Sheekiin Naayijeeriyaa Nabiyyuu Mohaammad arrabsuu isaanitiin duuti itti murtaa'e

Sheek Abduljaliil Naasir Kabaar
Maxxanfame

Manni-murtii Shari'aa kutaa bulchiinsa Naayijeeriyaa Kaabaatti argamtu, Kaanoo, Sheekaa beekamaa Nabiyyuu Mohaammad arrabsaniiru jechuun murtoo du'aa itti murteesse.

Murteen du'aa Sheek Abduljabbaar Naasir Kabaar jedhamu kana irratti darbe akka fannifamanii du'anidha.

Sheek Abduljabbaar, Nabiyyuu Mohaammad ilaalchisuun odeeffannoowwan sobaa tamsaasaniiru jedhamuu dabalatee wanti isaan jedhan kan hokkara kakaasudha jedheera Manni-murtii Shari'aa kun.

Adoolessa darbe irraa kaasee to'annoo jala kan jiran Sheekaan kun himannaawwan irratti dhiyaatan waakkatu.

Sheek Abduljabbaar Naasir Kabaar kutaa Kaanoo, Naajeeriyaa kana keessatti hordoftoota hedduu qabu jedhameera.

Kutaa bulchiinsa Kaanoofi kutaawwan bulchiinsa Naayijeeriyaa Kaabaa biroo baayyee keessatti seera giddu-seentummaa amantiifi mootummaan ala ta'e cinaatti seerri Shari'aa hojiirra ni oola.

Naayijeeriyaanonni adeemsa murtii Sheekaa kutaa bulchiinsa Kaanoo kana keessatti hordoftoota hedduu qabu kanaa qalbiin hordofaa jiru.

Gaggeessaan amantii umuriin isaanii waggaa 52 ta'e kun garee Qadaariyaa jedhamurraa yoo ta'an, abbaan isaanii ammoo hanga bara 1996 lubbuun isaanii darbutti Afrikaa Lixaatti dursaa garee kanaa turaniiru.

Murtiin du'aa kan irratti murtaa'e Sheek Abduljaljabbaar, mirga ol iyyachuu ni qabu.

Naayijeeriyaa keessatti yeroo hedduu murtiin du'aa hojiirra hin oolu. Biyyattii keessatti kan baratame, namoonni murtiin du'aa irratti murtaa'e akka umurii guutuu hidhaman taasifamu.