Yukireen dubartii Zeleniskii ajjeesuuf shira xaxuun himtamte hiite

Pireezidant Zeleniskii fi humnoota nageenyaa biyyasaanii

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Tajaajilli Tika Yukireen akka jedhetti, dubartiin tokko shira Raashiyaan Pirezedantii Yukireen Voloodimiir Zeleniskii akka ajjeestuuf xaxxee turteef to'atamte.

Tajaajilli Tika biyyattii akka jedhetti, Zelenskiin ji'a Waxabajjii 2023 darbe keessa, iddoo lolaan miidhame Maayikolayiv jedhamu daawwachuun dura sagantaa imalasaatii baruuf yaaltee turte.

Yukireen yeroo hunda jiraattota biyya ishee kanneen Raashiyaa deeggaran waraana Mooskoo gargaaruuf odeeffannoo dabarsuun himatti.

Zelenskiin waa'ee hidhamuu dubartii kanaa dhaga’uu mirkaneessuun madditti, hogganaan Tajaajilli Tika Yukireen waa’ee ''tarkaaanfii gantoota irratti fudhatamuu''natti himee ture jedhan.

Raashiyaan hidhamuu dubartii basaastuu sana ilaalchisee yaada hin kennine.

Tajaajilli nageenyaa Yukireen(SBU) ibsa kenneen, dubartiin sun yeroo odeeffannoo basaasaa Raashiyaaf dabarsuu yaaltutti to'atamte.

Daawwannaa kanaan dursitee karoora Zelenskiin naannoo Kibba Mayikolayiv keessatti qaban baruuf yaaluun, odeeffannoo basaasaa walitti qabaa turu ishee himan.

Tajaajilli Tika Yukireen suuraa dubartii shakkamte kanaa qondaaltota basaasaa fuulatti uffata haguggatan waliin mana nyaataa keessatti maxxansuun, fuula dubartii fi qondaaltota basaasa kanaa akka hin hubatamneef dimimmisiisan.

Dubartii fuulli dhokfamee dhiira waliin dhaabattu

Madda suuraa, SBU

Zelenskii ji'a Waxabajjii keessa miidhaa hidhi Kakhovka cabee ture qaqqabsiise daawwatan.

Sana booda Adoolessa keessa irra-deebi'anii haleellaa cimaa Raashiyaan qaqqabsiifte booda Mayikolayiv daawwatan.

Tajaajilli Tikaa daawwannaa kanaan dura shira kana akka hubate fi of- eeggannoo nageenyaa dabalataa hojiirra oolche ture.

Raashiyaan "haleellaa qilleensaa guddaa naannoo Mayikolayiv irratti raawwachuuf" karoorfattee akka turte hubachuu ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin basasaan shakkamte sun waa’ee bakkeewwan sirni waraana elektirooniksii fi manneen kuusaa meeshaalee waraanaa Raashiyaan haleeluuf irratti qiyyaafattuu odeeffannoo isaaniif kennuudhaaf yaalaa turte.

Akka Tajaajilli Tika Yukireen jedhutti, shakkamtuun kun magaalaa xiqqoo Ochakiv jedhamtu kan Zelenskiin Adoolessa keessa daawwate keessa kan jiraattu yoo ta'u, buufata waraanaa Ochakiv jiru keessatti suuqii keessa hojjechaa turte.

Tajaajilli Tika Yukireen yeroo Zelenskiin daawwatan shakkamtuu kana akka hin to’anne fi haleellaan Pirezedaantii Yukireen irratti akka hin raawwatamneef tarkaanfii fudhatan.

Basaastonni daawwannicha booda waanta isheen gocha turte fi "ramaddii" Raashiyaan kenniteef caalaatti baruuf ishee hordofan jechuun Tajaajilli Tika Yukireen dabalee ibse.

Ibsi dhimma kana ilaalchisuun bahe akka jedhutti, dubartii shakkamtu sun naannicha konkolaataan dhaqxee, suuraa fi viidiyoo dhaabbilee waraanaa Yukireen kaafataa turte.

Sochii meeshaa waraanaa fi loltootaa ilaalchisee odeeffannoo hin eeyyamneef tamsaasuun himatamuuf jirti.

Yoo balleessaan isheerratti mirkanaa'e hanga hidhaa waggaa 12'n adabamuu dandeessi.