Suuraalee Afriikaa filatamoo torban kanaa: Baala magariisaa hanga loltuu hamumatuutti

Teemiriin hordoftoota amantaa isilaamaa biratti nyaata baramaadha

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Moorookkoo Raabaati keessatti daldalaan kun bariidhaan ka'ee osoo teemirii gabaa isaa guyyaatiif qopheessaa jiruu mul'ata. Teemiriin nyaatawwan tibba sooma ramadaanaa kanatti hordoftoota amantaa Isilaamaa biratti beekamuudha. Suuraan kunis guyyaa Dilbata Ebla 2, 2023 kaafame.
Maxxanfame
Shubbisa aadaa Masrii agarsiifamaa ture

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Baatiin Ramadaan hordoftoota Islaamaatiif baatii addaati. Masrii Kaayiroo keessatti lafa gamoo Ghouri jedhamuutti guyyaa Roobii miseensoonni shubbistoota Tanoupe Masrii haala kanaan agarsiisa muziiqaa aadaa osoo dhiyeessanii suuraa kun kan kaafame.
Loltuu barattootaa hamummachaa ture

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Barataa mana barnoota loltummaa qabsoo Seenegaali keessatti agarsiisa Kibxata darbe, guyyaa biyyattiin itti walabummoofte sababeefachuun, qophii yaadaoo irratti kaafameedha. Irriiba immoo beela laata?
Garee muuziqaa Seeneegaal

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Qophiidhuma walfakkaatu kan Daakaarii sanarratti, guyyicha yaadachuuf muuziqaa kan dhiyeessan baandii poolisii biyyatti si'omiinaa muuziqaa dhiyeessanii turan.
namoota Faasikaan dura guyyaa yaadannoo hosaa'inaatiif bahan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Naajiyeeriyaa- Leegoos keessatti ammoo miseensoonni waldaa Celestial Church of Chris jedhamu, haaluma Kitaaba Qulqulluu keessatti caqafameen guyyaa Iyyasuus itti gara Yerusaaleem seenee ykn Hosaahiinaa sababeefachuun meexxii qabatanii magaalaa keessatti daandiirra ilamuun guyyicha faaruun yaadatan.
Shamarree seeqaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Shamarree oomishaalee qonnaa jiraattoota kaampii buqqaattoota DR. Koongoo Goomaa keessatti argamanitti gurutu tun, haala akkasitiin fuula ifaan namoota waa isheerraa bitan simataa jirtu turteetti kan Ebla 1, 2023 kaafamte.
Maanguddoo hoolaa tiksaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa Wiixataa dubatiin tun kaaba-baha Tuniziyaa, dhiheenya magaala Korbaatti hoolota ishee tiksaa turte. Sababii biyyatiitti hir'inni bishaanii fi hongeen mudateen wal qabates, aanga'oonni mootummaa namuu bishaan ujjummootiin jalliisii fi qulqullina eddoowwan hawaasaa fi konkolaataaf akka hin oolchine dhorkaniiru.
Dargaggoota lafa gogaaraa dhabbatan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoon lamaan kunis achuma Tuniziyaa bakka hir'inni roobaa cimaan itti mudateetti maasii goggaa keessa dhaabbatanii mul'atu. Suraan kunis guyyaa Wiixata darbe kaafame.
Warshaa gogaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Moorookkootti garuu hanqinni bishaanii bakka hin jirreetti, namtichi warshaa gogaa keessa hojjatu tokkoo osoo dhiqataa jiruu guyyaa Kibxataa suuraa kana kaafameedha. Warshaan goggaa guddichi biyyattii kunis Chouaraa jedhama.