Hayaat Tuubbaa: 'Jaalalan nyaata cuukkoof qabutu hojii isaarratti akkan bobba’u na kakaase'

Hayaat Tuubbaa
Maxxanfame

“Jaalala nyaata cuukkoof qabutu hojii isaarratti akkan bobba’u na kakaase” jetti Shamarree Hayaat Tuubbaa Guyyee attamiin akka daldala cuukkoo itti alatti erguu eegalte yoo dubbattu.

Shamarree Hayaat Arsi Lixaa Adaabbaatti dhalatte. Naannoo isheen itti guddatte sanattis nyaanni cuukkoo ( Micciirraa) nyaata aadaa bakki guddaan kennamuufidha.

“Cuukkoon kun nyaata addaati. Naannoo ani itti dhaladheetti ammoo kabaja addaa qaba. Sagantaa gurguddaan yeroo jiru dhihaata. Yeroo fuudhaaa fi heerumaas ni dhihaata. Jaarsummaa boodallee akka milkiitti nyaata dhihaatudha,” jetti.

Hayaat yeroo ammaa Magaala Buraayyuutti nyaata cuukkoo kana qopheessuun namoota biyya keessaa fi alaatiif dhiheessaa jirti.

Jaalalli nyaata cuukkoo kanaaf qabdu nyaata kanarratti hojjechuuf akka ishee kakaase kan himtu shamarreen tun, namoonni biyya alaatii yeroo dhufan cuukkoo fudhatanii deemuuf fedhii qaban arguun ammoo ka’umsa yaada hojichaa kan biraati.

“Namoonni yeroo biyya alaatii maatii isaanii gaafachuu dhufan gaaffiin isaanii kan jalqabaa cuukkoo nuuf qopheessaa kan jedhudha. Namuu cuukkoo qabatee gara biyya alaatti deebi’uu barbaada. Saniif maatii ni rakkisu. Osoon bifa bareedaan qopheessee fedhii isaanii kana nan guuta jedheen hojii kana jalqabe,” jetti.

Hayaati hojii cuukkoo kanaaf galteewwan isaa Adaabbaarraa fiduun Magaala Buraayyuutti bifa qulqullina isaa eeggateen hojjechuun maamilootasheef dhiheessuurrattis argamti.

“Garbuu, dhadhaa fi mi’eessituuwwan achuma Adaabbattin qopheessisa. Sababnisaas dhandhama orijinaalaa isaa akka qabaatuuf jedheen. Achii fidee Buraayyuutti walitti makee qopheesseen maamilaaf dhiheessa,” attamiin akka qopheessitu yoo himtu.

Qophiin cuukkoo kun karaa tuttuqaa harkaa irraa bilsa ta’een bifa nama hawwatuun saamsuun maamilootashiif dhiheessitti.

Hayaat Tuubbaa

“Kan hojjennu manuma jireenyaa keessatti maashinaan. Harkaan hin tuqamu. Maamiloonni kiyya irra caalaan karaa online na ajaju. Animmoo ajaja isaanii sana fuudheen yeroo isaan jedhanitti dhiheessaaf,” jetti.

Hojii kana erga eegaltee waggaaf kan deemtu yoo ta’u, yeroo ammaa maamilootnishee biyya keessaafi alaa haalan dabalaa jiraachuus himti.

“Cuukkoon kun waan irratti hin hojjetamnedha. Garuu ammoo fedhiin namaa guddaadha. Amma ajaja hedduu fudhachaa jirra. Biyya keessaa dhaabbileen tokko tokko bakka keekii cuukkoo kana fayyadamuu waan eegalaniif nu ajaju,” jechuun fedhii nyaataa aadaa kanaa dabalaa jiraachu dubbatti.

“Akkaataan nuti murree itti saamsinus akkuma nyaachuuf mijatutti. Namoonni biyya alaa jiranis online ajajatu. Nuti akka ajaja isaaniitti qopheessinee biyya alaattis ni erginaaf,” jetti Hayaat.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana malees yaa’ii Gamtaa Afrikaa dhiheenya kana taa'amee ture irrattis, nyaata cuukkoo kana dhiheessuu kan himtu shamarreen kun, aangaa’onni Afrikaa walgahicharratti hirmaatanii nyaata kana yaalanis hedduu akka jaalatan natti himaniiru,” jetti.

Hojii ittiin jiraattu dhaabbata dhuunfaa akka qabduu fi hojii cuukkoo qopheessuu kana akka hojiin jaalattu (passion) hojjechuuf yaadeen eegaluu kan himtu Hayaat, amma garuu hojichi jaalatamummaa argachaa dhufuu himti.

“Ani dhaabata dhuunfaa kiyyaa hojii biraan qaba. Kan cuukkoo kana waanuman jaaladhuuf jalqabe malee akka biiznasiitti yaadeen miti. Amma garuu barbaadamummaansaa olka’eera. Biyya keessas ta'e biyya alaati fedhii namoonni cuukkoof qaba guddaataa jira,” jechuun gabaan ishee dabalaa jiraachu himti.

Kanaaf jechas nyaata aadaa cuukkoo kana bifa ammayyaa’een daran bal’isuun nyaata aadaa kana daran beeksisuu akkasumas biyya keessaa fi biyya alatti baay’inaan dhiheessuuf karoora qabaachuu dubbatti shamarreen tun.