Kolfi seelonni dhukkuba lolan qaama keessatti akka oomishaman gargaara

Madda suuraa, Getty Images
Uummatni addunyaa biiliyoona torba ol afaan, aadaa fi amantiidhaan gargar tahus wantoota waloodhaan qabu keessaa tokko kolfadha.
Hubattaniittu yoo taheef daa’imni reef dhalattu ni boossi garuu hamma ji’a sadii ykn afur tahutti hin kolfitu. Maaliif sinitti fakkaata?
Haadha ykn maatii isa taphachiisuu wajjin daa’imni kofluu kan jalqabdu waa ibsachuu waan barbaadduuf.
Ijoolleen waggaa shaniifi jahaa taanee baayyee kolfina guyyaatti al 300 ol kolfuu dandeenya.
Sababiin isaas waanti naannoo keenyatti arginuufi dhageenyu hundi haaraa fi waan addaa waan taheefi.
Hammuma ga’eessa tahaa adeemne waan kolfisiisu hir’achaa adeema. Kolfa hidhata hawaasaa uumuuf itti fayyadamna, kolfee nama kofalchiisu jaalanna. Qofaa gaafa taanu badaa hin kofallu.
Barbaannee hin kofallu. Otooma sobnee kolfineellee nurraa beekama. Maaliif kolfinaa waan jedhurratti yaadni irratti waliigalame jiraachuu baatus kutaa sammuu keenyaa miiraa fi amala to’atu kolfaaf nu qopheessa.
Waa’ee kolfaa wantoota adda torba haa ilaallu.
1. Hantuutni wal-qirqidaa kofalti
Hantuutni yeroo ishee qirqidan ni kofalti.
Hantuutni, qamaleefi sareen ni kolfu. Jarri kuni garuu baacootti miti kan isaan kolfan. Yeroo taphatan kolfu, akkuma namaa, gammadaa tahuu isaanii agarsiisuufi michooma cimsachuufi.
Hantuutni baayyee taphattu, baayyee kofalti. Isheen kaan immoo taphatan bira tahuun kofluu jaalatti.
Kolfi namaa garuu jijjirama tirataa keessa akka hoosiftoota kaani taphaan kolfuurra geeddarmaa dhufeera.
Kolfi namaaf ibsannoo miiraa barbaachisaa tahe kan waa himuuf itti fayyadamnu dha. Akkatti immoojiiwwan fayyadamnu yaaduu dandeessu.
2. Kolfi dhimma baacoo miti
Nama ga’eessa tokko maaltu yeroo baayyee si kofalchiisa jedhii gaafadhu. Baacoo ykn haasaa siin jechuu danda’u garuu kuni dogoggora tahuu mala.
Roobart Pirooviin, Yuunivarsiitii Meeriilaanditti ogeessa xiinsammuuti, hiriyyoota keenyaa wajjin yeroo taanu dha baayyee kolfinaa jedha.
Dhimma tokko irratti kan kofallu yeroo baayyee namoota biroo wajjiin gaafa taanu dha.
Akka ogeessi kuni jedhutti, yeroo hiriyyoota keenya wajjin taanu, baacootu nu kofalchiisaa miti, yaadaafi dubbii tasumaa waan kolfaa hin taanetti yeroo kofallu argina.
Saayinsiin kolfaa akka jedhutti kolfuun dhimma baacoo otoo hin taane amala hawaasummaa namoota akka isaan jaalannuufi isaan hubannu agarsiisuuf itti fayyadamanu dha.
3. Sammuun keenya kolfa dhugaa fi sobaa ni beeka
Meeshaa maagnetaawaadhaan suuraa sammuu kaafame irratti, Roobart Pirooviin sochii sammuu yeroo namni tokko dhugumaan kolfuu fi fakkeessu ilaale.
Sammuun keenya garaagarummaasaa adda baasuurra darbee, kolfa fakkeessaa gaafa dhageenyu fuulduree sammuu keenya keessatti sochii guddaatu adeemsifama.
Sochiin sammuu keessaa kunis miira nama isa kaanii hubachuuf kan taasifamu dha.
Nama fakkeessaadhaaf gaafa kolfu adda baasuu dandeenya yeroo beekaa sobaan kolfinu otoo hin hafiin jechuu dha.
4. Kolfi ni daddarba
Sammuun keenya yeroo suuraa kaafamutti kolfi tokkorra kaanitti akka darbu agarsiisa. Namni tokko yeroo sammuun suuraa kaafamullee waan nama kofalchiisu otoo hin jiraatiin sammuun keenya maashaa fuula keenyaa kolfaaf qopheessa.
Namoonni namni inni kaan gaafa kolfu wajjin dafanii kolfan, kolfi sun fakkeessaa tahuu fi dhiisuu adda baasuu danda’u.
Yeroo namni kolfuun wajjin kolfuun waan itti kolfamaa tures maali akka tahe akka hubattu si gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
5. Namoota beeknutu nu kofalchiisa
Kolfi nama tokko isa kaan waan kofalchiisufi namoonni sagantaa irratti wal-tajjii geggeessan baacoo uummatatti himuun saganticha ho’isuu kan yaalan.
Nama baacoo himu kanaan dura beekuufi akka nu kofalchiisu eeguun dhimma ijoo kolfaati.
Fakkeenyaaf namni beekamaan tokko yeroo baacoo dubbatu irra kofallaafi.
6. Kolfi ijoollee sin taasisu
Inteneetii irratti kolfi qoricha fayyaa namaati yeroo jedhamu dhageessaniittu tahuu mala.
Kolfuun cooma qaama keenyaa fiigicha caalaa hir’isa inni jedhamu dhugaa miti.
Tahus yeroo kolfinu aannisaa baasnuufi rukuttaan onnee keenyaa harka 10-20% dabala. Kana jechuun kolfi daqiiqaa 10-15 tahuuun cooma kaaloorii 10-40 gubna. Kana jechuun sukkara ykn cooma saamsamaa tokko gubuuf sa’atii sadii fa’iif kolfuun nurra jiraata jechuu dha.
Tahus walumaagalatti kolfuun sirna madiinummaa qaama keenyaa ni jabeessa. Seeloti dhukkuba lolan akka oomishaman gargaara.
Qorannoon yeroo gargaraatti adeemsifamees namoonni qoosaa beekaniifi koflan carraan dhiphinaafi yaaddoof saaxilamuu isaanii kan namoota kaanirra xiqqaa dha. Dabalataan kolfi dhiibbaa dhiigaallee hir'isuu danda'a.
7. Kolfa michoomaa fi hidhatni akka turu godha
Yunivarsiitii Barkileeyitti ogeessa xiinsammuu kan tahe Boob Leensan, jaalalleewwan waa’ee jaalallee isaanii waan isaan aarsu dubbadhaa jedhaniin.
Waan walitti isaan aarsu otoo qabanillee warreen battala aariin booda koflan hariiroo isaanii keessatti suga kan qaban yoo tahu, miira koflaa waa’ee namoota dhiyaataniif waa’ee mataa keenyaa waan gaariin akka nutti dhagahamu itti fayyadamna.
Faara gammachuu keessa ta’uun yeroo gaarii irra yeroo waan gaariin hin jiretti barbaachisaa dha.
Lafa awwaalchaa irrattillee namoonni waan namni du’e sun jedhe yaadachuun wal-kofalchiisuu yaalu.
Kolfi fayyaa nama dhuunfaa qofa osoo kan hawaasaafillee ni gargaara.












