Indiyaan yeroo duraaf Aduu qorachuuf saatalaayitii ergite

Madda suuraa, ISRO
Indiyaan fiixee Kibbaa addeessarraa biyya jalqabaa qubachuu dandeesse erga taatee guyyoota muraasa booda yeroo duraatiif gara Aduutti saatalaayitii ergite.
Saatalaayitiin Aditya-L1 jedhamuun moggaafamte Sanbata xiqqaa kana kan dhukaate yeroo ta'u, waan Aduu qorachuuf, dachee irraa fageenya km miiliyoona 1.5 ta'u imalti. Kunis fageenya aduufi dachee gidduu jiru keessaa dhibbeentaa tokko qofa jechuudha.
Ejensiin Hawaa Indiyaa xiyyaar samiin kun imala kana goolabuuf ji'oota afur itti fudhata jedheera.
Sirna soolaarii keessatti qaama guddaa kan taate aduu qorachuuf xiyyaar samiin Indiyaa kun amantaa Hinduu keessatti waaqa aduuti kan jedhamu Surya ykn Aditya'n moggaafamte.
Xiyyaar samiin kun iddoo aduufi dachee gidduu jiru Lagrange point 1 jedhamu qubatti.
Akka Ejensiin Hawaa Awurooppaa jedhutti Lagrange point lafti jedhamu kun humni harkisaa kan aduufi dachee bakka itti wal dhabamsiisuun humni harkisaa wayituu hin jiraanne waan ta'eef, xiyyaar samiin ni bololu.
Xiyyaar samiin Indiyaa kun takkaa buufata kana yoo qaqqabde akkuma dachee siinqee aduu naannofti. Kana jechuun ammoo xiyyaar samiin kun siinqee aduurra naanna'uuf boba'aa hedduu hin fixxu jechuudha.
Sanbata xiqqaa ganama xiyyaar samiin kun wayita dhukaafamtu namootni kumootaan lakkaawwaman itti dhiyaatanii akka ilaalan Ejensiin Qorannoo Hawaa Indiyaa haala mijeesseera.
Sirni kun miidiyaa biyyaalessaa irrattus kallattiin tamsaasameera. Saayintistotni Ejensiin Qorannoo Hawaa Indiyaa milkaahinaan dhukaasamuu xiyyaar samii kana yoo himan, hunduu akka ta'uun irra jirutti ta'e jedhaniiru.
Xiyyaar samiin kun erga furgaatee booda gara aduutti imala eegaluu isheen dura yeroo baayyee siinqee dacheerra naannofti jedhameera.
Buufata humni harkisaa aduufi dachee zeeroo ta'urraa ammoo xiyyaar samiin kun haala aduurratti qorannoo saayinsaawaa gooti.
Ejensiin kunergamni Indiyaa alanaa kun hangam akka baasisu hin ibsine. Haata'uyyuu malee gabaasaaleen baarruu biyyatti rupee biiliyoona 3.78 ykn doolaara miiliyoona 46 akka fudhatu gabaasan.
Ejensiin Qorannoo Hawaa Indiyaa xiyyaar samiin kun meeshaaleen qorannoo saayinsiif oolan torba kan qola alaa aduu, qaama aduu dachee irraayyuu mul'atu fi qaamolee aduu kaan qoratan qabatteetti jedheera.
Qorannoon xiyyaar samiin Indiyaa gootu kun sochii soolaaraa, qilleensa soolaaraa fi dhiibbaa inni qaamolee hawaa dhiyeenya saniifi dachee irratti qabu beekuuf gargaara.
Saayintistiin duraanii ejensichaa Mylswamy Annadurai ''aduun itti fufiinsaan gama raadiyeeshinii, ho'a jabaafi paartikiloota fi kaaniin haala qilleensaa dacheerratti dhiibbaa gooti'' jedhan.
Haala qilleensaa hawaa irrattis akkasuma dhiibbaa uumti jedhaniiru.












