Biriitinii Ispiirs dargaggeessa Iraan kan waggaa 12n angaftutti eerumte

Biriitinii Ispiirs abbaa warraa ishee haaraa waliin

Madda suuraa, REUTERS/BBC

Maxxanfame

Sirbituu beekamtuu kan taate Biriitinii Ispiirs jaalallee ishee Saam Asgahaaritti eerumuu beeksifte.

Biritiniin kanaan dura to’ataa ishee kan ture abbaa ishee wajjin mana murtiitti wal falmaa turte.

Sirbituun umuriin ishee ganna 40 ta’e kun dargaggeessa lammii Iraan umuriin isaa waggaa 28 ta’e waliin kaleessa gaa’ela kan dhaabbatte yoo ta’u, to’annaa abbaa ishee kana jalaa erga baatee ji’a 7 boodadha.

Maallaqa isheen qabdu dabalatee dhimmoota dhuunfaa Biriitinii kan biroo waggoota 13f to’ataa kan ture abbaa ishee Jeem ture.

Falmii mana murtii yeroo dheeraa booda Biriitiniin to’annoo abbaa ishee jalaa bahuuf irra aantee jirti.

Akka seera Ameerikaatti, namni tokko haala murtee mataa isaa dabarfachuu dhorku keessa yoo gale, manni murtii nama isa eegu ramadaaf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bifa kanaan olaantummaadhan dhimma Biriitinii to’ataa kan ture abbaa isheeti. Guyyaa itti to’annoo abbaa ishee jalaa baate, “Jireenya koo keessatti guyyaan baay’ee gammadeedha,” jechuun dubbatte.

Biriitiniin baroota to’annoo eegumsa abbaa ishee jala turtetti, “Gaa’ela dhaabbachuufi dhala godhachuu hin danda’u” jettee dubbataa turte.

Sirni gaa’elaa Biriitinii fi Saam raawwachuuf sa’aatin muraasni yeroo hafutti, abbaan warraa ishee durii osoo hin affeeramin bakka sirni gaa’elaa itti raawwatamu seenuf yeroo yaalutti poolisiin to’atame.

Abbaan warraa ishee durii kun Jeesan Aleeksandar yoo jedhamu bara 2004 ttii sa’aatii 55 qofaaf Biritinii waliin gaa’ela tolfatanii turan.

Biriitiniifi Aleeksaandar hiriyaa wajjin guddatan yoo ta’an, Laas Veegasitti gaa’ela erga godhataniin booda, abukaatonni ishee gaa’ela godhachuudhaf murteessuu hin dandeessu waan ta’eef gaa’ela ishee akka diiguu qabdu jedhanii falman. Gaa’elli ishees sa’aatii muraasa booda diigamee ture.

Abbaan warraa ishee durii kun gaa’ela isheen amma dhaabbatte irratti osoo hin waamamin dhufee poolisiin erga qabamee booda, kana durayyuu yakkoota garaa garaan shakkamee barbaadamaa akka ture bira gahame.

Biriitiniin abbaa warraa ishee isa ammaa- Asgahaarii bara 2016 irraa kaasen beeka jetti.

Asgahaarin torbanoota muraasa dura BBC wajjin turtii taasiseen, Biriitinii wajjin wal fuudhanii dhala godhachuuf waggoota sadii dura yaada isaa akka qabu ibsee ture.

Saam Asgahaarin Biriitiniidhaf abbaa warraa sadaffaa yoo ta’u, isheen ammoo bara 2004 hanga bara 2007 tti sirbaa Keevan Fedarlaayin jedhamu wajjin gaa’ela godhattee jiraataa turte.