Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo Misaa'elaa Kuubaa bara 1962 raawwatee asitti, balaan nuukileraa cimaan mudachuu mala- Joo Baayidan
Dhumaatiin nuukileraa cimaan bara 1962 Kubaatti mudateen booda ammas badii cmaan raawwatamuu akka malu pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan akeekkachiisan.
Akka Aab Baayidan jedhanitti, Vilaadmiir Putiin erga biyyi isaanii lola Yukireen waliin taasisan irratti injifannoo dhabdeen booda, nuukilara tooftawaa (tactical) fayyadamuuf jirra gaafa jedhu kan “qoosaa miti.”
Kana hordofuunis Puutiin maali gochuu danda’u “isa jedhu baruuf hordofaa turre,” jedhan. Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa yaada Puutiin nuukilaara fayyadamuu danda’u jedhu sirriitti ilaalamuu akka qabu himanii turan.
Haata’u malee, gorsaan dhimma nageenya biyyaalessaa Ameeriikaa Jeek Suulivaan torbee darbe akka jedhanitti, Raashiyaan meeshaalee nuukileraa fayyadamuuf dhaadattus, qophii taasisaa jiraachuu wanti agarsiisu hin jiru.
Ji’oota darban keessas Raashiyaan yoo waraana kanaan gara mo’amuutti deemte, meeshaalee waraanaa badii jumlaa geessisan fayyadamuu dandeessi jechuun anga’oonni Ameerikaa akeekkachiisaa turani.
Haalli jiru ammoo Yukireen naannolee afran Raashiyaan kankoo ta’aniiru jettee irraa fudhachaa akka jirtudha.
Akka Baayidanitti, sababni Puutiin qoosaa hin jiran jedhanii itti amanan, humni waraanaa isaanii waraana kanarratti rakkoo keessa waan seeneefi.
Erga balaan misaayelaa Kuubaa bara 1962tti mudatee asittis yeroo jalqabaaf meeshaaleen waraanaa badii jumlaa geessisan dhukaafamuu malu. “Erga Keeneediin asitti dhumaatiin nutti danqamee hin beeku,” jedhani Aabba Baayidan.
Bara 1962 wayita Joon F Keeneediin US’n bulchaa turanitti, Niikiitaa Kiruusheeviin kan durfamaa turte Raashiyaan, Kuubaa keessatti meeshaalee nuukileraa hiriirsuu ishee hordofuun biyyoonni lameen waraana hamaa keessa seenuuf xiqqootu isaan hafee ture.
Akka ogeeyyiin jedhanitti, yeroon sun addunyaan waraana nuukileraa hamaa ta’e keessa seenuuf qarqararra kan itti geessee turtedha.
Ameerikaan Jaappaan keessatti meeshaa nuukileraa fayyadamuu ishee kan eeran Puutiin, daangaa Raashiyaa eegsisuuf waan fedhe nifayyadamna jedhaniiru. Kunis dhageettii biyyoota Lixaa keessa seenuu hin hafne, akka eeditarri BBC Raashiyaa ibsutti.