Galmeessituun yakka waraanaa Raashiyaa haleellaa misaa’ela Raashiyaan ajjeefamte

Viiktoriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Lammiin Yukireen barreeffamoota isheen badhaasa argatte, Viktoriyaa Ameeliinaa misaa’eela Raashiyaadhaan dhokaafameen Yukireen keessatti ajjeefamte.

Haleellaan misaa’eelaa kunis guyyaa Kibxataa magaala Kiraamaatorsik keessatti mana pizzaan keessatti gurguramu tokko keessa osoo jirtuu humnoota Raashiyaatiin raawwatame namoota kaan waliin lubbuushee dabarse.

Viiktoriyaanis namoota 13 guyyaa sanatti haleellaa misaa’eelaatiin ajjeefaman keessaa tokko.

Waldaan barreessitootaa -Yukireen Peen- ‘‘hakiimoonni lubbuu ishee oolchuuf kan danda’ameef hunda raawwatan illeen, miidhaan irra qaqqabe cimaa waan tureef osoo hin milkaa’in hafeera’’ jedhan.

Kanneen mirga namoomaatiif falmanis haleellaa raawwatameen yakka namoomaa jedhaniiru.

Bahi Kiraamaatorsik to’annoo Yukireen jalatti kan argamtu ta’ulleen, iddoo Russiyaan to’atame irraa baayyee hin fagaattu.

Dubartiin waggaa 37 Vikitoriyaan, osoo gaazexeessitootaafi barreessitoota lammii Kolombiyaa waliin bakka Riiyaa Laawinji jedhamu keessa taa’anii haasa’aa jiranu ture haleellaan miisaa’eelaa kun kan isaan rukute.

Haleellaa sanaanis namoonni gara 60 ta‘an miidhaa cimaafi salphaaf saaxilamaniiru.

Hospitaala naannichatti argamutti atattamaan geeffaman illeen sababii miidhaan irra qaqabe cimaa ta’eefu guyyaa Jimaataa du’ushee Waldaan Peen Yukireen ibseera.

‘‘Barreessituu Viktoriyaa Ameeliinaan Adooleessa 1, 2023 addunyaa kanarraa du’aan boqachu ishee yoo ibsinu gadda olaanaadhaan,’’ jedhe waldichi.

‘‘Guyyoota dhumaa isheettis maatiifi hiriyoonni ishee waliin turan’’ jedhe itti dabaluun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Viikitoriyaan barreessitoota bebbeekamoo Yukireen keessatti jiru jedhaman keessaa tokko yoo taatu, erga Raashiyaan Yukireen weerartee kaaftes yakkawwan namoomaa galmeessuu eegaltee turte.

Kanaan alattis, daa’imman bakkeewwan waraanni keessatti gaggeeffamu keessa jiraatan gargaaruu eegalte turte.

Bara darbe barreessaan kitaaba daa’immanii, Volodimiir Vaakuleenkoon loltoota Raashiyaatiin ukkaafamee ajjeefamuu ifa kan goote Vikitoriyaa turte.

Kitaabni ishee seenaa waraanaa dhugaa irratti hundeeffamuun barraa’e kan jalqabaas dhiheenyatti maxxanfamuf ture.

‘‘Amma Viiktoriyaan mataasheetuu yakka waraanaatiif saaxilamtu taate’’ jedhe Peen Yukireen.

Suuraan toora tiwitara Viiktoriyaa irratti maxxanfames wayita isheen gamoowwan boombiidhaan barbadaa’an suraa kaaftu agarsiisa.

‘‘Suuraa kanarratti kan agartan ana‘‘ jedha.

‘‘Ani barreessituu lammii Yukireen. Boorsaa koo keessatti suuraa walaleessitoota Yukireen qabadheera. Nama suuraa kitaabootaa kaasuu qabuun fakkaadha. Haata’u malee yakka waraana Raashiyaa galmeesseera. Walaloos osoo hin taane, haleellaa meeshaa waraanaa Raashiyaan dhaggeeffadha. Maaliif laata?’’