Waayee du'a ol-adeemaa koomedii hojjetuu, Soraa, hiriyyoonni maal jedhu?

Madda suuraa, Soraa Abdataa
Dargaggeessi Afaan Oromootiin qoosaa yookiin koomedii hojjechuun beekamu Soraa Abdataa Magaalaa Finfinnee keessatti ''du'ee argamuu'' hiriyoonni waliin hojjetan BBC'tti himan.
Reenfi isaa Roobii halkan keessa Hospitaala Phaawuloos erga geeffamee booda Kamisa waaree booda gara iddoo dhalootasaa Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Jaarsootti gaggeeffamuu hiriyoonni isaa ibsaniiru.
Akka hiriyyooti isaa ibsanitti, bu'aan qorannoo reeffaa torban lama booda barama.
Sababaafi akkaataa lubbuun darbuu isaan walqabatee BBC'n odeeffannoo dabalataa poolisiirraa argachuu hin dandeenye.
Hiriyyoonni isaa BBC'n dubbise garuu namoonni shakkiin to'annoo jala oolan akka jiran himan. BBC'n ofiin poolisiirraa kana adda hin baafanne.
Hiriyyoota isaa keessaa tokko kan ta'e Amaanu'el Waaqturaa, Soraan waggoota sadii dura magaalaa Naqamteerraa gara Finfinnee akka dhufe dubbata.
Waggaa lama dura walbaranii haga ammaa hojiiwwan koomedii shan waliin hojjechuus hime.
Darggaggoon lubbuun isaa darbe kuni Finfinnee naannoo Jamoo jedhamu akka jiraatuufi hoteelli keessatti lubbuun darbu ibsamees achuma akka ta'e hime.
Soraan hojiilee komedii miidiyaalee hawaasummaa fi waltajjiiwwan muraasa argate irratti hojjechuun dhiyoo kana beekamtiifi jaallatamummaa argachaa dhufeera.
Duuti isaa dhagahamuu hordofee miidiyaa hawaasummaa gubbaatti namootni gadda ibsachaa jiru.
''Nama ofiifi maatii isaa jijjiiruuf kaka'umsa guddaa qabudha,'' jechuun sababni du'a isaa ammallee akka hin beekamne hiriyaan isaa Amaanu'eel ni dubbata.
''Hospitaala qorannoof erga galee ittuu nu hin bunne, bu'aa isaas hin barre. Sababa maaliin akka du'e hin beekamne'' jedha.
Hiriyyoonni isaa sababa du'a isaaf wanti shakkitan jiraa gaaffii jedhu yoo deebisu ''Soraan nama hojii komedii siyaasatti osoo hin bu'iin hojjetu, nama waliinis walitti bu'u miti'' jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Soraan obboleessa isaa quxisuu waliin akka hojjetuu kan himuufi meeshaalee hojii komediif oolan dhiyeessuun kan isa gargaaraa turan keessaa tokko Artist Kumsaa Taammanaadha.
Waayee Soraa yoo dubbatu ''gaafa tokko mana dhufee akka obboleessa keetti na ilaali meeshaa hin qabu, humna hin qabu garuu aartii Oromoo guddisuun barbaada. Kennaa nan qaba,'' naan jedhee turee jedha.
Meeshaa fudhatanii hojii wayita hojjetanis ''uffatallee hiriyyoota isaa waliin wal-jijjiiree uffata turee,'' jechuun ibsa.
Waa'ee du'a isaa obboleessa isaa quxisuurraa dhagahuufi Hospitaala Phaawuloos gahee yeroo odeeffatu Soraan Roobii halkan naannoo sa'aa shanii akka boqote dhagahuu dubbata.
''Hamma sa'aa lamaatti hiriyyoota isaa waliin turee, mucaan durbaa tokko bilbiltee argiteenii, achi dhaqeetu du'ee jedhani.
''Akkamittimmoo du'e gaafa jennu hoteela keessatti osoo qaama dhiqatuu mucucaatee kufe jedhani.''
Kaanimmoo sababi du'a isaa kan biraa akka ta'e akka dubbatan dhagahuu hime.
''Si ajjeesna'' jedhamee itti dhaadatamaa akka ture hiriyyoota isaa tokko tokkotti himaa akka tures iyyaafachuu dubbata Kumsaan.
Kumsaan qaamni kamuu du'a ol-adeemaa kanarratti odeeffannoo argate qoodee, qorannoon akka gaggeefamus gaafateera.












