'Aduwaan injifannoo gurraachota birmadummaa jaalatan hundaati'-Amb. Baacaa Dabalee

Maxxanfame

Guyyaa injifannoo Aduwaa bakka dippilomaatonni biyyoota adda addaa argamanitti Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti har'a kabajame.

Guyyaa injifannoo Aduwaa waggaa 128ffaa bakka dippilomaatotni biyyoota adda addaa argamanitti imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiru keessatti kabajame.

Keeniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa kan tahan Ambaasadar Baacaa Dabalee ''Aduwaan injifannoo ummata gurraacha, Afrikaa fi Afrikaanota biyya alaa jiraataniiti’’ jedhan.

Ayyaanni seena qabeessi kun 1896 guyyaa Itoophiyaannonni koloneeffattoota Xaaliyaanii irratti injifannoo argatan yaadachuun kabajama.

Akka biyyaatti ammoo guyyaan Aduwaa kun Bitooteessa 2, 2024 qophiilee adda addaatiin yaadatamee ooluunsaa ni yaadatama.

Aduwaan mallattoo birmadummaa adunyaa irratti mul’atedha jedhan Ambaasadr Baacaan.

''Yoo waliin dhaabbannee galma tokkoof hojjenne danqaa nuyi hin dabarre hin jiru jedhan.

Yaadannoon muuziyeemii Aduwaa gidduugala Finfinneetti ijaarame bakkatti lammiileen Itoophiyaa kutaalee adda addaa irraa walitti qabamuun gara Aduwaatti duulan agarsiisuuf ijaarme jedhan Amb Baacaan.

Afrikaanotni carraa Finfinnee daawachuu qabdan muuziyeemii kana akka daawatan isin afeera jedhan.

Inifannoo Aduwaa kana hiyyummaa injifachuuf hojiirra oolchuu qabna jechuun dubbatan Ambaasadar Baacaan.

Hudhaa fi danqaa hiyyummaan jalaa miliquu kan dandeenyu yoo waliin taanee hojjenne qofaadhas jedhan Ambaasadarichi. ''Guyyaa hiyyummaa injifannu injifannoo Aduwaa lamaffaa nuuf taha.’’

Kabaja ayyaana kanaa irratti Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Taayyee Astiqasillaasee argamaniiru.

Ambaasaadar Taayyeen dhiyeenya ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa tahuun kan muudaman yoo tahu, Aduwaan biyyoonni Afrikaa biroos akka koloneeffattoota injifatan sababa guddaa taheera jedhan.

Aduwaan ka’umsa Paan Afrikaati kan jedhan Ambasadar Taayyeen, ''Aduwaan kabaja mirga dhala namaaf, qabsoo diddaa gaggeeffamedha. Injifannoon kun uummata Afrikaaf qofa osoo hin taane uummata adunyaarraa birmadummaa jalatti kan walitti fidedha. Garuu inifannoon kun aarsaa guddaan kan argamedha,’’ jedhan.

Guyyaan Aduwaa kun kabaja Guyyaa Dubartoota Adunyaa buleeti kan Keeniyaa- Naayiroobiitti kabajame.

Kana waliin walqabatee waraana Itoophiyaanotaa fi Xaaliyaanota meeshaa waraanaa jabaa hidhatan irratti shoorri dubartoonni bahan olaanaa tahuu himan, ambaasaadarichi.

Aduwaan gootota dhiiraa Itoophiyaa fi Xaaliyaanota gidduutti kan tahe qofa osoo hin taane dubartoota gootummaan bahanii fi koloneeffattoota gidduuttis kan gaggeeffamedhas jedhan.

Hawwaasni Jamaayikaa sirna kabaja ayyaana Adwuaa kana irratti argamuun lammiilee Itoophiyaa Keeniyaa jiraatan waliin guyyicha yaadataniiru.