Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Intala keessan ilma keenyaaf' - Gahee fi adeemsa jaarsa waayilaa
Aadaa Oromoo keessatti maatiin warra ilmaa gaaffii ‘intala keessan ilma keenyaaf’ kennaa gaaffii jedhu warra intalaatti dhiyeessuuf jaarsummaa ergu.
Jaarsa ergachuun kabaja maatiin kunneen waliif qaban kan mul’isuu yoo ta’u, kutaalee Oromiyaa keessatti haala adda addaa qabaachuu mala.
Qorataan aadaa Oromoo Obbo Dirribii Dammissee Bokkuu, sirna gaa’eelaa kana keessatti akkaataa jaarsoliin itti filatamanii fi adeemsi maatii intalaa ga’eelaaf gaafachuu akkam akka ta’e akka asiin gadiin BBC’tti himaniiru.
Jaarsa Lukoo/Miilloo
Ulaagaan jaarsummaaf filatamanuu inni ijoon ‘firummaa gurbaa waliin qabu’ fi ‘nama afaan tolaa’ soddaa amansisuu danda’u ta’uu qaba.
Jaarsolii ergaman keessaa lama ykn sadii fira ta’uu qabu, kanaan achi maatiin intalaa “ati maal isaaf taata, gurbaa eessatti beekta?” jedhanii gaaffii dhiyeessuu danda’u.
Oromoo Maccaa fi Tuulamaa biratti erga gurbaan intala ilaallatee booda gaaffii gaa’elaa dhiyeessuuf jalqaba kan ergamu, jaarsa lukoo ykn miiloo kan jedhamanidha.
Jaarsa lukoo ta’uun maanguddoonni lama ykn tokko qofa ergamuu danda’a, namootni kun farda ykn gaangee osoo hin fayyadamiin lukaan gara mana intalaa deemu.
Coqorsa qabatanii, waraqaa irratti mucaa keessan ‘abaluu’ mucaa keenya ‘abaluuf' gaafachuuf dhufne dhufna jechuun barreessanii deemu.
Ergaa kana qabaataniillee abbaa fi haadhatti osoo hin mul’atiin ollaa ykn fira maatii sanaatti kennanii akka deebi’an himu.
Jaarsa Waayilaa
Sana booda maanguddoonni yoo xiqqaate sadii ta’an qe’ee maatii intalaa ganamaan deemuun, karra isaanirraa gara bitaan dhaabbachuun aadaadha.
Maanguddoonni kun jaarsa waayilaa jedhamu.
Maatiin intalaa ergaa jaarsa lukoon ergame beekanis, jaarsaa waayilaa bira darbanii hojii isaanii hojjetatu, loon yaafatu, jireenya isaanii jiraatu.
Akka aadaa duriitti jaarsoliin waayilaa guyyaa lama ykn sadii akkuma kana deddeebi’uun karaarra erga dhaabbatanii booda, warri intalaa “maaf nurra dhaabbatu, maal barbaaddani” jedhanii gaafatuuni.
Sana booda guyyaa kam deebi’anii dhufu akka qabaniif itti himanii, beellamanii gaggeessu.
Guyyaa beellama kennameetti jaarsoliin waayilaa garbuu biqila ta’u qabatanii deemuun “intala keessan ilma keenyaaf gaafachuu dhufne” jechuun gaaffii isaanii dhiyeessu.
Maatiin intalaas yeroo kanatti “isin qorattanii dhuftani, mee nutis eenyummaa keessan qoranna, ayyaannii toluu isaa biqila ilaallanna,” jechuun torban lama ykn ji’atti beellamanii deebii kennuun gaggeessu.
'Biqila tole...Biqilli dide'
Garbuun biqilaaf ta’u gaarii isaa filachuun jaarsoliii waayilaan kan ergu haadha gurbaadha.
Guyyaa deebiin keennamutti jaarsoliin waayilaa coqorsa, soogidda lama, buna (yoo danda’ame buna duudaa) fi bara durdurii ammo bakka tokko tokkotti tamboo qabatanii gara mana intalaa deemu.
Maatiin intalaas guyyaa kana irratti, jaarsolii ciccimoo kan afaan tolan ykn dubbii dubbachuu danda’an waliin ta’uun, nyaata qopheessanii eegu.
Jaarsoliin waayilaa yeroo mana ol seenan ‘taa’aa’ jedhu, yoo teesse garuu dubbiin akka badetti, sababiin isaas yoo gadi taa’an nyaata siif dhiyeessu, dubbachuu hin dandeessu, sana booda si gaggeessu. ‘Nyaataaf dhuftan waan ta’eef’ siin jedhu.
Kanaaf jaarsoliin waayilaas “lakki hin teenyu, dhimma guddaa himannu qabna” jechuun didu.
Naannoo Salaaleetti jaarsoliin waayilaa “birmaduu isin gaafachuu dhufne. Isiniif Waaqatu kenne, nuuf carraatu kenne. Birmaduu nu deechisaa,” jechuun si’a sadii irra deddeebiin gaafatu.
