Israa'el haleellaa jabeessuun namoonni ammallee Raafaa akka gadhiisan ajajje

Jiraattota Raafaah irraa baqatan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Kibba Gaazaatti oppireeshiniin waraanaa waan jabaateef Israa'el lammiileen Filisxeem kumaan lakkaa'aman dabalataa Raafaah irraa akka bahan ajajje.

Waraqaa balaliituu facaa'uu fi ergaa karaa miidiyaa hawaasaan jiraattonni magaalattii naannnoo bahaa jiran gadhiisanii gara al-Mawaasii akka deeman ajajje, iddichi qarqara galaanaa dhiphaa tahus, Israa'el ''iddoo deeggarsi namoomaa bal'aa jiru dha,'' jetti.

Iddoowwan Raafaa gariin keessatti guyyootaan dura jiraattonnii fi buqqaattonni daandii guutanii turanillee, amma magaalli oneera.

Ameerikaa dabalatee biyyooti Lixaa waraanni lafoo namoota nagaa miidhuun dabalata rakkoo namoomaa hamaa fiduu mala jedhanillee Israa'el karoora Raafaah keessatti oppireeshinii waraanaa itti fuftee jirti.

Gaafa Sambataa Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan bultii Hamaasa warreen bute gadhiisetti dhukaasa dhaabuun danda'ama ture jedhan.

''Israa'el kana Hamaastu murteessa, yoo barbaade, bor dhaabuu dandeenya, dhukaasa dhaabuunis bor jalqabuu danda'a jetteetti,'' jedhan sagantaa qarshii walitti qabuu Siyaatilitti qophaa'etti.

Gaafa Onkololeessa 7 namoonni 128 Hamaasiin fudhataman haalli irra jiran hin beekamu, 36 du'uu malu jetti Israa'el.

Gaafa Sambataa suuraaleen bahaa turan aara Raafaa keessaa mul'atu agarsiisu, AFP'n ammoo daangaa hulaa Masriitti haleellaan qilleensaa jiraachuu himeera.

Humni Waraanaa Israa'el guyyoota darbanitti Raafaatti, loltoonni isaa Hamaas waliin dirree waraanaattii ''fuulaafi fuulatti'' wal haleelaa turan jedhe.

Waraanichi loltoonni, ''holqa lafa jalaa'' baayyee argataniiru jedhe.

Guyyoota darbanitti Isaraa'el Gaazaatti haleellaa qilleensaa baayyee adeemsisuun bu'uuraalee tajaajilaa shororkeessaa irratti xiyyeeffadhee jetti.

''Yeroo ammaa qiyyaaffanoo Hamaas Jabaliyaa keessatti argamu haleelaa jira,'' jedhe waraanichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidiyaaleen Israa'el Hamaas rookkeettiiwwan baayyee magaalaa daangaa kaaba Gaazaa magaalaa Ashkeloon jedhamtutti darbate jedhan.

Lammiileen Israa'el sadii miidhaan salphaa irra gaheera jechuunis gabaasaniiru.

Israa'el kibba Gaazaa lafa lammiileen Filisxeem kuma dhibbaan lakkaa'aman baqatanii jiranitti haleellaa lafoo jalqabuun hawaasa addunyaa birattii yaaddoo guddaa taheera.

Torbee darbe Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan meeshaan waraanaa gurguddaa US Israa'eliif kennitu haleellaa Raafaa irratti hojiirra ooluu mala jedhan.

Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu ammoo Jimaata darbe garaagarummaan Joo Baayidan waliin qaban akka furamu abdii qaban ibsuun, Raafaatti garuu haleellaa akka itti fufan kakatan.

''Yoo barbaachisaa tahe qofaa dhaabanna. Waan qabnu hundaan lolla,'' jedhan Netaaniyaahuun.

Hamaas gaafa Onkololeessa 7 kibba Israa'el erga haleeleen booda lammiileen Israa'el 1,200 ajjeefamanii kanneen 252 ammoo butamaniiru. Ergasii Israa'el Gaazaa keessatti duula waraanaa jalqabdeen namoonni 34,900 ajjeefamuu ministarri fayyaa Gaazaa Hamaasiin hogganamu ibseera.