Wallisaa beekamaan Tigriffaa Daawit Naggaa addunyaa kanarraa du'aan boqate

Madda suuraa, Screen shoot
Wallisaan Tigriiffaafi kan sirba Afaan Oromoo tokko sirbee ture aartist Daawit Nagaa Dilbata Waxabajjii 12, 2022 du'aan boqachuusaa maatiin BBCtti hime.
Daawit dhukkuba akka tasaa Jimaata isa mudateen hospitaala Addis Hiyiwoot magaalaa Finfinnee cisee wallaanamaa akka ture maddeen beeksiisan.
Dhukkubbiin guyyaa Wiixataa akka qofaatti eegalee itti cimee guyyaa Jimaataa hospitaala seenuun hanga Sanbataatti wallaansarra ture jedhameera.
Guyyaa Dilbataa dhukkubbiin itti cimnaan gara kutaa wallaansa namoota hordoffii cimaa barbaadaniitti geeffamuun galgala keessaa naannoo sa'aatii tokkootti lubbuunsaa darbuu hiriyyoonn isaa BBCtti hiamn.
Daawit osoo gara hospitaalaa hin geeffamiin duras mana keessatti wallaansa argataa akka ture himameera.
Erga mana yalaa geeffameen booda garuu sadarkaan suukaara isaa baayyee ol ka'uufi dhukkuubbiin isaas gara dhukubba soombaa (niimooniiyaatti) geedaruu akka itti himamee maddeen kan himan.
Daawit eenyuu?
Daawit Naggaa magaalaa Maqaleetti dhalachuun achumatti kan barate yoo ta'u, gaaffiifi deebii TV tokko waliin taasiseen maatiin isaas kan irraa du'an wayita inni mucaa waggaa kurnan ture akka ta'e himee ture.
Daa'imummaatti maatiisaa kan dhabe Daawit, waan nyaatee ooluu argachuuf jecha siijaaraa kaasee hanga maasitiikaatti, akkasumas shaqaxoota xixiqqaa qomasaatti baatee daandiiwwan Maqalee irra naanawuun waan argateen akka guddate dubbateera.
Ijoolluummaa isaa irraa kaasee jaalala muuziiqaa qabaachuu kan dubbate Daawit, umurii waggaa 15 irraa eegaluun ture fedhiisaa muziiqaaf qabu galmaan gahachuuf kan garee muuziiqaafi sarkasii Tigraayitti makamuuf gaaffii dhiyeesse.
Gaaffiin isaas yeroo sanatti deebii gaarii argachuu baatulleen, baandii Maarch jedhamuutti makamee akka dibbee taphatuuf carraan kennameef.
Haata'u malee, wallisaa ta'uudhaaf fedhiifi abjuu cimaa waan qabuuf, Daawit sirbuu yaaluu dhorkuu hin dandeenye.
Daawit gaaffiifi deebiicha irratti ''milkaa'inni yeroo hunda dhiheenya keenyatti argama'' jechuun, ''cimtee yoo hojjatteefi abdii yoo hin kutanne kaayyoo kee galmaan gahuun cimaa hin ta'u'' jechuun jireenya isaa akka fakkeenyaatti kaasuun dubbatee ture.
Daawit daa'immummaatti maatiisaa dhabuu irraa kaasee waan nyaatuufi kiraa manaa kanfalachuu hanga dadhabuu irra gahuun qormaataalee jireenyaa keessa darbeera.
Hojiiwwan Daawit
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daawit jireenya bu'aa bahii keessa darbuun ciminaan mo'atee hawiisaa cimaa kan ture wallisuummaa irra gahuun sirboota isaatiin namoota hedduu hawwachuu danda'eera. Sirboonni Daawit dhaggeeffattoota afaan Tigrinyaa dhagahaniin alattis warra afaan biraa dubbatan birattis fudhatama argatanii ture.
Sirboota isaa keessaayis, ''Daa'aamanaa'', Baabaa Ilan, Hidiyaat Maqalee, Wazaamay, fi kanneen inni ittiin beekamu keessaati.
Waggoottaan duras sirba 'Oromiyaa' jedhu Afaanoota Tigiriffaa, Afaan Oromoo fi Amaaraatiin sirbee deeggaroota isaa biratti dinqisifannaa argatee ture. Qabiyyeen sirba kanaas dargaggoon tokko jaalala shamarree Oromoo takkaan mo'atamuufi waa'ee bareedinaafi eenyummaa ishee kan himu ture. Sirboota qeenxee qofaan kan beekamu Daawit, albamii guutuu hojjachuuf dandeettiifi fudhatama qabaatullen, maaliif yeroo baayyee akka albamii hin hojjannee baayyeen irra deddebiin gaafataa ture.
Deebiin isaa yeroo hundaa ''qopheessaan jira'' kan jedhu yoo ta'u, bara 2018tti albamii mata-duree 'Aksumaayit' jedhu hojjatee ture.
Hojiin muziiqaa isaa kan dhumaa 'Ajiikii Tigraay'' kan jedhu yoo ta'u, waa'ee dharraa maatiiwwan sababii waraanaa Tigraayiin wal arguu hin dandeenyee ibseeera. Daawit Naggaa gaa'ela dhaabbachuun mucaa tokko godhatee ture.