Sadaffaa irratti jaarsolii karaa maatii intalaa jiran keessa tokko, “hin dubbanna birmaduu da’i” jechuun yemmu deebisu, jaarsi waayilaa coqorsa qabatan irraa hanga tokko kennani taa’uun dhimma mari’atu.
Maatiin intala yeroo kanatti, namichi jaarsummaaf ergameef kun eenyu kan jedhu irratti gaaffii adda addaa jaarsolii kana ni gaafatu.
Dhumarratti yoo gaa’eela kanaan walii galan “yoo waaqi isiniif kenne, kennineerra” jechuun deebii tolaa ni kennu.
Maatiin intalaa qoratanii gurbaa hin jaallanne yoo ta’e, “isin didne” hin jedhani, “biqilli hin biqille, biqilatu isin dide, ijoolleen kun waliif hin ta’ani. Ulfaadhaa nurraa galaa” jechuun deebiin diddaa kennu.
Deebiin tolaa argamnaan ykn ga’eela kanatti walii gallaan wanti hafu guyyaa cidhaa beellamuu ta’a.
Hawaasa nannawa Amboo biratti aadaan Sonii jedhamu jira. Aadaa kanaan erga jaarsummaa irratti maatiin intala ‘tole isinii kennine’ jedhanii eegalee, intala sana kan daara baasuu, kan nyaata isheellee itti yaadu warra fuudhudha.
Maallaqa maatiin gurbaa yeroo jarsummaatti maatii intalaaf kennan keessaa, “kun sonii intalaaf haa oolu” jedhamuun hanga kaa’ame irratti kan murteessuu danda’u intala qofadha.
Horiin kennamu kan hafe sun intala manaa baasuuf kan fayyadu ta’a. Bara duriitti maallaqa kanaan gundoo, itillee, makkadaa fi mi’a biroo intalli manaa qabatte itti baatuuf oola.
Maallaqi hafe ykn ammo kennaan akka warqee (naannawa wallaggaatti kennamu), intalli gara fulduraatti abbaan manaa jalaa du’ee ykn rakkatte wanta ittiin of hirphituuf kan oolu ta’a.
Guyyaa cidhaa…
Guyyaa cidhaa irratti gama maatii intalaa fi gurbaatiin qophiin yeroo qophaa’utti, jaarsoliin waayilaa dursanii wantoota barbaachisoo ta’an qopheessuun itti gaafatamummaa isaanii ta’a.
Gaangee koranii mana intalaa dursanii deemuun, wantoonni barbaachisan hundi qophaa’uu isaanii, uffati intalaa walitti qabamuu isaa, ragaan ga’eelaa mallatteessamuu qabu qophaa’uu fi wantoota barbaachisoo biroo mirkaneessuun irra jira.
Yoo danda’ame wantoota kana utuu hamaamotni hin dhufiin fixatee ba’uu qaba.
'Jaarsa abbaa dubbii...'
Guyyaa cidhaa irratti shammarran karaa intalaa jiran akka aadaatti soddaa qofa osoo hin taanee jaarsa waayilaallee maqaa dha’uun weelluun ni arrabsu.
“Jaarsa abbaa dubbii kan hudduun gumbii
''Jaarsa harriidotaa, utuu tumanii barsadii qota.
''Barsadii booddee allaattiiti dhota.”
Shamarran gama maatii intalaan jiran kun, jaarsolii waayilaa kunneen bifa isaanii ilaalanii tokko tokkoon maqaa dha’anii weelluutiin ni arrabsu.
Arrabsoon kun jaarsolii waayilaa kabaja dhowwachuu osoo hin taanee, intala heerumtu waan mararfataniif ‘dubbii jaarsolii isintu eegale’ kan jedhuunidha.
Aadaa kanaan jaarsoliin waayilaas hin mufatanis, hin dheekkamanis.
Cidha booda…
Gaa’ela hundeessuu waliin wal qabatee itti gaafatamummaan jaarsolii waayilaa guyyaa cidhaa irratti kan dhaabbatu ta’us, gaa’ela keessatti yoo rakkoon uumame himatamuu danda’u.
Balleessaa gurbaatiin gaa’ela keessatti lolli uumamee sadarkaa wal hiikurra yoo ga’ame, maatiin intalaa jaarsolii waayilaa ni himatu.
”Nama hin taane nutti fiddanii, gaa’ela intala keenyaa balleessitani“ jechuun akka seera Gadaatiin jaarsoliin waayilaa ni gaafatamu.
Waa’ee gurbaa kanaa irrattii ”nu sobdani“ jechuun himatu.
Kanaafidha namootni jaarsa waayilaa ta‘anii yemmuu filataman itti gaafatamummaan isaani maatiin intalaa ”tole“ akka jedhan amansiisuu qofa miti.
Gurbaan isaan bakka bu’anii deemanii nama booda isaan hin gaafachiisne, kan maatii intalaa waliin isaan walitti hin buufne, kan ”sobduu“ isaan hin jechisiisne ta’uu isaa irrattis of eeggatu.