Jiraataa Daawuroo ganda baadiyyaa fagootti ofiin 'daassii' ijaaruun ijoolleef ifa barnootaa ibsaa jiru

Madda suuraa, GENA WOREDA GOVERNMENT COMMUNICATION
Ganda Daawuroo Gunaa keessatti kan argamu Shaamenaan waggaa waggaan magariisadha.
Jiraattonni Shaamenaa irra caalaan isaanii qonnaan-bultoota yoo tahan, waan nyaataaf oolu erga oomishanii kan isaan irraa hafu ammoo gabaaf dhiyeessuun beekamu. Garuu rakkoon isaanii inni guddaan daandiidha.
Keesumaa yeroo roobaa daandii argachuun hedduu ulfaata. Kun akka godina Daawurootti waanuma baramedha.
Waggaa torba dura kan jalqabeefi Walaayittaa fi Daawuroo wal qunnamsiisa jedhamee yaadamaa kan ture daandiin asfaaltii, har’as hin xumuramiin jira.
Rakkoo biraan ammoo dhiyeenyatti manni-barumsaa dhabamuudha. Ijoolleen barnoota argachuuf fageneya dheeraa deemuu qabu.
Daandii caccabaafi hallayyaan itti baay’aturra adeemuun ammoo maatiif yaaddoo taheera.
Kana irraa kan ka’e ijoolleen Guunaa hedduun mana-barumsaa hin galan.
Hamma guddatanitti eegama ykn tasumaa osoo hin baratiin hafu jechuudha.
Gandicha keessa kan jiraatu Bashuu Balaayinee garuu waan tokko hojjechuuf murteesse.

Madda suuraa, GENA WOREDA GOVERNMENT COMMUNICATION
Barsiisaafi barattoota
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bashuun hojii qonnaatiin jiraata. Waggootaan dura kutaa kudhan xumuree Hosaa’inaatti 10+2 xumureera. Garuu hojii argachuuf hedduu rakkataa ture.
Kana gidduutti ‘’waan gaarii tokko hojjechuun qaba’’ jedhee karoorse. Naannoo isaanii manni-barumsaa waan hin jirreef hanqina jiru sana guutuu irratti hojjechuuf.
Yaada kanatti erga amanee booda lafa maatii isaa irraa dhaale kaaremeetirii 500 tahu irratti mana daasii [godoo] ijaaruun kutaa barnootaa qopheesse.
Taa’umsa dalgee godoo kana keessatti qopheessuun gabatee gurraacha ammoo manneen-barnootaa ganda isaanii keessa jiran keessaa gaafachuun qophii xumure.
Sana booda mana manarra deemuun, faayidaa barumsi qabu maatiitti himuun akka ijoollee isaanii ergan amansiise.
Bashuun ijoollee isaas ijoollee naannichaa galmeesse waliin barsiisuu jalqabe.
‘’Ijoolleen barnoota hin arganne baay’een jiru. Haadholiinis abbootiinis barachuu qabu jecchuun yaadaan ture,’’ jedhe.
Har’a Bashuun barattoota umurii ganna afurii hanga ga’eessa wagga 40tti qaba.
Barattoota 35 qabu keessaa 18 kan tahan ammoo dubartootadha.
Barnoonni isaaniif kennu ammoo waanuma beekumsa naannoo isaanii irraa jalqaba.
Sirba afaan Daawuroo fi waa’ee boboca naannoo isaaniis ni baratu.
Barnootni Wiixataa hanga Jimaataatti yoo tahu, Wiixataa fi Roobii hanga ganama sa’a afuriitti barachuun manatti galu. Guyyaa kana ga’eessonni dhimma isaanii yeroodhaan xumuratan gara godoo barnoota akanatti galuun barataa oolu.
‘’Barnota gaarii isaan barsiisee fuulduratti ijoolleen biyya gargaaran akka bahan barbaada,’’ jedhe Bashuun.
Amma ijoolleen suuta suuta qubee baruu akka jalqaban kan himu Bashuun, kutaa barnoota godoon ijaarame bal’isuun lakkoofsa barattootaa dabaluu akka barbaadus himeera.

