Sababa manni Tiraamp itti sakka'atameef ibsamuuf

Pirezidaantii US duraanii - Traaamp

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Biiroon Haqaa US mana pirezidaantii duraanii sakatta'uuf ajaja FBI'f kenname manni murtii Filooriidaa akka ifa godhu gaafate.

Hagayya 9, 2022 Tiraamp dookumenttiiwwan iccitii biyyooleessaa qaban mana isaa keessa dhokseera jechuun mana Tiraamp sakkatamee ture.

Kun ammoo deeggartoota isaa biratti falmii guddaa kaasee ture.

Manni Tiraamp akka sakkatta'amuuf ajaji manni murtii poolisoota FBI'f kenne ifa taanaan, dookumentiiwwan mana Tiraampii argaman jedhaman uummataaf ifa ta'uu maluu.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Meerik Gaarland gama isaatin, manni Tiraamp Mar-a-Lago jedhamu akka sakkata'amuuf ajaji mana murtii akka bahu ajajuu isaa ifa godheera.

Biiroon haqaa hanga ammaatti manni Tiraamp maaliif akka sakkatta'ame ifa hin goone.

Waa'ee ajaja mana murtii mormuu irratti hanga Hagayya 12, 2022'tti mormii isaa akka dhiyeeffatu yookin waa'ee ajaja murtii ofii isaa akka ibsuuf itti himameera.

Sakkatta'iinsa mana Tiraampitti gaafa Hagayya 9, 2022 gaggeeffameen, dookumentiiwwan icciitii biyyaalessaa Tiraamp yeroo prezidaantii turetti Waayit Haawus keessaa mana isaatti fudhachuu fi dhiisuu qorachuuf akka ta'etu himama.

Waashington Poosti madda amanamaa irraan argadhe jedhee akka barreessetti, dookumentiiwwan waa'ee nikularaatin wal qabatan wantoota FBI mana Tiraamp keessaa sakkattaa'aa tureedha.

Haa ta'u garuu odeeffannoon kun waa'ee meeshaalee waraanaa US yookin biyya biraa ta'uu isaa maddi kun Washingtan Poostitti hin himne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraam Kamisa darbe dhaabbata miidiyaa hawaasaa kan dhunfaa isaa "Truth" jedhamu irratti abukaatonni isaa dhimmicha irratti mootummaa wajjin walii galanii hojjataa turan waan ta'eef mana isaa tasa weeraruun akka hin barbaachifne barreesse.

Akkasumas poolisoonni federaalaa kutaa haadha manaa isaa, Giiftii Duree duraanii, Maleeniyaa Tiraamp fi bakka isheen meeshaa dhuunfaa kaawwattu seenanii sakatta'an jechuun komate.

Hanga ammaatti biiroon haqaa, adeemsa idilee yeroo qorannoon gaggeeffamuu callisuu horrdofeera- kana jechuun yeroo qorannoon gaggeeffamu dookumenttiiwaan akka ajaja mana murtii fa'aa osoo ifa hin taasisin tursuun waanuma baramaadha.

Haata'u malee Abbaan Alangaa Walii galaa kan ta'e Gaarland dookumentiiwwan ajaja sakatta'iinsan gaaffii uummata irratti hundaa'un uummataaf akka ifa ta'u gaafataa akka ture ibse.

"Fedhiin uummanni maaltu akka uumame baruuf qabu dookumentichi uummataaf ifa akka ta'u kan dirqisiisudha," jechuun dubbate abbbaan seeraa biiroo haqaa tokko.

Sakattaan Hagayya 9, 2022 mana Tiraampitti taasifame seenaa Ameerika keessatti pirezidaantin duraanii yakkan shakkamee manni isaa akka sakatta'amu isa jalqabaati jedhame.

Tiraamp dabalatee Rippaabilikaanonni sakatta'iinsa kana balaaleffatanii jiru.

Gaarland garuu FBI fi biiroon haqaa waanuma sirrii hojjatan jechuun miidiyaaf ibsa kenne.

"Yeroo kabaji isaanii akka hin taanetti tuqamu cal jedhee ilaaluu hin danda'u," jechuun miidiyaatti dubbate.

Abbaa alangaa Tiraamp kan taate Lindiseey Haligan ammoo, gareen seeraa ishee osoo abbaan seeraa murtee hin kennin dura dookumentii ajaja mana murtii gadi lakkisuu akka malan dubbatte.

Akkasumas suuraa fi viidiyoo sakattaa mana Tiraampitti gaggeeffamees ifa gochuuf mariyataa akka jiran beeksifte.

FBI mana Tiraamp isa Mar-a-Lago jedhamutti sakkatta gaafa gaggeessu kaameeraan CCTV akka hin waraabne gaafatanis gareen Tiraamp didanii waraabaa turan.