutti waliigalteen nukilaraa ajandaa ta'ee dhihaachuun mataansaa ''miira dorgommii meeshaalee waraanaa nukilaraa kakaasa'' jechuun kanneen waliigaltee kana qeeqan jiru.

Waliigalteen US fi Sa'uudii kun Adoolessa 22 mallattaa'us, Kongiresiitti erga dhihaatee booda raggaasifamuu qaba.

Kanaafuu qaamni dhimma kana harkaa qabu- Dippaartimantiin Anniisaa US, waliigaltee kanatti sagaleen akka kennamuuf Kongiresiitti dhiheessa.

Akkaataa seera Anniisaa Atoomawaa 1946 tumameen waliigalteen akkanaa erga Kongiresiitti dabarfamee booda ji'a sadi keessatti ragga'uu qaba.

Kongiresiin waliigaltee kana kuffisuus raggaasisuus danda'a.

Dhimmi waliigaltee nukilaraa US fi Sa'uudii Arabiyaa bara bulchiinsa Tiraamp kana kan eegale osoo hin taane, bara bulchiinsa Pirezidantota duraaniis tureera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasi New York Times bulchiinsi Pirezidantii duraanii Joo Baayidan Sa'uudiin akka Israa'eliif beekamtii kennituuf dhiibbaa uumuuf jecha waliigaltee nukilaraarra ga'uuf adeemsarra ture.

Biyyoonni lameen marii dhimma waliigaltee nukilaraa kan xumuran Onkoloolessa 2025 yoo ta'u, Guraandhala 2026 ammoo Pirezidant Doonaald Tiraamp Sa'uudii waliin waliigaltee nukilaraa siivilii mallatteessuuf akka jiran ibse.

Akka gabaasa gaazexaa US kanaatti waliigalteen sagantaa nukilaraa kun akka Sa'uudiin yuraaniyemii gabbate qabaattu ni tumsa.

Tiraamp ammoo dhimmi gabbisa yuraaniyemii waliigaltee kana keessa hin jiru jedhe.

Waliigalteen kun hariiroo mishaa Sa'uudii Arabiyaa fi Israa'el gidduutti uumuu dhimma jedhus kan hammate miti.

Tiraamp isa bulchiinsi Baayidan waliigaltee nukilaraa kana akka qaama karoora hariiroo Sa'uudii fi Israa'el ittiin tolchuutti fudhachuun adeemsarra ture kuffiseera.

Tiraamp beekamtii Sa'uudiin Israa'eliif kennitu akka haal duree waliigaltee kanaatti dhiheessuu baatus, waliigalteen kun hojiitti hiikamuuf garuu Sa'uudiin hariiroo gaarii Israa'el waliin tolfachuu akka qabdu ibseera.

Biyyoonni Arabaa fi Galoo Galaanaa Israa'el waliin hariiroo gaarii akka uummatan gochuuf jecha bara 2020, bulchiinsa isaa jalqabaa keessatti, waliigaltee Abiraahim- Abraham Accords jedhamu kan uume Tiraamp, Sa'uudiinis qaama waliigaltee akka taatu fedha.

Biyyoonni akka Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), Bahreen, Morookoo fi Sudaan waliigaltee kana mallatteessuun Israa'eliif beekamtii biyyummaa warra kennan yoo ta'an, Tiraamp ammas biyyoonni Baha Giddugaleessaa hundi waliigaltee kana akka mallatteessan dhiibbaa uumaa jira.

Kanaaf jecha Sa'uudii Arabiyaa fi Masirii dabalatee biyyoota Arabaa hedduuf deeggarsa meeshaalee waraanaa taasisa.

Waliigalteen sagantaa nukilaraa Sa'uudii kunis karaa ittiin bulchiinsi Tiraamp dhiibbaa uumu keessaa tokko ta'ee fudhatamuu danda'a.

Garuu tumsi damee waraanaa US kun naannawa duraanuu waraanni itti seenee jiru keessatti dorgommii meeshaa waraanaa hammeessuun balaa guddaa uuma jechuun kanneen karoora Tiraamp kana qeeqan hedduudha.

