Barattoonni yunivarsiitii osoo suuraa ka’anuu bishaaniin nyaatamanii du'an

Madda suuraa, WOLAITA SODO UNIVERSITY/FB
Barattoonni Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo lama Sanbata Duraa darbe osoo suuraa ka’anuu laga keessa dhidhimuun lubbuun darbeera.
Ripoortara Komishinii Poolisii Naannoo Kibba Itoophiyaa kan ta’an Inispeektarri Itti Aantuu Itoophiyaa Wandimmuu gama isaaniitiin, balaan kun aanaa Abbaalaa Abaayaatti mudachuu himan.
''Laga Hammissaa jedhamutu jira. Laga Hammissaarratti suuraa ka’uuf osoo jedhanuu sigigaatanii bishaan lixanii du’an,'' jedhan.
Barattoonni balaan kun irratti qaqqabe dhalattoota aanichaa akka ta’anis himaniiru.
Daayrektarri Dhimmoota Komunikeeshinii Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo Obbo Wubishat Ermiyaas, barattoonni lamaan balichaan miidhaman Kollejjii Mahaandisummaa Yunivarsiitichaatti, barattoota waggaa sadaffaa mummee barnootaa Mahaandisummaa Haaydirolikii fi Qabeenya Bishaanii akka ta’an BBC’tti himaniiru.
''Barattoonni lachuu dargaggoota. Inni tokko Haabtaamuu Andu’aalam jedhama. Inni lammaffaan immoo Darajjee Bojaa kan jedhamudha,'' jedhan.
Iddoon balaan kun itti qaqqabe magaalaa Sooddoo irraa fageenya naannoo kilomeetira 13 irratti kan argamu akka ta’es kan himan Daayrektarri Komunikeeshinii Yunivarsiitichaa, iddichi kanaan dura daawwannaaf hagas mara kan baratame akka hintaane himaniiru.
''Kana dura barattoonni keenyas, namoonni yunivarsiiticha daawwatan yemmuu dhufan iddoo Walaayittaa fi Daawuroo daangessu hara namtolchee Giibee 3 deemuun daawwatu,'' jedhan.
Reeffi tumsa baay’ee booda argame…
Reeffi barattoota Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo balichi erga qaqqabee guyyaa tokko booda kaleessa Dilbata ALI Sadaasa 30, 2016 laga itti dhidhiman keessaa bahuusaa Inispeektarri Itti Aantuu Itoophiyaa Wandimmuu himaniiru.
Bishaanicha ''erga lixanii booda reeffi isaanii argamuu hin dandeenye. Humna Finfinneedhaa dhufeeni tumsa baay’ee booda reeffi argamuu kan danda’e,'' jedhan.
Reeffi barattootaa tumsa bulchiinsa godina Walaayittaa akkasumas deeggarsa Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinneen akka bahu taasifamuu kan himan Obbo Wubishat, reeffi barattoota lamaanii gara maatiitti gaggeeffamuu dubbataniiru.
Gama biraatiin barattoonnis ta’ee jiraattonni naannoo lagichaa wayita deemanitti of eeggannoo gochuu akka qaban himan Inispeektar Itoophiyaan.















