Qondaalli UN ibsa Itoophiyaa irratti baasan akka sirreessan mootummaan gaafate

Madda suuraa, THE MINISTRY OF FOREIGN AFFAIRS OF ETHIOPIA
Gorsituun Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haala Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee ibsi baasan 'itti gaafatamummaa kan hin qabnedha' jechuun akka sirreesaniif mootummaan Itoophiyaa gaafate.
Mootummaan Itoophiyaa UNtti karaa Ergamaa isaa ibsa baaseen, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Gorsituu Addaa Aliis Waayiriimuu haala qabatamaa biyyattii keessatti mul’atu sirritti akka hin mul’ifne akka ibsan gaafate.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Gorsituun Addaa Ittisa Duguuggaa Sanyii Aliis Waairimu ibsa Kibxata kennaniin, loltoota mootummaa fi hidhattoota biyya keessaa gidduutti lolli ittifuferraa kan ka’e duguuggaan sanyii mudachuu akka danda’u akeekkachiisan.
Gorsituun Addaa kun naannoo Tigraay, Amaaraa, Affaar fi Oromiyaa keessatti ''balaan duguuggaa sanyii fi yakkoota kanaan walqabatan mudachuu mala'' jedhan.
Gabaasni waa'ee rakkoolee Itoophiyaa keessatti mudachaa jiru ''baay'ee kan nama jeequ, tarkaanfiin akka fudhatamu gaafachuu kan barbaachisu'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa karaa UNtti karaa ergamaa isaa Kamisa(Onkoloolessa 2, 2016) deebii kenneen, Gorsituun Addaa kun gabaasa Garee Ogeessota Mirga Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaarratti baase, qorannoo sirnaa malee kan qophaa’e ta’uu isaa qeeqe.
Komishiniin Qorannoo Mirga Namoomaa gabaasa ragaa sirrii ta'een kan hin deeggaramnee fi mootummaan Itoophiyaa biratti fudhatama hin qabne irratti hundaa'uun ibsa ‘’dubbii hammeessu, ittigaafatamummaa hin qabnee fi of eeggannoo hin qabne" baase jechuun mootummaan Itoophiyaa gadduu ibse.
Alis Waarimu yaada waraana waggaa lamaa darban ilaalchisee yaada kennan cimsee qeeqxe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gorsituun Dhaabbatichaa kun walitti bu'iinsa kana goolabuuf waggaa tokko dura waliigalteen irra ga'ame bu'aa akka hin buusne eerte.
Walitti bu’iinsi yeroo ittifufetti kanatti himannaan ajjeechaa jumlaa, yakkoonni waraanaa fi yakki dhala namaa irratti raawwatamu baayyachaa dhufuun biyyattii keessatti raawwatamaa jira jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ergamaan Addaa Itoophiyaa dhimma kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, waliigaltichi sagalee meeshaa waraanaa Kaaba Itoophiyaa tti akka hin dhagahamne taasisu eeruun, mootummaan Waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra oolchuuf kutannoo akka qabu ibse.
Kanaafis Itoophiyaan itti gaafatamummaa fi haqa yeroo mirkaneessuuf sirna haqaa diriirsuuf sadarkaa xumuraa irra jirti jedhan.
Gorsituun Addaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ibsa kennaniin, walii galteen Piritooriyaa hin milkoofne jedhamuun mootummaa Itoophiyaa aarsee yoo ta’u, yaadni kun "soba"jechuun, qondaalli UN kun ibsa dogoggoraa kana haalu qabu jedhe.
Aliis Waayiriimuu ibsa kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaa naannolee adda addaatti ajjeechaa, sarbamni mirgaa, gudeeddii fi miidhaan saalaa raawwatamaa akka jiru ibsuun, gabaasaleen isaan qaqqaban isaan yaaddeessuu himan.
Wal-waraansi waggoota lamaaf Tigraay keessatti gaggeeffamaa ture mariidhaan osoo hin xumuramin dura qaamonni waraana kana keessatti hirmaatan hundi dhiittaa mirga namoomaa raawwachuun gabaafamuun ni yadatama.