Waliigalteen nukilaraa US fi Sa'uudii Arabiyaa waggaa 30f turu kun biyyi Galoo Galaanaa kun akka dandeettii yuraaniyemii gabbisuu horattu kan dandeessisu yoo ta'u, sagantaa kana keessatti jaarmiyaalee fi teeknooloojiin US ni hirmaatu jedhameera.

Teeknooloojiin gabbisa yuraaniyemii Sa'uudii Arabiyaa keessatti akka ijaaramus waliigalteen kun ni eeyyama.

Waliigalteen kun qaama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) kan sagantaa nukilaraa biyyoota addunyaa to'atu- Ejensii Anniisaa Atoomawaa Idiladdunyaa- IAEA hin hirmaachifne.

Jaarmiyaan kun Adoolessa 23 ibsa baaseen biyyoonni lameen akka waliigalteensaanii mirkanaa'uuf gaaffii akka dhiheeffatan eegaa jiraachuu ibsee ture, ammoo kana gochuuf karoora akka qaban akka quba qabu hime.

Dippaartimantiin Annisaa US ''waliigaltee nukilaraa naga qabeessa'' jechuun ala qabxiilee waliigaltee kanaa bal'inaan hin ibsine.

Waliigaltechi jaarmiyaaleen Ameerikaa sagantaa anniisaa Sa'uudii irraa akka fayyadaman akka taasisus ibseera jaarmiyaan US kun.

Jaarmiyaaleen yuraaniyemii gabbisan akka madda anniisaatti kan tajaajilan yoo ta'an, akkasuma ammoo boombii nukilaraa oomishuuf ka'umsa ta'u.

Adeemsi akkanaa naannawa tasgabbii hin qabne [Baha Giddugaleessaa] keessatti sodaa fi yaaddoon meeshaalee waraanaa nukilaraa akka babal'atu taasisa jechuun akeekkachiisu ogeeyyiin.

Dhimmi nukilaraa sababa ijoo US fi Israa'el qindoomina uumuun Iraan irratti waraana bananiidha.

Biyyoonni lameen Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa hojjechuu akka dhaabduuf waraana banuu kan ibsan yoo ta'u, Iraan ammoo gamasheen meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf fedhii akka hin qabnee fi yuraaniyemii kan gabbistuuf akka madda anniisaatti fayyadamuuf akka ta'e irra deddeebiin ibsiti.

Yaaddoo boombii nukilaraa fi waraana Iraan

Waliigaltee sagantaa nukilaraa US fi Sa'uudii Arabiyaa kanarratti aanga'oota US fi Israa'el dabalatee namoonni hedduun qeeqaa fi shakkii dhiheessaniiru.

Aanga'oonni US wayita waraanni Iraan Ameerikaa fi addunyaa qoraa jirutti waliigalteen akkanaa dorgommii meeshaa waraanaa babal'isuuf humna akka qabu sodaa qaban ibsuun, hojiirra oolmaan waliigaltee kanaarraa yaaddoo akka qaban dubbataniiru.

Irra jireessaan aanga'oonni US waliigaltee kana qeeqan miseensota Paartii Dimokiraat teessoo Kongiresii keessaa qaban yoo ta'an, qondaalonni Israa'elis yaaddoo qaban ibsaniiru.

Senetarri miseensa Paartii Dimokiraat ta'e Ed Markii waliigalteen kun ''dantaa biyyaaleessaa dabarsee kan kennudha,'' jechuun qeeqe.

Miseensi Kongiresii Niwu Yoork irraa bakka bu'e Giriigoorii Miiksi adeemsa bulchiinsa Tiraamp keessaa inni kun baayyee akka isa yaaddessu ibse.

''Hunda caalaa kan nama dhibu yeroo itti waliigaltee kanarra ga'ameedha. Bulchiinsi Tiraamp akka warri Sa'uudii naannawicha keessatti waan inni fedhu raawwataniif waan kaffalaafii jiru fakkaata.''

Senetarri Varjiiniyaa Tim Keeyin ammoo waliigalteen kun akka kan bara bulchiinsa Pirezidant Barkaa Obaamaa, 2009, UAE waliin mallattaa'ee, ulaagaa Waliigaltee Hariiroo Anniisaa Nukilaraa Naga Qabeessa kan Siivilii ta'e, kan hin guunnedha jechuun yaaddoo qabu ibse.

