'Miiltoowwan lama imalarratti galaanni na biraa nyaate yoomuu hin dagadhu'

Abdallaa Shaafii jedhama. Godina Jimmaa naannawaa Aggaarootti dhalate. ALI bara 1991’tti jireenya fooyya’aa barbaacha karaa seeraan alatiin karaa Jabuutii- achiin Yamaniin gara Saa’ud Arabiyaa akka deeme BBC’tti himeera.
Ga’eessi ganna 40, Abdallaan turtii waggoota 14’tiin booda ammoo ijoollee lama horatee jireenya godaansaa irraa ALI bara 2004’tti gara biyyaatti deebi’e.
Qabeenyi inni biyya hambaa taa’ee walitti qabate ergaa ture maatiinsaa waan jalaa fudhataniif waan ittiin jiraatu hanga dhabu akka gahee ture hima.
Waggoota sadii as ammoo nyaata dafee gahu (fast food) qopheessuun daandii magaalaa Jimmaa irratti gurguruurratti bobba’eera.
Jireenyi godaansaa hamaa ta’uu kan dubbatu Abdallaan, bu’aa ba’ii jireenya biyya hambaatti keessa darbe kaasuun hamma fedhe yoo rakkatan illeen dargaggoonni godaansa seeraan alaatiin deemuu akka hin qabne gorsa.
Miiltoowwan isaa lama imala godaansa irratti biraa galaanaan nyaataman yaadachuun,''taatee yoomiyyuu hin daganne kan yeroo mara na aarsuu fi na gubu,'' jechuun ibsa.
''Hiriyootakoo lama na waliin turan osoo Yaman hin galiin galaana diimaatiin liqimfamanidha,” jedha miira gaddaatin.
Isaaniis godina Jimmaa aanaa Geeraa fi Gaattiraa irraa akka turan kan kaasu Abdallaan, sababii dambalii galaanarraa hamaa ta’een lubbuu isaanii dhabuu dubbata.
Balaa raafama galaana sana keessa bulanii bariituu naannoo sa’aatii afuriitti Yaman akka galan yaadata.
Abdallaan dabalataan rakkoon humnaa ol ta’e faddaaloota seeraan alaatiin imaltoota irra gahuu fi beelaa fi dheebuun isaan mudate kaasuun hammeenya godaansa seeraan alaa hima.
Jiruu biyya ambaa
Jiruun seeraan ala biyya hambaa jiraatamuu kan yaaddoo fi siqiqiidhaan guutame akka ta’e dubbata Abdallaan.
Jiruun godaansaa baay’ee nuffisiisaafi hamaa ta’uu ibsa. Waggoottan 14’f hojiiwwan suphaa bishaanii, elektirikaa, mana saanduuchii fi ijaarsaarra hojjataa akka ture BBC’tti himeera.
Heeyyama jireenyaa waan hin qabneef guyyaa tokko poolisiin wayita itti dhufetti attamii akka jalaa bahe akkasiin yaadata.
''Qabamee hidhamuurra jedheen cirracha hammaaree ijasaatti naqeen jalaa bahe. Haata’u malee, guyyaa sadiin booda qabamuun akkin itti dhaaname yoomuu waanan dagadhu miti,” jechuun BBC’tti hime.
Gabaa Abdallaan maamila itti horate
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Intala tokko achuma biyya Arabaa taa’ee barsiisuun eebbisiisee amma hojjechaa akka jirtu kan dubbatu Abdallaan, ijoollee lama fudhatee biyya Arabaatii gara Itoophiyaatti deebi’uu hima.
Erga biyyatti deebi’ees, qabeenya inni walitti qabate maatiin jalaa fudhataniis isa dhisee jireenya haaraa eegale.
Magaalaa Jimmaa jiraataa akka tureefi naannoodhuma qe’ee jiraatutti nyaata dafee gahu (fast food) kan akka saanduuchii, faxiiraa, saambusaa fi qiixxaa Turkii qopheessee gurguruun maatii isaa jiraachisaa jira.
Waggoottan sadii as ammoo bakkaa bakkatti socho’uun magaalaa Jimmaa bakka Faranj Araadaa jedhamu daandii irratti nyaata dafee gahuu (fast food) qopheessuun fayyadamtootaaf dhiyeessaa jira.
