Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenaa gaddisiisaa shamarree Ertiraa nageenya barbaacha biyyaa baatee abjuunshee karaatti hafe
Yordaanus Birhaanee yeroo umuriin ishee waggaa 15 ture biyya dhaloota ishee Eertiraa irraa baqattummaan baate.
Yordaanus biyya isheetii bahuun ardii Afrikaa keessa qaxxamuruun Awurooppaa kan galte jireenya fooyya’aa jiraachuu fi maatii isheetti makamuuf ture.
Imala dadhabsiisaa wagga tokkoo booda UK galte. Garuu abjuun ishee ijoollummaatti cite.
UK galtee ji’oota muraasa booda waraanamuun miidhaa cimaan isheerra gahe. Obboleettiin ishee akkamiin akka rakkoon nageenyaa abjuu obboleettii ishee karaatti hanbise dubbatti.
Amanatii isheetti jabduu, dubbachuu irraa kan of qusattuu fi yeroo hedduu callistuu turte, jechuun obboleettiin ishee anagafaa kan taate Kisanet Birhaanee himte.
Osoo hin turin jireenya ishee Birmiingihaam keessatti eegaltee ture. Ertiraatti tajaajila waraanaa kennuun dirqama waan ta'eef, kana dheenfa obboloota ishee jaha ta'anii biyyaa bahan.
Ertiraan Afrikaa irraa biyya hiyyeetti fi lammiilen ishee heddu dhiibbaa siyaasaa irra gahuu fi tajaajila loltummaa dirqiin kennuu dheenfa irraa baqataniidha.
"Baay’ee gammadduudha, afaan saffisaan baraa turte, dandeettii afaaniin guddaa qbadi. Eertiraa irraa kan tahan hiriyyoota baafatteetti. Haala gaariin jireenya eegaluu isheen hubadhe,’’ jetti Kisanet.
Erga duuteen booda maatiin ishee gara mana isheen namoota kaan waliin qooddachuun jiraachaa turte yeroo deeman eeyyama konkolaachisummaa yeroofii barattee akka argattettu argan.
Ofumasheen hojii argachuun hojjechaa turte. Suuqii naannoo ishee jirutti hogganaa ishee kan ture Soogii Omraanii, shamarree baay’ee bareedduu, amanamtuu fi yeroo hedduu seeqaa deemtu jechuun ibsan.
‘’Hojjettuu gaarii turte, yero gabaabaaf as hojjette. Afaan Ingiliffaas haala gaariin dubbatti,’’ jedhe.
"Maamilootni keenya yeroo du’a ishee dhagahan hundinuu baay’ee gaddanii boo’an. Anis boo’aan ture. Gadda ulfaataadha,’’ jedhe Soogii Omraan.
Kisaanet obboleettii ishee ajeefamte Yordaanusiin waggoota torba hangafti. Garuu hariiroo guddaa waliin qabu.
"Guyyaa Eertiraa irraa baatee hnaga du’a ishee guyyaa lama duraatti wal qunnamaa turre. Baay’ee wlaitti dhiyaanna, guyya guyyaan waliin dubbanna.
Du’a isheef guyyootni lama gaafa hafan waliin hin dubbanne ture,’’ jette Kisaanet.
Kisaanet bara 2014 Eertiraatii bahuun Noorway jiraachaa jirti. Achi deemtee barachuun mana kunuunsa daa’immanii keessa hojjechaa jirti. Dhiyeenya ammo daa’imas argatteetti.
Kisaanet imala ulfaataa keessa darbuun Noorway galte. Eertiraatii bahuun Itoophiyaa, Sudaan, Liibiyaa, achii ammoo biyyoota Awurooppaa Xaaliyaanii, Jarman, Iswiidin, dhumarratti Noorwey galte.
Imalli kun wagga tokko isheetti fudhateera.
Imalichi baay’ee ulfaata ture. Keesuumaa gammoojjii Sahaaraa, Liibiyaa keessa yeroo qaxxamurtu akka malee ulfaata. Imala kana keessatti lubbuu kee aarsaa gootee deemta,‘ jette Kisaanet.
Bitootessa bara 2017, Yordaanos yeroo ganna 15 imala dadhabsiisaa kana eegalte.
Imalli ishee kan obboleettii ishee Kisaanet fakkaatus yeroo dheeraa ishee fudhateera. Liibiyaa keessa ji’oota torba turte. Liibiyaatii lubbuudhaan bahuu ishee waanuma raajidha jette obboleettiin ishee.
Yordaanosii fi namootni waliin imalaa turan lafuma waliin ciisaa turan. Carraa isaan gudeedamuuf qaban yeroo hundaa guddaa ture. Qorichaa fi nyaata argataa hin turre akka hin turre himti.
Yeroo sana Yordaanos baay’ee waan dhukkubsataa turteef qofa miidhaan biraa irra hin geenye. Baatamtee Awurooppaa galte jette.
Bidiruu isheen ittiin gara Awurooppaatti cehaa turte galaana gidduutti waan dhaabbateef qondaalota mootummaa galaanarra to’ataniin baraaramte.
Yaala argachaa erga turtee akka fayyite himan maatiin ishee.