Akkasumas jaarmiyaa idiladdunyaa sochii hojii nukilaraa to'atu IAEA hirmaachisuu dhabuun yaaddoo biraa ta'uu kaase.

Ameerikaanonni sirna durii leellisan ammoo waliigalteen kun hariiroo Israa'el fi Sa'uudii gidduu fooyyessuu dabalachuu dhabuu isaatiin qeeqaniiru.

Gabaasi CNN akka mul'isetti aanga'oonni Waayit Haawus waliigalteen kun akka ibsamuu hin qabne hooggantoota Damee Anniisaa akeekkachiisuu himanis hooggantoonni kunneen garuu waliigaltee kana uummataaf ibsaniiru.

Himannaa aanga'oonni Waayit Haawus dhiheessan kanarraa kan ka'e bulchiinsa Tiraamp keessatti dhibdeen uumameera jedha gabaasi CNN.

Waayit Haawusitti dubbi himtuu itti aantuu kan taate Tayilar Roojersi waliigaltee nukilaraa kana irratti qoqqoodamiinsa waajjiricha keessatti uumame irratti wayita deebii kennitu ''dameen inarjii bulchiinsa Tiraamp karoora bulchiinsichaa isaa waliin kan deemaniidha. Waliigaltechi Sa'uudiin akka qaama waliigaltee Abirahaam taatu haal-duree kaa'eera. Kun ammoo Baha Giddugaleessaaf nageenya dhugaa mirkaneessa,'' jette.

Aanga'oota Israa'el keessaa Ministira Diinagdee Nir Barkat qofatu waliigaltee US fi Sa'uudii kanarratti yaada kenne.

''Akkuma jedhan waliigalteen nukilaraa kun anniisaaf yoo ta'e, naga qabeessa yoo ta'e, mormii irraa hin qabnu,''jedhe.

Ammoo aanga'oonni duraanii mootummaa Israa'el fi mormitoonni biyyattii waliigaltecha qeeqaniiru.

Ministirri Muummee duraanii Naftaalii Beneet ''dachee Sa'uudii irratti meeshaalee nukilaraa gabbisuun dorgommiin nukilaraa akka babal'atu taasisa, kun ammoo mancaatii hamaa naannochatti fida,'' jechuun waliigaltee kanarraa yaaddoo qabaachuu ibse.

Miseensi paarlaamaa Israa'el Aviigdor Liibermaan ''sagantaan meeshaa waraanaa nukilaraa kamuu nukilara siiviliif jedhamurraa eegala,'' jechuun mootummaan Israa'el akka Kongiresiin US waliigaltee kana kuffisu dhiibbaa akka godhu gaafate.

Ameerikaatti Ambaasaaddara Israa'el kan ture Mikaa'el Herzog waliigalteen kun akka Sa'uudiin beekamtii biyyummaa Israa'eliif kennitu haal-duree godhachuu dhabuusaa qeeqe.

Waliigalteen amma ''nageenyaaf'' jedhamee mallattaa'e kun gara dantaa waraanaa galmaan ga'uutti akka hin geeddaramne daangaan kaa'ame dhibuun akka isa yaaddessus ibse.

Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliigaltee kanarratti yaaddoo ka'aniif wayita deebii kennu US ''waliigaltee balaa meeshaalee waraanaa nukilaraa babal'isuu qabu kamiyyuu biyya addunyaa kamuu waliin hin mallatteessitu,'' jedhe.

Sa'uudiin sagantaa nukilaraa ishee maaliif iccitii gooti?

Wiirtuulee gabbisa humna nukilaraa kan hin qabne Sa'uudii Arabiyaan, madda anniisaa babal'isuun fedhii biyya keessaa guutuuf karoora bal'aa qabdi.

Mootummaan biyyattii buufataalee anniisaa maddi isaanii boba'aa ta'e nukilaraan bakka buusuun, boba'aa baayyinaan alatti erguuf karoora akka qabu ibseera.

Kanaaf bara 2010 jaarmiyaa damee humna anniisaa nukilaraa bulchu Giddugala Mootii Abdallaa Anniisaa Atoomawaa fi Haaromfamuu- King Abdallah Center for Atomic and Renewable Energy- KAcare jedhamu hundeesse.

