Prof Mararaa fa'a Miseensa Koongirasii US, Ilhaan Omaar waliin maal mari'atan?

Pirofeser Mararaa Guddinaa fi Illaan Omar sagantaa OSA irratti argamuun waliin marii gaggeessaniiru

Madda suuraa, FB Illaan Omar

    • Barreessaa, Zelalem Duressa
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dura taa’aan KFO piroofeser Mararaa Guddinaa tibbana hawwaasa Oromoo biyya ambaa jiraatan waliin dhimma siyaasa biyya keessaa irratti mari’achuuf Ameerikaa jiru.

Gara aduu ji’a lamaaf akka turan kan himan Pirofeser mararaan shoorri diyaaspooraan qabsoo biyyaa keessatti qabu salphaa waan hin taaneef mariif deemne jedhan.

Dura teessuu Garee Hojii Imaammata US, Afrikaa 'U.S. Africa Policy Working Group' fi miseensa kongireesii US kan taate Ilaan Omar waliinis marii gaggeessaniiru.

‘Oromiyaa Xiqqoo’ jedhamuun kan beekamtu Minesootaa keessatti marii gaggeessuu kan himan Piroofeser Mararaan, ''qabsoo uummata Oromoo fuulduratti deemsisuuf dhamaatii guddaan akka nurraa eegamu hubadhe,'' jedhan.

Bakka baay’eetti yaadni ka’aa jiru ''tokkummaa saba keenyaa, tokkummaa saba keenyaa kan jedhudha. Xiqqaa guddaan humni siyaasa Oromoo tokkummaan socho’uu qabu jedhu,'' jedhan.

Sababa sagantaa OSFNA’f Ameerikaa kutaalee adda addaa fi biyyoota adda addaa irraa dhalattoonni Oromoo hedduun achitti argamaniiru.

''Lakkoofsa sana arguun hedduu nama gammachiisa. Garuu lakkoofsi namoota bakka ispoortii jiruu fi kan bakka siyaasaa jiruu wal hin fakkaatu. Kanaaf hojii guddaa hojjechuu gaafata,'' jedhan.

''Uummanni Oromoo lakkoofsa isaa gara humnaatti hin jijjiirre. Biyya keessatttis tahe alatti lakkoofsa isaa sana gara humnaatti jijjiiruu hin dandeenye.''

Itti dabaluun bal’ina lafaan, qabeenya uumamaanis tahe lakkoofsa uummataan Itoophiyaa keessaa tokkoffaa haa tahu malee caalmaa lakkoofsaa kana gara humnaatti, gara ijaarsaatti jijjiiruu hin dandeenye jedhan.

Kun ammoo gaaffii siyaasaa uummatichi qabu akka yeroo gabaabaatti hin deebineef gufuu taheera jedhan Pirof Mararaan.

Illaan Omaar waliin maal mari‘attan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirofeser Mararaa Guddinaa Ameerikaatti miseensa Kongireesii Paartii Dimokiraatotaa kan taate Ilaan Omar waliin waraqaa qorannoo dhiyeessuun dhimmoota siyaasaa adda addaa irratti mari’ataniiru.

Lameenuu qorannoo isaanii kan dhiyeessan sagantaa OSA irratti yoo tahu kan walitti isaan fides sagantaa kana tahuu himan piroofeser Mararaan.

Gorsa isheen kennite, ''asiis, biyya keessaas lakkoofsa guddaa qabdu. Lakkoofsicha gara humnaatti jijjiiraa'' nu jette jedhan.

''Oromoon lakkoofsa isaa kana irra ciisaa jira. Itti fayyadamee mirga isaa kabachiifachuu qaba ture.''

Kana yeroo jennu qe’ee isaa irratti biyya isaa irratti haa kabajamuudha malee kaan sarbuu jechuu miti,'' jedhan.

''Haa ijaaramu yoo jennu qofaa deemuu dhiisee dhaabbilee siivilii adda addaan ijaaramuu qaba. Paartilee siyaasaa adda addaa keessatti, karaa mootummaayyuu yoo tahe ijaaramuu qaba. Waraabessi keenyayyuu yoo tahe jabeessee yoo nuuf yuuse gaarii tahan jedha. Dammaqinaan mirga isaaniif gaafachuu qabu.''

MM Abiy Ahimed gara aangootti osoo hin dhufiin dura sagalee wal fakkaatuun hiriirri mormii biyyoota adda addaa keessatti gaggeeffamaa ture.

Ergasii garuu kaan gaaffiin uummata keenyaa deebii argataa jira, mootummaan biyya bulchaa jiru Oromoodha kan jedhan jiru.

Gariin ammoo ammayyuu gaaffiin siyaasa Oromoo deebii gahaa hin arganne jechuun kan paartilee mormituu waliin dhaabatanis jiru.

Pirofeser Mararaan kana irratti hubannaa gahaa uumuu fi uummata keenya ijaaruuf ''hojii guddaan akka nurraa eegamu agarsiisa,'' jedhan.

KFO qofa osoo hin taane paartileen siyaasaa akka ABO Ameerikaa keessatti hawwaasa Oromoo biyyicha jiraachaa jiru waliin marii taasisaa turaniiru.

Gaaffii siyaasaa Oromoo kamtu hin deebine?

Qabsoo karaa nagaa biyya keessaa fi alaan gaggeefamaa tureen bara 2018 keessa MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufan.

Duraan kan uummanni Oromoo aangoo siyaasaa irraa qoollifatameera jedhamaa tureef deebii argamedha jedhanii kan amanan jiru. Biyya keessaas tahe biyya alaa keessa.

