Taphattoota kuphaa miilaa Awurooppaa bebbekkamoo araada tirgaatiin (qumaaraan) rakkataa jiran

Taphattoonni araada tirgaatiin rakkataa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Maark Wiiliyaamsi gara waggaa 10f araada tirgaatiin rakkataa bahee dhumarrattis dhukkubsataa sammuu ta’e.

Idaa keessa galuun baayyee rakkaataa ture. Liqaan irratti baayyachuun paawundii kuma 10 gahuuf akka adeemaa jiru wayita argetti kan arge amanuu dadhabee ture.

Bilbilaan maallaqa kanfaluuf wayita yaaluus ‘maallaqa gahaa hin qabdu’ ergaa jedhu agarsiisa.

Aariidhaan ka’uunis meeshaa mana keessaa hunda kaasee darbachuu eegale.

Itti aansuunis iyyaafi bohiicha eegale. Waan irra gahe hundaafis ofiisaa abaaruu jalqabe.

Yoo asi garagalus intallisaa kan baatii 18 dhaabbattee ilaalaa jirti.

‘‘Dinqiisiifannaadhaan ija baafte na ilaalaa turte. Kan guyyaa sanaas yoomu hin dagadhu’’ jedha.

‘‘Ofi tasgabbeessuunan kaasee hammadhe. Ofitti siksee osoo ilaalaa jiruu deeggarsi akka na barbaachisu ofumma kootti hime. Jireenyakoo keessatti yeroo jalqabaatiifan egeeree mucaakoo akkan hin balleessineef gaafas ofiif waadaa seene.’’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun kan ta’e bara 2018 ture. Wiiliyaamsi erga guyyaa sanaatii booda gara tirgaatti deebii’ee hin beeku.

Wiiliyaamsi jireenya mucaasaatiif jecha tirgaa taphachuu dhaabulleen, jireenya kubbaa miilaasaa garuu ni dhabe.

Tibba tokko baayyee abdii kan qabuuf garee Reeksihaam jedhame keessatti taphataa kan ture, taphataan kubbaa miilaa kunis, waahillansaa gara liigii pirimiyeerii Ingiliizii yoo seenan, inni garuu galii hin galchan jechuun tirgaa taphata ture.

Wiiliyaamsi wayita garee waggaa 21 turan kan isa waliin taphataa turan Haal Roobisan kaaluu fi Joo Alan Alam fa’i karaadhuma TVn ilaaluu ta’e hojiinsaa.

‘‘Leenjii hunda dursee kan argadhuufi hunda boodan kan bahu ana ture. Takka ture garuu guyyaafadhee seenuun hunda dura kan bahu ana ta’e.

“Leenjiifoonnis akkan waan rakkoo amalaa qabu itti fakkaata ture. Rakkoon koo isarra cimaa ta’u kann naaf hubate omtu hin turre.

“Jireenya bifa lamaan qaba ture. Ganama ka’ee akkan haguuggii kaawwadhee bahu natti dhagahama ture. Fuullikoo ifulleen onneenkoo dukkana ture. Fuula hiriyyootakoo ilaaluun dadhabe. Akka waan eenyummaakoo dhugaa sana na jalaa argan natti fakkaate.’’

Tirgaafi atileetota ‘bebbeekamoo’

Tibba tokkoos tapha waancaa FA qaba ture. Abbaafi haatiisaas taphicha dowwachuuf istaadiyoomiitti argamanii ture.

Wiiliyaamsiin kan yaaddeessaa ture garuu maallaqa tapha Kiriikeetiif ramadee baayyee tokko. Murteessaan fiishikaa afuufee tirgaa qabsiisee nyaachuufi dhiisuu hanga dhaqee hubatuutti sardameera.

‘‘Taphataa kubbaa miilaa ta’uu nuffeera. Hundarraa adda bahee taa’ee tirgaa taphachuun barbaada.’’

Araada dhokisaa jedhamuun kan waamamu araadni tirgaa akka alkooliifi araada kaanii kan mallattoo qaama keenyarratti hin dhiisu.