Sa'uudiin bara 2011 biyya teeknooloojii ri'aaktaroota nukilaraa alatti erguun beekamtu Faransaay waliin waliigaltee nukilaraa jalqabaa mallatteessite.

Akkaataa waliigaltee kanaan Faransaay giddugala KAcare gargaaruun akka Sa'uudiin ri'aaktaroota nukilaraa babal'ifattu ni gumaachiti.

Ergasii biyyattiin Caamsaa 2015 kubbaaniyyaa Kooriyaa Kibbaa SMART jedhamu waliin waliigaltee walhubannoo mallatteessuun, kubbaaniyyaan kun yoo xiqqaate ri'aaktaroota lama ijaareeraaf.

Bara 2017 ammoo jaarmiyaan qorannoo jiyooloojii Sa'uudii- Saudi Geological Survey jedhamu kuufama yuraaniyemii biyyattii adda baasuu irrati Korporeeshinii Nukilaraa Biyyaalessaa Chaayinaa- CNNC jedhamu waliin waliigaltee mallatteesse.

Gaazexaan The Guardian jedhamu bara 2020 odeeffannoo keessoo CNNC fi kubbaaniyyaa nukilaraa Beejiingi (BRIUG) irraa argachuun akka gabaasetti Sa'uudii Arabiyaan oorii yuraaniyemii ga'aa anniisaa nukilaraa oomishuuf ishee dandeessisu qabdi.

Xiinxaltoonni damee kanaa tokko tokko iftoomina dhabuu Sa'uudii akka sababaatti kaasuun, biyyattiin boombii nukilaraa oomishuu akka dandeessu yaaddoo qaban ibsu.

Jaarmiyaan idiladdunyaa dhimma nukilaraa to'atu IAEA, yeroo sana Sa'uudiin ri'aaktara nukilaraa mataashee qabaachuutti dhihaachuu ibsuun, garuu akka jaarmiyaan to'atu ammoo walii hin galle jechuun himatee ture.

Bara 2023 Ministirri Anniisaa Sa'uudii Ilmi mootii Abdulaziiz Bin Salmaan biyyisaa industirii humna nukilaraa qabaachuuf deemtuuf yuraaniyemii biyyuma keessaa baafame fayyadamti jedhee ture.

Biyyattiin jalqabaa hanga dhumaatti oomisha anniisaa nukilaraaf marsaa hunda keessatti of danda'uun oomishti jedhe.

Sa'uudiin waliigaltee dhiheenya Ameerikaa waliin mallatteessite keessattis IAEA waan hin hirmaachifneef ammas hanqina iftoominaan komatamaa jirti.

Sa'uudiin yuraaniyemii gabbisuu dandeessii?

Sa'uudii Arabiyaan biyyoota Waliigaltee Farra Meeshaalee Waraanaa Nukilaraa mallatteessanii fi miseensa ta'an keessa jirti.

Waliigaltee kana keessatti biyyoonni akka yuraaniyemii gabbisan eeyyamni, akka hin gabbisne ammoo dhorkaan ifatti ibsame hin jiru.

To'annoo IAEA jalatti taanaan biyyoonni yuraaniyemii akka hin gabbisne dhorkaan jiraachuu baatus, garuu biyyoonni dandeettii fi meeshaalee gabbisa yuraaniyemii akka qabaatan eeyyameef muraasa.

Biyyoonni meeshaalee waraanaa hidhatan fi beekamtii qaban shanan US, Raashiyaa, Chaayinaa, Faransaay fi UK fa'i.

Biyyoonni nukilara hidhatan biroon Indiyaa, Paakistaan fi Kooriyaa kaabaati.

Biyyoonni humna nukilaraa qaban, garuu meeshaalee waraanaa nukilaraa hin qabne ammoo Arjentiinaa, Biraaziil, Jarmanii, Jappaan, Iraan fi Nezerlandis.

Akka gabaasa miidiyaalee Ameerikaatti waliigalteen Sa'uudii waliin taasifame waliigaltee biyyattiin biyyoota addunyaa kaan waliin qabdurraa adda.

Ameerikaan waliigaltee nukilaraa nageenyaaf jettu kana biyyoota addunyaa 50 ta'an waliin akka qabdu ministeerri anniisaa biyyattii ibseera.