‘’Warra mootummaaf ergamanii waa irraa fayyadamantu gaaffiin Oromoo akka deebii argate fakkeessee odeessa malee ammayyuu Oromoon biyyittii keessatti waan lakkoofsa isaa gitu argachaa hin jiru.’’

Kutaaleen Oromiyaa nagaa qaban hin jiru.

‘’Namni ijoollee isaa keessaa WBOtti makame jiraannaan ollaan akka hin dubbisne, yoo namni du’e namni awwaalcha dhaqe, dhukkubsatanii yoo namni deemee gargaaree yaalsise Birrii 10,000 hanga 50,000 akka adabamu labsaa turan. Jaarraa 21ffaa keessa waan akkasii haasa’uun qaanii guddaadha.

Yakki kan dhuunfaan gaafatamudha malee maatii irratti waan akkasii gochuun qaaniidha jechuun rakoo nageenyaa Oromiyaa keessatti hammaate ibsu Pirof Mararaan.

Pirofeser mararaan akkana haa jedhan malee himanni akkasii yeroo adda addaa ka’us mootummaan garuu ibsa kennee hin beeku.

Sababa wal dhabdee hidhattoota WBO fi humnoota nageenyaa mootummaan namoonni nagee hedduu miidhamaa turan.

Kaan hidhattotatti hidhata qabdu jedhamuun qaama nageenyaa mootummaan hidhamuu fi ajjeefamuu, gama biraan ammoo mootummaaf hojjetta jedhamuun hidhattootaan butamuu fi ajjeefamuun bakka adda addaatti akka gaggeeffamaa akka ture dhaabbileen mirga namoomaaf falman ibsaa turan.

Gaaffiin siyaasaa uummata Oromoo namni dhiigaan Oromoo tahe aangoo haa qabatu kan jedhu osoo hin taane sirni mirga uummataa kabachiisu haa ijaaramu kan jedhudha.

‘’jijjiirama sirnaati kan fiduu barbaadnu. Sirni uummataaf dhaabbatu haa ijaaramu kan jedhudha gaaffiin keenya. Dhimma baayoloojii osoo hin taane dhimma sirnaati.’’

Haayilesillaaseen Oromoodha. Mangistuu Haayilemaariyaam Waldee maatiin isaa warra Tafkiiti. Oromoodha. Hanga sirna isaanii kan beekaa Oromoo fixe hin jiru. Aangoo qabachuuf yoo tahe Oromoon ‘’nugusayyuu’’ taheera jedhan.

Kanaafuu gaaffiin siyaasa uummataa nuyi galmaan ga’uu barbaannu jijjiirama sirnaa ijaarsa dimokiraasiif dhaabbatu fiduudha.

Uummanni tokko bilisa kan jedhamu yoo bilisaan ofii nama isaaf tahu filatu, abbaa barbaade aangootti baasee kan hin barbaanne buusu, gaafa qe’ee isaa irratti kabajamu, qabeenya isaatti bilisaan fayyadamedha jedhan.

Duula filannoo jalqabdanii?

Pirofeesar Mararaa fi waayillan isaanii daawwannaa gara Ameerikaatti taasisan Kanaan dhalattoota Oromoo biyyicha jiran qofa soo hin taane hojii dippilomaasiifis qaamolee add addaa waliin marii akka godhan himaniiru.

Gara ji’a lamaafis biyyicha turu. Bara 2021 filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa keessaa kan of baase KFO filannoo Itoophiyaa dhiyaachaa jiruuf duula na filadhaa jalqabee jennee pirofesr Mararaa gaafanneerra.

Kan amma itti jirru duula filannoo miti. Akkuma dur goonu maaltu akka paartilee keenyarraa akka eegamuu fi diyaaspooraan siyaasa Oromoo keessatti akkamiin hirmaata kan jedhu mari’achuuf deemne.

Gahee isaan siyaasa keessatti qaban guddaa waan taheef.

Filannoo dhugaan jiraatee yoo mo’amneyyuu rakkoo hin qabnu. Yooma mo’amnee warri aangoora jiraniyyuu sagalee uummata keenyaa dhugaan yoo filaman rakkoo hin qabnu.

Nuyi qophii ji’a lamaa gooneeyyuu ABO waliin tahuun Oromiyaa keessatti waan hin mo’anneef hin jiru jedhan.

‘’Nuyi [KFO] fi ABO waliin tahuun Oromiyaa keessatti hojii torban tokkooniyyuu nu filadhaa jennee osoo hojjenne akka mo’annu beekna. Kana mootummaanis waan beekuuf nu dhiiba.’’

Sagaalee uummataa argachuuf rakkoo hin qabnu. Kan hudhee nu kaa’ee fi rakkoo guddaa nuttis biyyattis tahe mootummaan filannoo dhugaa, dimokiraasii dhugaa fiduu dideetu marii biyyaaleessaa fi waan biraa jechaa rakkoo uumaa jira jedhan.

Yeroo mana hidhaatii bane, yeroo uummata dubbisuuf gara Arsii. Baalee, Harar fa’aa yeroo deemne uummata garagalee bahee nu simate. Warri mootummaa yeroo nuyi Shawaa Kaabaa geenyu naasuudhaan dirree siyaasaa cufan.

Uummatni nuuf hin bahu ykn waliin mari‘achuuf jibbinee osoo hin taane dirree siyaasaa waan nu jalaa cufaniifi kan biyya keessatti uummata awaliin mari’achuuf rakkanne jedhan.