Rihaanaan wallee caalaa kosmotiksiidhaan qabeenya guddaa akka horatte quba qabduu?

Rihaanaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Weellistuu, taatoofi hojii biznasii kan qabdu Rihaanaan qabeenyishee dolaara biiliyoona 1.7'tti tilmaamama
Maxxanfame

Qabeenyi Rihaanaa sirboota ishee hedduu beekkamtii argatan irraa dhufe jettanii yaaddu ta’a.

Garuu qabeenyi kun harki guddaan isaa dhaabbata kosmootksii bareedinaa ishee Fenty jedhamu irraa dhufe. Kunis, torban dabre tarree biiliyeenarootaatti ol ishee kaa'e.

Riyaanaa, ganna 33, dhabbata ishee Fenty Beauty kan eegalte bara 2017tti dhaabbata mi’a qaalii LVWH (Moët Hennessy Louis Vuitton) waliin ta’uun ture.

Iccitiin milkaa’ina guddaa dhabbata Fenty duuba jiru maali?

‘Danummaa’

Kayyoon Fenty “dubartoota gosa hundumaa, halluu gogaa adda addaa” qaban gammachiisuu akka ta’e Rihaanaan ni himti.

“Mi’a bareedinaa hunda keessatti: ‘dubartii gurraattiif waa jiraachuu qaba, dubartii dimtuuf waa jiraachuu qaba, dubartii magaalaaf waa jiraachuu qaba,’ jedheen yaadan ture,” jechuun bara 2017 miidiyaan Refinery29’tti himteetti.

Miidhaginaaf wanti adda taasisu of kennudha jetti barreessituun Jeesikaa Moorgan.

“Rihaanaan danummaa daangaa tokko malee irratti hojjette. Nama bifa garaa garaa hundaaf wanti barbaadan akka jiraatu goote,” jetti barreessittuun ganna 28 kun.

“Mi’ootni miidhaginaa biroon danummaa beeksisan jiru, garuu Fenty’n wanta haaraa dhugumaan kana dhiyeesse..”

Dabalataanis Fenty’n omishaa haaraa meek appii dubartoota qofaaf osoo hin taane dhiirootafis dhiyeessan keessa tokkodha.

Rihaanaa

Madda suuraa, Getty Images

Naamusa darara bineensotaa hin qabne

Fenty’n omisha mi’a miidhaginaa kan omisha isaa bineensota irratti yaalii hin gaggeesine akka ta’e marsariitiin dhaabbatichaa ni hima.

Jesikaan akka jettutti omisha darara bineensota irraa bilisa ta’e qabaachuun mala dinagdee gaariidha, sababiin isaa fayyadamtootarraa komiin adda addaa akka hin kaaneef waan dhorkuufi.

“Bara 2021 keessa taatee, wantoota namuusa hin qabaanne akkanaa omisha kee keessatti qabachuuf sababa hin qabdu.”

Beekkamtii Rihaanaa

Beekkamttiin Rihaanaan qabdu daldala Fenty irratti hin gargaarre jechuun ni cima.

Deeggartoonni ishee hedduu bara 2016 irraa eegalanii muuziqaa haaraa akka gadhiistuuf eegaa jiru, fuulli Inistagiramii ishee hordoftoota miiliyoona 103 ol qabu garuu harkaa caalaatti waa’ee muuziqaa ishee osoo hin taane waa’ee Fenty’dha.

Dhiyootti ammo Rihaanaan urgooftuu oomishuu eegalteetti.

Qabeenyi Riyaanaa amma doolara biiliyoona 1.7’tti tilmaamama, sana keessaa galiin Fenty irraa dhufu gara doolara biiliyoona 1.4’tti tilmaama.

Barruuleen weellistuun kun biiliyeenara ta’uu ishee gabaase akka jedhutii, Rihaanaan dhabbata kosmootiksii kana %50 dhunfatti.

Bara 2017'tti suqoota Fenty 1,600 biyyoota 17 keessatti banuun eegalte.

Guyyaa daldala isaa jalqabaa 40 keessatti dhaabbati kuni galii doolara miiliyoona 100 akka galche himama.

Galiin ishee kaan muuziqaa isheefi omisha uffata keessaa dhaabbata biraa waliin oomishtu Savage X Fenty jedhamu irraa dhufa.