Zeleniskiin Raashiyaa waliin nagaa buusuuf jecha daangaa biyyasaanii kutanii akka hin kennine himan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin Raashiyaa waliin waliigaltee nagaa irra gahuuf jecha daangaa biyyasaanii xiqoolleen kutanii akka hin kennine himan.
Zelensikiin gaaffiifi deebii waggaa tokkoffaa Raashiyaan Yuukireen itti weerartee ilaalchisee BBC waliin taasisan irratti, lafa kutanii kennuu jechuun Raashiyaan ''ittuma fuftee gara keessaatti dhufti,'' jechuudha jedhan.
Meeshaaleen waraanaa biyyoota Lixaa waliigaltee nageenyaatti akka dhuftu taasisaa jira jedhama.
Zeleniskiin haleellaa Raashiyaan yeroo Arfaasaatti taasifti jedhamee tilmaamames jalqabeera jedhan.
"Raashiyaan ammayyuu kallattii hedduun haleellaa gaggeessaa jirti,'' jedhan.
Haa tahu malee, humni waraanaa Yuukireen haleellaa Raashiyaa kana dura dhaabbachuu akka danda'an himan.
Kunis hanga waraana deebisanii haleeluu jabaajalqabanitti akka tahe himuun ammas deeggarsa meeshaalee waraanaa biyyoota Lixaa irraa gaafachaa jiru.
''Eeyyeen, meeshaaleen waraanaa ammayyaa'oon waliigaltee nagaa akka dhufu ariifachiisu. Raashiyaan afaan meeshaa waraanaa qofa dhageessi,'' jedhan.
Torba darbe gaggeesitoota UK fi Gamtaa Awurooppaa wlaiin yeroo wal arguun mari'atan deeggarsa idil adunyaa akka jabaatuu fi biyya isaanii weerara kana irraa ittisuuf meeshaa waraanaa ammayyaa'aa tahe biyyootni lixaa akka gumaachaniif gaafataniiru.
Haatahu malee, Kiyeev saffisa meeshaaleen waraanaa dhiyaataa jiraniin yaaddofteetti. Taankotni waraanaa biyyoota hedduu akka Jarman, USA fi UK dhaan waadaa galameef ammayyuu achi dhaqqabuuf torbanota fudhachuu malu.
Akkasumas Zeleniskiin doorsisa bulchaan Beelaarus leeksaander Lukaasheenkoo yoo loltuun Yuukireen tokkittiin daangaakoo seente Raashiyaa cina dhaabadheen waraanichatti gala jedhes kaasaniiru.
''Beelaarus waraanichatti galti jedhee hin yaadu,'' jedhan. Yoo akkas tahe, ni waraanna, of oolchinas. ''Raashiyaan Beelaarusiin waraana kana keessatti akka sababaatti fayyadmuun dogogora guddaa taha,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humnoonni Raashiyaa waggaa kana humna guutuudhaan Yuukireeniin kan weeraran karaa Beelaarus ture.
Achirraan gara Kibbaatti babal'achuun gara magaalaa Kiyeevitti dhufan. Haa tahu malee, torbanoota keessatti humnootni waraanaa Yuukireen of duubs aisaan deebise.
Tooftaa waraanaa Raashiyaa kana dinqisiifattaniittuu jedhamanii gaafatamanii ''waanuma bu'aa hin qabnedha'' jedhan.
''Waanuma hundumaa barbadeessan. Yoo loltootni isaanii ajaja akkasii fudhachuun hojiirra oolchan waanuma wal fakkaataa tokko hojjechuu isaaniiti.''
Ragaan Yuukireen irraa bahe tokko akka agarsiisutti loltootni Raashiyaa isa yeroo biyyattii weeraran caalaa hedduminaan Yuukireen keessatti du'aa jiru.
Lakkoofsicha dhugumma aisaa adda baasuun ulfaatus Ministeerri Ittisaa UK garuu ragaa dhugaa tahuu akka hin oolle ibsan.
''Karaa kana mo'achuu filanne. Wabii nageenyaa barbaanna. Dhimma dangaa kennuu irratti dubbachuun akka biyyatti nu dadhabsiisa,'' jedhan.
''Waa'ee kanarratti mari'achuuyyuu miti, jedhan. Maalumaaf ammoo sodaanna? Dhimma irratti mari'annu miliyoonaan guyya guyyaan qabna.
Gaaffichi eenyu waliin kan jedhudha. Putiin wlaiin moo? Lakki, sababni isaa wal amantaan hin jiru. Isa wlaiin mari'achuu? Lakki, wal amantaan hin jiru.''












