'Maqaleedhaa gara Finfinnee xiyyaaraan akka hin imalle dhorkamne' - Imaltoota

Maxxanfame

Imaltoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa Maqaleedhaa gara Finfinnee imaluuf tikkeeta murataniis buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaatti gahanii akka hin imalle dhorkamuu himan.

Imaltoonni BBC’n dubbise yeroo buufata xiyyaaraa gahan humnoota nageenyaa buufata xiyyaarichaa eeganiin dhorkamuu dubbatan.

Mootummaafi TPLF waraana waggaa lamaaf ture nagaan xumuruuf waliigaltee nagaarra erga gahan booda balaliin xiyyaaraa yeroo dheeraa booda gara Maqaleefi Shireetti torban dhihoo eegaleera.

Taatullee dargaggoonni gaafa Sambataafi Dilbataa gara Finfinnee imaluuf tikkeeta kutatan buufata xiyyaaraa Maqaleefi Shireedhaa imalarraa akka dhorkaman himamaa ture.

Dhimma kana BBC’n kan gaafataman Daandiin Qilleensa Itoophiyaafi Poolisiin Federaalaa komii ka’aa jiru irratti wanti beekan akka hin jirre himan.

Humnoonni federaalaa Maqaleedhaa bahuu isaanii dura gara Naannoo Tigraay imaluu kan hime namni maqaa naaf dhoksaa jedhu, humnoonni Tigraay magaalatti yeroo to’atan daandii waan cufaniif gara bakka jireenya isaa Finfinnee deebi’u rakkatuu hima.

Haa ta’u malee, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa torban muraasa darban balalii waan eegaleef tikkeeta kutee buufata xiyyaaraa dhaquus miseensota poolisii federaalaa buufaticha eeganiin dhorkamuu hime.

‘’Balaliin kiyya kaleessa (Dilbata) ture. Haa ta’u malee, umrii 16 oliifi umrii 64 gadi akkasumas dargaggoonni imaluu hin dandeessan nuun jedhan.

‘’Haadholiin, kanneen yaala fayyaa qaban (riifarii) fi kanneen umriin jaaran garuu imaluu akka danda’an miseensonni poolisii federaalaa nutti himan,’’ jechuun hime.

Dabaluunis, ‘’Finfinneen jiraadha, waraqaan eenyummaa kiyyaas kan Finfinneeti. Gara Finfinnee deebi’uf ture kaniin deeme,’’ kan jedhu dargaggoon kuni ragaa barbaachisu dhiheessuus na fudhachuu hin dandeenye jechuun dubbate.

Hojjettoonni Daandii Qilleensaas dhorkaan kuni to’annoo isaaniin ala akka ta’e nutti himaniiru jechuun hime.

‘’Tilmaama kiyyaan namoonni 200 fi 300 ta’an turani. Har’a garuu lakkoofsi kuni xiqqaateera,’’ jechuun ammallee buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa taa’ee wanti haaraa yoo jiraate eegaa akka jiru hime.

Dhimma kana ilaalchisuun BBC’n kan gaafataman Daandii Qilleensa Itophiyaatti Hoogganaan kutaa Daldalaa Obbo Lammaa Yaadachaa waan jedhame irratti odeeffannoo akka hin qabne himan.

‘’Nuti wanti beeknu hin jiru. Akkuma beektan Daandiin Qilleensa Itoophiyaa dhorkaa koorniyaas ta’e umrii hin qabu.

‘‘Sababni isaas seeraafi sirnaan bula. Hanga yoonaa dhorkaa akkanaa hin qabnu,‘‘ jechuun deebisan.

Dabaluunis, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gama mootummaatiinis qajeelfamni dhorkaa ilaallatu homaatu akka itti hin kennamne ibsaniiru.

Nami biraa BBC’n dubbiseefi jalqaba balalii dhorkamee ture ragaa Finfinnee keessa dhaabbata bulchu akka qabu mirkaneessu erga dhiheesse booda akka imalu akka eeyyamameef himeera.

Akkaataa waliigaltee mootummaafi TPLF’n poolisiin federaalaa akkaataa heera biyyaatti dhaabbilee federaalaa Naannoo Tigraay keessa jiran seenee tiksuu eegaleera.

Buufatni Daandii Qilleensa Itoophiyaa magaalaa Maqalee keessa argamu, buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Alulaa Abbaa Naggaa, poolisoota federaalaan eegamaa jira.

Dargaggoonni akka Maqaleefi Shireedhaa hin imalle dhorkamne jechuu isaanii hordofee dhimma kana kan gaafataman Dubbii Himaan Poolisii Federaalaa Obbo Jeyilaan Abdii odeeffannoo isaa akka hin qabne BBC’tti himaniiru.

Imaltoonni umriin adda foo’amanii akka hin imalle dhorkamaniiru odeeffannoo jedhu ‘’reefu isinirraan dhagahaa jira’’ jechuun akka adda baasuuf yaalan BBC’f deebisan.

Miidiyaan Dimtsi Wayyaanee qabeenyummaan isaa kan TPLF ta’e gabaasa baasen aangawoonni Tigraay ‘’waa’ee dhorkaa waan beeknu hin qabnu, aangawoota federaalaa waliin irratti mari’anna’’ deebii jedhu kennuu isaanii hime.

Waraanni waggaa lamaaf ture Naannoon Tigraay geejjibaanis ta’e maloota kominikeeshiniin bakkeewwan biroo biyyattiirraa yeroo dheeraaf akka adda citu dirqeera.

Waliigaltee nagaa tumsa Gamtaa Afrikaan waraanni akka dhaabbatu, tajaajiloonni bu’uuraa akka eegalan akkasumas deeggarsi namoomaa akka seenu gaafatu erga mallattaa’e booda tajaajiloonni baankii, bilbilaafi kaan eegalaniiru.

Balalii waggaafi ji’a jaha booda Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gara Maqalee yeroo eegaleetti namoonni gara Finfinnees ta’e gara Maqalee imalan baay’ee turan.

Kanaanis, balalii guyyaatti takka ture gara lamaa akkasumas dabalataan gara Shiree balaliin biraa eegalamun ni yaadatama.