Sana booda gara Noorwey deemtee maatii ishee waliin dabarsuuf carraa argatteetti. Haa tahu malee, adeemsa keessa ashaaraa ishee Xaaliyaaniitti akka kenniteettu bira gahame.
Akka seeraatti biyya jalqaba baqataan keessa galee koolugaltummaa gaafatetu iyyata nama sanaaf itti gaafatama fudhata.
Jalqaba kan galte biyyoota Gamtaa Awurooppaa waan taheef gara sana deebi'uu akka qabdu qondaalotni mootummaa itti himan.
Qondaalonni Noorwey Xaaliyaaniitti ishee deebisuuf murteessan. Obbolaan ishee ni rifatan.
Kisaanet, ''asitti baay'ee gammadduu turte. Biyya mirgi namaa itti kabajamu keessa tahuu isheetti nageenyi itti dhagahamee ture,'' jette.
''Ani ishee dura waggaa lama biyya kana jiraadheera. Afaan akka isheetti bareechee hin dubbadhu. Barnoota isheef xiyyeeffannoo guddaa kenniti ture. Lamaan keenyayyuu oduu deebi'uu ishee yommuu dhageenyu hedduu rifanne,'' jette.
"Umuriin ishee waggga 16, ani hangafa isheeti. Ishee kunuunsuu nan danda'a ture. Umurii kanaan maatii irraa adda bahuu hin qabdu ture. Waan isaan godhan sirrii hin turre" jette Kisanet.
Yordaanos torbee keessatti gara Xaaliyaaniitti geeffamte.
Guyyoota muraasa nyaata kadhachaa nyaachaa gara Beeljiyeemitti imala eegalte. Achitti UNHCR qunnamuun iyyata ishee fudhatan.
Umuriin ishee ijoollee waan taateef gara Noorweyitti deebuu qabdi jedhanii morman.
Noorwey tole jettee fudhachuun dhimmi ishee osoo ilaalamuu obboleessa ishee bira jiraachaa turte.
"Ji'a sadiin booda dhaabbanni tola ooltummaa tokko xalayaa dhimmi ishee akka asitti ilaalamu himu kenneef. Xaaliyaaniitii akka deebite kan himuufi dhimmi ishee sirriitti ilaalamuufii akka qabu'' jedhu jette Kisaanet.
Garuu poolisiin ji'a lamaaf mana hidhaa ishee galche. Poolisiin ishee hin fudhanne Xaaliyaaniitti deebi'uu qabdi jechuun didan.
''Dirqamtee Xaaliyaaniitti deebite. Umurii kanaan dararamte,'' jechuun haala isheen keessa dabarte himti Kisaanet.
Abukaatoon ishee Noorwey Andiree Mookelgerdi, akka seera waliigaltee Dablinitti Noorwey keessa turtee koolugaltummaan ishee ilaalamuufii danda'a ture.
Inumaayyuu ijoollee maatii malee Awurooppaa keessatti rakkaataa jirtu waan taateef jedhe.
"Akka carraa tahee falmiin keenya madaala hin kaasneef. Keenya dhiisanii seera waliigalaa jiruun murteessan,'' jedhe abukaatoon ishee.
Yordaanus gara Beeljiyeemitti imaluun rakkina hedduu keessa turte. Ji'oota torbaaf erga achi turtee konkolaataa fe'umsaatti duubaan baatee gara UKtti imalte.
Dhaabbileen gargaarsa ishee qunnamaa turan jette Kisaanet.
''Baay'ee gaarii turan. Baay'ee isheetti dhiyaatu. Gara naga qabeessatti imaluu isheen hedduu gammadan'' jette.
Umuriin ishee ganna 18 yeroo tahu akkuma baqattuutti akka turtu murtaa'e. Tahus osoo hin turiin maatiin ishee du'uu ishee miidiyaa hawaasaa irraa argan.
"Maaltu akka tahe hin barre. Obboleettii kotu naa bilbilee Inistaagiraamii irratti waa akka argite natti himte. Maalan dhagahaa jira, Yordaanosiif bilbilteettaa? na jette."
''Guyyoota lamaan darban hin bilbileef, maaltu tahen jedhe'' jetti Kisanet.
Kisaanet fi abbaan warraa ishee hiriyoota Yordaanos qunnamuun waan tahe adda baasan. Yordaanos lubbuun akka hin jirree fi miidhaan akka irra gahe dhagahan.
"Oduu gaddisiisaa kanaan obboloota koo waliin ariitiin gara Uk deemne. Reeffa ishee adda baasuuf. Yeroo achi geenyu hawwaasni Eertiraa hedduun achi jiru. Bakka turtii nuuf qopheessanii hedduu nu gargaaran,'' jette.
Booda namni Yordaanosiin ajjeese Sheefildi irraa hidhaa waggaa 21'n adabame. Maatiin dhaddacha irratti argamuu baatus hidhaan waggaa 21 gahaa miti jedhu.
Obboleessi ishee hangafaa Gezaa'ii Biraanee, ''Itti hin gammadne. Yordaanos dubartii amala qabeettiidha. Obboleettii koo miidhe. Lubbuu balleesse, adabbiin kun gahaa miti'' jedhe.
Du'a ishee guyyaa sadii dura akka barumsa konkolaachisummaa jaqalbdee fi mana barumsaa eegalaa akka jirtu itti himtee ture.