Injinaroota injifannoo Aduwaa 'varchuwaal riyaalitiin' agarsiisan

Maxxanfame

Injifannoon gootonni Itoophiyaa gaarren Aduwaa irratti humna weerartuu Xaaliyaanii irratti galmeessan hojiilee aartii fi ogummaa gara garaan leellifamaa har'a gaheera.

Tiyaatiraa fi fiilmii ta'ee agarsiifamee jira. Walleen ammoo akka faaruu biyyaa bara baraan faarfatamaa jiraata.

Injinarootni 'Guzo Technologies' ammoo kun qofti gahaa miti jedhanii injifannoo Aduwaa 'varchuwaal riyaalitiin' fidaniiru.

'Varchuwaal Riyaalitiin' taatee tokko bakkuma jiranirraa duubatti deebi'anii ykn ammoo fuulduratti deemanii akka waan amma ta'aa jiruutti daawwachuu dandeessisa.

'Guzo Technologies' teeknoolojii kanatti fayyadamuun seenaa waloo lammiilee Itoophiyaa kan ta'e injifannoo Aduwaa leellisuuf yaaliitti jira.

Teeknoolojiin kun iddoowwan seena qabeessa, akkasumas hambaalee seenaa namoonni bakkuma jiran taa'anii akka daawwatan gargaara.

'Varchuwaal Riyaalitiin' gaarren Aduwaa, taateewwan waraanichaa akkasumas gootota waraanicha irratti wareegaman akka waan qaamaan achitti argamaniitti osoo namatti dhagaahamuu akka daawwatan godha.

Seena kitaaba fuula 800'n himamu 'varchuwaal riyaalitiin' daqiiqaa 30 keessatti agarsiisuun danda'ameera jetti 'Guzo Technologies' keessatti hoggantuu pirojaktii kan taate Meetii Girmaa.

Ka'uumsi 'Guzo Technologies' maali?

Waraanni biyyoota akka Sooriyaa keessatti mudate nama qofa osoo hin taane hambaalee seenaa daaraa gochuu kan himtu Meetiin, kunis akkuma waan salphaatti miidiyaaleen gabaasanii bira kutuu dubbatti.

"Hambaaleen kunneen ta'e jedhamee qaamolee wal-waraananiin barbadaa'an. Kana qofa osoo hin taane seenaan haqamee akka haaraatti yoo barraa'us agarreerra," jetti.

Kuni Aduwaa teeknoolojii 'varchuwaal riyaalitiin' tursiisuuf ka'uumsa akka ta'eef himti Meetiin.

Seenaa aayyolii fi aabboliin Itoophiyaa dhiigaa fi lafee isaaniin galmeessan kana dhaloota ammaa fi egereef dabarsuuf hojjechaa akka jiran himti.

Injinaroonni sooftiweerii 'Guzo Technologies' Itoophiyaa bira darbee, Afriikaa addunyaa dijitaalaa keessatti ol kaasanii mul'isuuf tattaafatu.

"Sitti haa mul'atu hambaalee Afriikaa bifa dijitaalaan ol kaa'uu osoo dandeenyee, dhalootni egeree waan hedduu irraa barachuu danda'a. Waan silaa amma nuti arguu hin dandeenye arguu danda'u," jetti Meetiin.

Injinarootni 'Guzo Technologies' dhaabbata 'Inistitute of Firancis' jedhamu waliin gara DR Koongoo imaluun iddoowwan akka Gomaa, Kaawuzii Beegaa, Bosonawwan yabbuu akkasumas weennii biyyattii daawwatanii deebi'an.

Waan achitti ijaan argan gara 'varchuwaal riyaalitiitti' jijjiiruun namoota qaaman gara Koongoo imaluu hin dandeenye daawwachiisuufis qophii qabu.

Kun guddina turiizimii Koongoof qooda olaanaa qabaata.

Kana gara biyyoota Afriikaa biroottis bal'isuun turiizimii, fayyaa fi barnoota irratti hojjechuuf karoora qabu.

'Ispaayidar maanii' akka gootaatti...

Gara dubbii Aduwaatti yoo deebinu, "gootota waan qabnu hin se'un ture" jetti 'Guzo Technologies' keessatti hoggantuu pirojaktii kan taate Meetii Girmaa ijoollummaa ishee yoo yaadattu.

"Fakkeenyaaf obboleessi koo ispaayidar maanii ture akka gootaatti kan ilaalu. Uffannaa Aduwaa irratti uffataman caalaa kan ispaayidar maanii ture kan uffachuu jaalatu."

Kun ammoo ilaalcha gadi aanaa seenaa keenyaaf qabni agarsiisa jetti.

Yeroo ammaa dhalootni seenaa isaa barachuuf kitaabota beektota garagaraan barreeffaman obsaan dubbisu dhibuurraa kan ka'e, teeknoolojiin 'varchuwaal riyaalitii' filatamaa ta'eera.

Teeknoolojiin kun dargaggoonni seenaa isaanii akkasumas gootota isaanii akka baran gargaara jetti.

Hojii injinarootni 'Guzo Technologies' itti jiran kana 'Epic Games' maallaqaan deeggara.

Injifannoo Aduwaan alatti holqa Soof-Omar fi dhagaa dhaabbii Xiyyaas teeknoolojii kanaan agarsiisuuf hojiitti akka jiran himti.

Seenaa fi hambaaleen Afrikaa hedduun bifa dijitaalaan qophaa'anii yoo hin kaa'amiin badiin irra gahuu mala sodaa jedhu qabdi.

Hojii seenaa Aduwaa 'varchuwaal riyaalitiin' qopheessuu keessatti kan hirmaatan hayyuun seenaa pirofeesar Ababaawu Ayyaaleewu, "dhalootni haaraan seenaa baruuf kitaabotaa fi galmeewwan seenaa salphaatti hin agamne barbaadanii dubbisuurratti hin xiyyeeffatani" jedhu.

Kanaaf seenaawwan gurguddoo akka Aduwaa 'varchuwaal riyaalitiin' yoo dhiyaatan, dargaggoonni salphaatti akka baratan gargaara jedhu.

'Guzo Technologies' seenaa Aduwaa 'varchuwaal riyaalitiin' qixaa'e kana daandii qilleensaa Itoophiyaatti, iddoowwan bashannanaa garagaraa fi manneen barnootaa keessatti agarsiisuuf karoorfatee jira.

Darbees barattoota seenaa baruu fedhan garuu barnootni seenaa isaan hin hawwanneef fala dhahuu himti Meetiin.