Iraanitti lakkoofsi mormitoota ajjeefamanii 76 ol qaqqabe -Dhaabbilee mirgaaf falman

viidiyoo miidiyaalee hawaasarratti poolisiin wyita dubartii hidhsnnoo hin qabne reebu agarsiisuuf maxxanfame

Madda suuraa, TWITTER

Maxxanfame

Iraanitti ajjeefamu Mahsaa Aminii poolisiin to’atee hordofuun jeequmsa guyyoota 11’f mudateen qaamoleen nageenyaa  namoota 76 ol ajjeessan jedhan rogeeyyiin biyyattii.

Jaarmiyaan mirga namoomaa Iraan biyya Noorweeyi kessa maadheffate akka jedhutti, qondaaltonni biyyattii tarkaanfii madaalawaa hin taane fi mormii mudate to’achuuf dhukaasa kallattiin mormitootarrati banan jechuun himate.

Miidyaan biyyattii qaamolee nageenyaa dabalatee walumaagalattii lakkoofsi namoota du’aniii 41 ta’uu eeruun, lubbuu namoota darbeef warreen ‘’hokkoora kaasan’’ jedhu balaaleffateera.

Muddama biyyattii keessatti dhalate kana horodofee namoonni 100’n lakkaa’aman yoo ta’u, gaazixeessitoonni 20’n warren hidhaman keessa jiru.

Daaarektarrii dhaabbata mirga namoomaa Iraan Noorwyi keessa maadheffattee Mohaamood Amirii-Moghaddaam,’’Haalli mormitoonni itti dararaman fi kallattiin mormitootatti dhukaasni baname seera idil-addunyaatiin kan wal faallessu,’’ jedhan.

Itti dabaluun akkas jedhan,’’addunyaan miga bu’uuraa lammiileen Iraan gaafatan cina goruu qaba,’’ jedhan.

Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tarkaanfii qondaaltonni Iraan fudhatanitti yaadda’uu eeruun, mirgi nageenyaan mormuu  hiriirtootaaf kabajamuu akka qabu gaafate.

Mahsaa Aminii Fulbaana 17 ,2022 erga awwaalamte as hiriirri mormii magaalota Iraan 80 caalan keessatti babal’ateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shamarreen ganna 22 dhalattuun Kurdish taate Mahsaa Aminii,  magaalaa Kaaba-Dhiha Iraanitti argamtu Saqeez jedhamtu irraa gara magaalaa guddoo biyyattii Teheraan dhaqxee turte.

Fulbaana 13, bara 2022 seeran dubartiin hijaabaan ykn uffataan rifeensa ishee akka haguuggattu ajaju cabsite jedhamuun to’atamte turte mana hidhaa geeffamte booda kufte.

Sana booda gara hospitaalaa geeffamtee guyyoota sadiif of walaaltee erga turtee booda hospitaalicha keessatti duute.

Poolisiin biyyattii Mahsaa Aminii rakkoo onnee tasa ishee mudateen duute jedhan.

Maatiin ishee kan poolisiin jedhu fudhatama dhabsiisuun poolisotatu reebe jedheenii himatan.

Du’a Mahsaa hordofee mormii jabaan poolisotaa fi seera hijaabaa balaaleffatu ka’ee ture muddama jabduu waggoota muraasaan as jaarmiyaa amantii muslimoota warra Shihaa Iraan mudate isa guddaadha.

Viidiyoowwan miidyaalee hawaasarratti maxxanfaman dubartoonni haguuggi mataa yeroo guban, rifeensa isaanii namoota gidduutti yeroo muratanii fi ‘’duuti warren abbaa irreef’’ yeroo jedhan agarsiisa.

Abbaan Irree isaan jedhan hogganaa biyyattii Ayaaltolaah Alii Hameeniiti.