Waliigalteewwan akkanaa tumsi meeshaalee boba'aa fi anniisaa (energy) oomishuuf oolan (reactos) fi teeknooloojiiwwan biroo dabalatee meeshaalee nukilaraa oomishuuf gargaaran akka taasifamuu fi qorannoon waloo akka gaggeeffamu ni eeyyamu.

Haata'u malee yeroo ammaa biyyoonni akka Sa'uudii humna nukilaraa gabbifachuuf boba'aa alaa kan galchan yoo ta'u, galtee biyyoonni nukilara qaban fayyadaman deebisanii hojiirra oolchuuf dirqamu.

Malli kun albuudota nukilara oomishuuf oolan, Piluutiiniyamii fi yuraaniyemii, deebisanii baasuuf kan gargaaruudha.

Dhaabbata Defense Priorities jedhamutti daarektara damee Baha Giddugaleessaa kan ta'e Roozmarii Kelaaniik, waliigaltechi Ameerikaan akka Sa'uudiin yuraaniyemii gabbistu kan eeyyamu yoo ta'e ''baayyee nama rifaasisa,'' jedhe.

Ameerikaan kanaan dura akkana gootee hin beektu. Biyyoonni kaan akka dacheesaaniirratti gabbisan gargaartees hin beektu,'' jechuun waliigalteen Sa'uudii kun adda ta'uu ibse.

''Biyyoonni humna nukilaraa mataasaanii gabbisuu yoo danda'an meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuu waan danda'aniif balaa guddaadha.''

Sa'uudiin Baha Giddugaleessaa keessaa biyyoota Ameerikaan hariiroo cimaa waliin qabdu keessatti argamti.

Biyyoonni lameen waliigaltee daldalaa, investimantii fi meeshaalee waraanaa cimaa kan qaban yoo ta'u, keessattuu michummaansaanii bara bulchiinsa Tiraamp cimeera.

Sa'uudiin yeroo ammaa jeettiiwwan waraanaa F-15s jedhaman dabalatee meeshaalee waraanaa akkaan ammayyaawoo ta'an US irraa kan argattu yoo ta'u, ministeerri dhimma alaa US waliigalatti Sa'uudiif meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 2tti siqu raggaasiseera.

Biyyattiin xiyyaara waraanaa F-35 akka argachuu dandeessus Tiraamp waadaa galeeraaf.

US Baha Giddugaleessaa keessatti gama tokkoon Iraan dadhabsiisuuf yoo haleellaa irratti raawwattu, gama biraan ammoo Sa'uudii hidhachiisuurratti xiyyeeffatteetti.

Sa'uudii fi Iraan dhibdee yeroo dheeraa kan qaban ta'us, garuu kallattiin waraana walirratti bananii hinn beekan.

Ammoo karaa al-kallattiin (faallaa waliin goranii hidhattoota ykn qaama wal waraanu tumsuun) waraanni gidduusaaniitii dhabamee hin beeku.

Keessattuu biyyoonni lameen hidhattoota Huutii Yaman irratti dhibdee hamaa keessa jiru.

Erga waraanni eegalee callisa kan filate Huutiin, dhiheenya kana Galaana Diimaa Sa'uudiitti cufuun dooniiwwan ishees haleelaa jira.

Gama kaaniin hidhattoonni Iraan kanneen Iraaq keessa jiran wayita wiirtuu humna waraanaa US kan Sa'uudii keessa jiru, akkasumas misoomaawwan bu'uu isheee irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatan, Sa'uudiinis haleellaa qilleensaa raawwachuun hidhattoota kunneen haaloo baateetti.

Kun ammoo seenaa keessatti yeroo duraaf Sa'uudii fi Iraan kallattiin walitti dhukaasuu mul'isa.

Amma Sa'uudiin kaabaan hidhattoota Iraaq- kan deeggarsa Iraaniin socho'aniin, kibbaan hidhattoota Huutiin hudhamtee qormaata seenteeti.

Kun ammoo waraanatti seenuu fi dhiisuu gidduutti akka danqamtu ishee taasiseera.

Haala kana keessatti wayita bulchiinsi Tiraamp biyyattiin akka nukilara qabaattuuf bira dhaabbachuu ibsu, waraanni Baha Giddugaleessaa daran hammaachuuf akka deemu yaaddoo guddaa uumeera.