Madda suuraa, GENA WOREDA GOVERNMENT COMMUNICATION
Kutaa barnootaa fooyya’e
Ji’oota saddet darban keessa Bashuun kutaa barnootaa citaan ijaaramte keessatti bu’a bahii hedduu argeera.
Garuu yaalii isaa kana kan jajaniifi maatii isaanii hojii daldalaan bulchan Obbo Woldegoorgis Yiliqaal namni jedhaman magaalaa Finfinnee irraa ka’uun garas deemanii ‘’Mana-Barumsaa Bashuu’’ daawwataniiru.
Laficha irratti kutaa barnootaa lama qorqoorroon ijaaranii, meeshaalee barnootaa bitaniifii, isa cinaatti ammoo akka biirootti kan gargaaran ijaaranii kennaniif.
Dabalataan barattootaaf meeshaalee barnootaa gumaachaniiru.
‘’Bashuun jireenya isaa kan ittiin gaggeeffatu hojii qonnaa irraati yeroo isaa hir’isuun ijoollee keenya kan barsiisaa jiru.
‘’Karaa dhaabata keenyaa sadarkaa miindaa mootummaan kaffaluun mindeffamaa dhaabbataa goonee isa qacarreerra,’’ jedhan.
‘’Manni barumsichaa qorqoorroon hojjetamuun isaa hedduu na gammachiiseera. Barattootnis itti fufinsaan barnoota akka argatan isaan gargaara. An hojii tola oltummaa jalqabee tola oolaa gara biraan deeggaramee hojjechuun koo hedduu na boonseera‘’ jedhe.
Yeroo manni barumsichaa goduu ture sana lolaan gala, qilleensaa fi roobni nan jalaa diiga jedhee sodaataan ture. Amma yaaddoon sun hin jiru jedhe.
Obbo Woldegoorgis hojii Bashuu kan argan miidiyaa hawaasaa irraa yoo tahu, ‘’osoo oolanii hin buliin’’ gara sana akka deeman himaniiru.
‘’Dhaabbanni keenya waktii bu’aa gaarii argate irra hin turre’’ kan jedhan Obbo Woldegoorgis, hojii Bashuu kana arganii bira darbuu akka hin dandeenye dubbatan.
Deeggarsi kennan kun gara Birrii kuma 162tti akka tilmamu himaniiru.
Manni barnootaa naannichatti ijaaramuun gammachuu guddaa waan isaaniif kenneef uummanni naannichaa ijaarsa isaa irratti hirmaateera.
‘’Walakkaan nama lafa qoffora, kaan muka ijaarsa manichaaf tahu fida,’’ kan jedhan Obbo Woldegoorgis, ijaarsi isaa kana irraa kan ka’e sa’a 72 keessatti xumurame jedhan.
Hogganaan Waajjira Barnootaa aanichaa manni barnootaa fooyya’ee ijaarame sadarkaa mana-barumsaa sadarkaa tokkoffaa guuta jedhan.
Dabalataan meeshaalee barnootaa akka dhiyeessuu fi yoo lakkoofsi barattootaa dabale barsiisota akka qacaruuf ibseera.
Tola-ooltummaan kan cina dhaabbatan Obbo Woldegoorgis yoo dinqisiifatan ‘’gaarummaan akka daangaa hin qabne agarsiisan’’ jedhan.
Manni barumsaa kun lakkoofs amanneen barnootaa aanicha keessa jiranii gara 29tti ol guddiseera.
Bashuunis sadarkaa barnoota isaas fooyyechaa, nama isa gargaarus dabaluun uummata tajaajiluu fi ijoollee barsiisuu akka barbaadu himeera.












