Magaalota Tigraay sadii keessatti tajaajjilli baankii deebiye

Maxxanfame

Magaalota naannoo Tigraay sadii keessatti tajaajilli baankii yeroo dheeraaf addaan cite deebi'ee eegaluu Baankiin Daldala Itoophiyaa beeksise.

Baankichi tajaajila kan eegale magaalota to'annoo mootummaa federaalaa jala jiran sadi- Shiree, Allamaaxa fi Koram keessatti yeroo dheeraa booda deebi'ee tajaajila kennuu eegaluu isaa beeksise.

Tajaajilli kun waggaa tokkoo oliif kan addaan cite yoo ta'u amma dameewwan baankichaa magaalota kana keessatti argaman tajaajila eegaluu baankichi ibsa har'a Mudde 20 baasen beeksise.

Waraana Tigraay waggoota lamaaf gaggeeffamaa turee tajaajila baankii dabalatee tajaajilliwwan bu'uuraa kanneen akka ibsaa, bilbilaa, intarneeti fi kanneen biroo yeroo dheeraf addaan citanii ture.

Mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay walii galtee Piritooriyaatti mallatteessuu isaanii hordofee tajaajilliwwan bu'uuraa tokko tokko naannichatti deebi'aa jiru.

Baankii daldala Itoophiyaatiin alattis Baankin Anbassaa Shireetti tajaajila kennuu akka eegale beeksiseera.

Dhiyeenya kana magaalan Maqalee yeroo dheeraa booda tajaajila elektirikii argattee turte.

Waraanni hamaa waggaa lamaaf lammiilee miliyoonan lakkaa'aman balaa hamaadhaaf saaxile qaamoleen wal-waraanan lamaan walii galtaa nagaa erga mallatteessanii booda gidiraan lammiilee furmaata argata abdiin jedhu guddaadha. Walii galteen qaamolee lamaan gidduutti erga mallattaa'ee torban jaha gahus hanga ammaa waraanni Ertiraa fi humnoonni Amaaraa Tigraay keessaa bahuu dhabuun isaanii yaaddoo uumera. Humnoonni Tigraayis hidhannoo hin hiikkanne.

Akkaataa waliigaltee Piriitooriyaa fi Naayiroobitti irratti walii galametti humnoonni Tigraayi meeshaa waraanaa gurguddaa hiikkachuun isaanii humnoonni qaama raayyaa ittisa Itooophiyaa hin taane bahuu wajjin walfaana ta'uu qaba ture.

Dursaa TPLF fi pirezidaantin naannoo Tigraay Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'el akka jedhanitti humnoonni Tigraay adda waraanaa afur gadi dhiisanii bahuu beeksisanii mootummaan federaalaa garuu waadaa gale kan hojiirra hin oolchin qaba jedhanii komatan.

Mootummaan federaa gama isaatin akkaataa waliigaltichaatti waan isarraa eegamu gochaa jiraachuu beeksise.

Gama biraan ammoo mootummaan federaalaa, Maqalee dabalatee bakkeewwan tokko tokkotti saamichi bifa gurmaa'en gaggeeffamaa akka jiruu fi mootummaan nageenya uummataa eegsisuuf itti gaafatamummaa akka qabu torbee darbe beeksisee ture.