Somaaliyaatti walitti bu'insa gosaatiin namoonni 40 yoo ajjeefaman al-Shabaab ammoo humnoota mootummaa haleele

Madda suuraa, Facebook
Dhuma torban darbeerra giddu-galeessa Somaaliyaatti gosa Mareehaan fi Diir jedhaman gidduutti walitti bu'iinsa dhalateen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeefamuun yoo himamu, hidhattoonni al-Shabaab ammoo haleellaa raawwatanii namoonni baayyee ajjeefamuun ibsameera.
Walitti bu'iinsi Sambata Waxabajji 8, 2024 kutaa bulchiinsa Gaalmuudhugaa keessatti miseensota gosaa gidduutti uumame akka tasgabbaa'uuf mootummaan Federaalaafi bulchiisni kutaa sanaa gaafataniiru.
Buufanni televizhinii biyyaalessaa biyyattii akka gabaasetti, pirezidantiin bulchiinsa Gaalmuudhugaa Ahimad Abdii Kaarree walitti bu'iinsa gosa gidduutti dhalate mariin furuudhaaf koree jaarsa araaraa hundeessaniiru.
Sabaa-himaaleen Somaaliyaa tokko tokko lakkofsi walitti bu'iinsa gosaatiin ajjeefamanii 60, kanneen madaaan ammoo 80 qaqqabuu dubbatu.
Walitti buiinsi gandoota laandehaar fi qalqalloo jedhaman keessatti mudate kana dhaabsisuun kan danda'ame, erga humnoonni mootummaa bulchiinsichaafi Federaalaa bobbaafamanii boodadha.
Miseensota gosaa lamaan gidduutti walitti bu'iinsi dhalate sababa gaaffii lafa dheedinsaafi bishaan boollaa anaaf mala jedhuun ta'uusaa buufanni raadiyoo Kulmiiyyee gabaaseera.
Walitti bu'iinsi gosoota lamaan gidduutti yeroo dhalatu kun kan jalqabaa miti. Ji'oota lama duras haaluma walfakkaatuun walitti bu'iinsi uumamee bulchitoonni kutaa biyyaa sanaa carraaqqiin miseensota gosoota kanneen lamaanii walitti araarsuuf taasisan hin milkaa'iin hafeera.
Walitti bu'iinsi kun kan uumame al-Qaa'edaa waliin hidhata kan qabu Al-Shabaabiifi mootummaa Federaalaa Somaaliyaa gidduutti bakka walitti bu'iinsi gosaa kun itti uumametti dhiyootti walitti dhukaasaa gurguddaa yeroo taasisuun isaanii erga dhaga'ameen boodadha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sambata Waxabajji 8, 2024 Al-shabaab kaampii loltootaa kutaa bulchiinsaa Gaalgudduuddii magaalaa Eel-Deer keessatti argamurratti haleellaa tasaa taasiseera.
Haleellaa tasaa raawwatame kana hordofee mootummaan Somaaliyaa bakkawwan ollaa sana jiranirraa humna dabalataa bobbaasuudhaan miseensota garee Al-shabaab 47 ol ta'an ajjesuufi haleellaa aggaamamee tures fashaleessuusaa beeksisee ture.
Ministeerri Beeksisaa, Aadaafi Turiizimii Soaaliyaa ibsa Sambata baaseen duula deebisanii haleeluu humna qilleensaatiin deeggarame gaggeessuun miseensoya garichaa 47 kaampii waraanaa magaalaa Eel-Deer keessatti haleella araawwatan irratti tarkaanfiin fudhatameera jedheera.
Al-Shabaab gamasaatiin haaleellicha erga raawwateen booda ibsa baaseen humnoota mootummaarratti injifannoo argadheera jedheera.
Marsariitiin Al-shabaabitti dhiyeenya qabu Miimoo jedhamu haleellaa kanaan ajajoota lama dabalatee loltoota mootummaa 59 ajjeefamuu ibseera.
Eel-Deer karaa gama bahaatiin magaalaa guddoo somaaliyaa, Moqaadishoorraa kiiloomeetira 287 fagaattee magaalaa argamtudha.