Barruun Saayintifik Riiportis jedhamu bara kana akka qorachiiseetti, Ayirlaandiitti atileetoonni ‘bebbeekamoon’ yeroo kamu caalaa araada tirgaatiif saaxilamo ta’u ibse.

Dhaabbatichi kanaan dura bara 2016tti atileetoonni Awurooppaatti argaman araada tirgaatiin rakkaataa jiraachu adda baasee ture.

Qorannoon bara 2014tti hojjatame kan biraa ammoo taphattoonni kubbaa miilaa bebekkammoon hunda caalaa araada tirgaatiif saaxilamo ta’usaanii himee ture.

Yeroon bashannanaa gahaan, galii gaarii fi miirrii injifannoo atileetoota kanneen akka araada tirgaatiin miidhamaniif sababii ta’u akka danda’na ibsa qorannoon kun.

‘‘Taphattoonni haasoofsiifne tokko tokko jireenyisaanii tirgaadhaaf saaxilamaa ta’u nutti himaniiru,’’ jedhu qorataa Kiiyeeraan Marii.

“Umamaan baayyee dorgomu. Deeggartoota gareesaanii waliin tirgaa taphatu. Kun ammoo araada tirgaatiif isaan saaxila,’’ jedhu.

Wiiliyaamsi garuu kana waliin walii hin galu.

‘‘Deeggaraan gareekoo tirgaa nyaatee ani yoon nyaatame, kan caalu akkan qabsiisu ta’a. Yoon injifatame boqonnaan dhaba. Hiriyyoonni koo kaanis akkasuma.’’

Dhaabbilee tirgaafi beksisaa

Ingiliiz keessatti taphattoonni kubbaa miilaa jidduugalaan torbaniitti galii paawundii kuma 60 argatu.

Yeroon leenjiifi taphaa saanii baayyee dadhabsiisaa ta’ulleen, yeroo boqonnaa gahaa qabu.

Kana malees uffanni dambii irra caalaan saanii uffatan kan astixaa dhaabbilee tirgaa taphachisanitiin faayaameedha.

Kilaboota dorgomtoota liigii Pirimiyeerii Ingliiz bara kanaa saddeeti uffatasaanii irratti dhaabbilee tirgaa beeksiisu.

Lamaan isaanii ammo harka saanii irraa astixaa dhaabbilee kanneenii qabu.

Ispoonsarri uffata dambii Bireentifardi, dhaabbata tirgaa Afriikaa Kibbaa kan ta’e Hooloowudibetis kan jedhamudha.

Torban darbe injifataan garichaa Ivaan Toonii sababii tirgaatiin baatii saddeetiif gara dirree kubbaa miilaatti akka hin deebiineef dhorkameera.

Taphataan kunis dambiiwwan tirgaa 232 cabsee waan argameef addabbiin kun irra kaa’amuun kan himame.

Tooniin araadaan qabameera jedhanii dubbachun dadhabamulleen, ispoonsarri garichaa fi taphataan kun sababii tirgaatiin adabamunsaanii baayyee namoota wal gaafachisaa jira.

Namoonni baayyeenis Kubbaa miilaa kan dursu federesheniin gareewwan akka dhaabbilee tirgaa tabachiisaniin hin deeggaramne dhorku qabu jechuun mormaa jiru.

Amma keessa ammo taphattoonni araada tirgaa akka qaban ifatti dubbachu eegalaniiru.

Taphataan Arseenaal duraanii Pool Meersan filmii bara 2021tti hojjateen, taphattoota kubbaa miilaa bebbeekkamoo (professional) duraanii sadi dhiyeessuun dubbise ture.

Isaaniis maallaqa sababii tirgaatiin dhaban yoo eereegan gara paawundii miiliyoona 15 ni gaha.

Dursaan gare Arseenaal duraanii Toonii Adaamsi kilinikii Sporting Chance jedhamu hundeessun taphatootta ammaafi duraanii sababii araada tirgaafi kaaniin qabaman deeggaraa jira.

Namoonni baayyeen kan irratti waliigalan dhimma tokkotu jira. Araadni tirgaas akka fayyaa sammuu dhukkubsachuutti ilaalamu qabaata. Kana malees malliwwan to’annii adda addaa akka ifa taasifamaniif watiwaatamaa jira.