Bulchiinsi Baayidan godaantota hedduu biyya dhufanitti deebisuun reekardii Tiraamp cabse

Poolisii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Abbootiin taayitaa immigireeshinii Ameerikaa waggaa darbe kana godaantota ragaa hin qabne hedduu biyya irraa dhufanitti deebisuun reekardii bara bulchiinsaa Doonaald Tiraamp ture cabsan. Waggoota 10 keessatti lakkoofsi godaantota biyya dhufanitti deebifamanii kan bara darbee isa olaanaadha.

Ragaan Ejensii Immiigireeshinii fi raawwachiisa Gibiraa US (ICE) baase akka agarsiisutti bara darbe namoota 271,000 ta'antu biyya irraa dhufetti deebifame.

Gabaasni dhaabbatichaa kan bahe duula filannoo isaanii keessatti godaantota ragaa sirrii hin qabne gara dhufanitti deebisuuf karoora qabaachuu kan ibsaniifi filannoo US dhiyeenyaa kan injifatan Doonaald Tiraamp torbanoota keessatti Waayit Haawusitti deebi'uuf wayita jiranittidha.

Pirezidant Baayidan bara 2021 keessa namoota gara dhufanitti deebisuu(deportation) yeroof akka dhaaban dubbatanii kan ture ta'ullee bulchiinsi isaanii godaantotni daangaa qaxxaamuranii seenan dabaluurraa kan ka'e bulchiinsi isaanii lakkoofsa baayyeen nama ari'achaa ture.

Gabaasa haaraa baheen lakkoofsi namoota ar'imanaii kan dabaleef lammiileen bakka dhufanitti akka deebi'an godhame waan baayyateef ta'uun hubatameera.

Balaliiwwan namoota biyya irraa dhufanitti deebifaman qabatan haala sana dura waggoota 10f hin baratamneen gara Afrikaa fi Eshiyaatti baayyateera jedheera.

Afrikaa fi Eshiyaan baroota 10n darban lammiilee Ameerikaan ari'atte hin simanne jedha ragaan ejensichaa.

Bara 2024 keessa lammiileen hedduun ari'aman kanneen karaa daangaa osoo seenanii qabaman malee kan warri immigireeshinii dachee US keessatti qaban miti.

Yeroo torbee afur hin guutni keessatti Waayit Haawusitti kan deebi'an Doonaald Tiraamp seenaa keessatti duula isa guddaa godaantota biyya irraa dhufanitti deebisu akka gaggeessan dubbataniiru.

Waadaan Tiraamp kun danqaalee loojistikiifi maallaqaa guddaan akka isa mudatu eegama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp wayita duula filannoo gaggeessan irra deddeebiin imaammata bulchiinsi Baayidan to'annoo daangaarratti qabatan qeeqaa bahan.

Dubbii himtuun ce'umsa Tiraamp Kaaroolaayin Leevit yaada Rooyitarsiif kenniteen bara bulchiinsa isaa lakkoofsa godaantota seeraan alaa US galanii wajjin walbira yeroo qabamu hammi pirezidant Baayidan biyyaa baasan guddaa miiti jette.

''Guyyaa jalqabaatti pirezidant Tiraamp gaaga'ama immigireeshiniif nageenya biyyaalessaa Joo Baayidan uume duula yakkamotoota seeraan alaa biyyaa baasuu seenaa Yunaatiid Isteets keessatti isa guddaa ta'e banuun sirreessuu eegala'' jedhan.

Karaa daangaa Meeksikoo kanneen US galuuf yaalan lakkoofsi isaanii bara 2023 keessa akkaa ol dabale. Ji'oota muraasa darban garuu akkaan hiri'iseera.

Adeemsi lammiilee kana biyya dhufanitti deebisuu sochii dippiloomasii biyyootni lammiilee isaanii ari'ataman akka simatan amansiisuuf godhamus ni jajjabeessa

Aanga'oonni Meeksikoos lakkoofsa godaantotaa gara Ameerikaatti godhamuu ittisuuf to'annoo cimsaniiru.