“Nyaatawwan kunneen hojjechuudhaaf guyyaa guyyaadhaan gabaa deemeen waantota barbaachisan mara bita. Achiin booda ammoo nan qopheessa. Mi’eessituu mataa koon fayyadama.’’
‘‘Yeroo waaree booda sa’aatii 11 ta’utti waantota na barbaachisan mara qixeessee gaarii koorra kaa’een gara bakkan itti hojjedhu kanaa [daandii Faranj Araadaa] ga’a. Hanga naannoo galgala sa’aatii 2’tti tureen tajaajila kenna.
‘‘Halkan ergan gara manaatti galee ammoo meeshaaleen ittiin hojjechaa ture hunda walitti qabeen dhiqa. Yeroon waan nan geenyeef, altokko tokko osoon nyaatakoo hin nyaannen oola,” jedha Abdallaan yoo waa’ee olmaasaa dubbatu.
Yeroo ammaa maamiloota 200 ta’an akka qabu hima. Erga gara mana isaatti galee illee namoonni dhufanii bitatan akka jiran dubbata.
Maamiltoonni Abdallaa nyaata qophaa’ee taa’e ykn ammoo achumatti haala barbaadaniin akka hojjetamuuf gaafachuun fayyadamu.
Guyyaa tokkotti hanga nyaata dhibba tokkoo akka gurguruu kan dubbatu Abdallaan, waqxii gannaa kana yoo roobni cimaan roobe garuu maamiltoonni akka garaatti waan hin dhufneef takka takka gabaa gahaa akka hin argannee hima.
Haa ta'u malee, yeroo sadaffaadhaaf mana kiraa keessaa ari’amuu fi ammas yeroo arfaffaadhaaf akeekkachiisni akka kennameef dubbata.
Inni akka himutti, bakka hojii mijataa dhabuun kanneen rakkoo itti ta'an keessaati.
Abdallaan nyaata kana yeroo godaansarra jiru bare.
Biyya hambaatti mana saanduuchii keessatti waggoota lamaaf hojjechuu hima.
Erga gara biyyaatti deebi’een booda yeroo laaqanaafi irbaata gidduu jirutti, sa’aatii namoonni itti bakka hojiitii gara manaatti deebi’aniifi barattoonni gara magaalaatti boqonnaaf ba’an waan ta’eef, nyaata salphaa ta’ee argachuu barbaadu jedha.
Abdallaanis kanuma irraa ka’ee hojii tajaajila nyaataa kana akka eegale dubbata.
“Ogummaa mi’eessituuwwan garaa garaa qopheessuu waanan qabuuf, waantota nyaata kanneen qopheessuuf na gargaaran mara ofii kootiin gabaa deemee bitee qopheessa. Maamiltoonnikoos baay’ee jaalatu,” jedha.
Gara fuulduraatti hojii kana babal’isuudhaan gaarii dhiibamu kanaan osoo hin taane, konkolaataadhaan tajaajila manatti geessuu kennuuf karoora akka qabu BBC’tti himeera.
Ergaa dargaggoof qabu
Hamma fedhellee yoo rakkatan dargaggoonni karaa seeraan alaatiin akka hin godaanne cimsee dubbata.
“Gaariin keessatti hojjedhu kana dhiibuun hamma nama baajaajii tokko dhiibuuti,” kan jedhu Abdallaan, harka namaa eeguun “du’anii akka du’a lammataa eeguuti,” jechuun ibsa.
Kanaafis, dargaggeessi otoo hojii hin tuffatiin dhama’ee of jiraachisuu akka qabu itti dabaluun gorsa.
Lammiileen Itoophiyaa baay’een ogummaa otoo hin qabaatiin waan asii deemaniif, erga waan baay’ee balleessaniin booda ogummaa akka baran kaasuun, kun ammoo miidhaa hin taaneef akka isaan saaxilu hima.
“Yoo xiqqaate osoo biyyaa hin bahiin dura ogummaa waa tolchuu, suphuu, ijaaruu fi waan kana fakkaatan gonfachuu qabu,” jechuun gorsa.












