Indiyaan yeroo jalqabaatiif bantii kibbaa Addeessaarra qubachuun seenaa hojjette

Suuraa Chandarayaan-3 irraa ergame

Madda suuraa, Isro

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Addeessaa Chandarayaan-3 irraa ergame
Maxxanfame

Seenaa imala Addeessaa keessatti yeroo jalqabaaf naannawaa bantii kibbaa Addessaarra qubachuun Indiyaan biyya ishee jalqabaa taateetti.

Dabalataan, biyyootii kana dura Addeessarra suuta qubachuu danda’an - US, Soviyeet Yuniyeen duraaniifi Chaayinaatti makamuun Indiyaan biyya afraffaa taateetti.

Xiyyaarri hawaa Chandrayaan-3 jedhamu milkaa’inan akka karoorfametti kan Adeessarra qubate akka sa’aatii biyyattiitti Roobii waaree booda sa’aatii 12:04 irrattidha.

Biyyattii guututti gammachuu kan ture yoo ta’u, Ministirri Muummee Indiyaa Naarendra Modii “Indiyaan amma Addeessarra jirti,” jedhaniiru.

“Bakka biyyi biraa kamuu ga’uu hin dandeenye geenyeerra. Kun yeroo gammachuudha,” jedhan

Moodiin taatee kana kallaattin kan daawwate, Afrikaa Kibbaa bakka itti marii BRICS irratti hirmaachaa jiran irraa ture.

Hoogganaan Dhabbata Qorannoo Hawaa Indiyaa (Isro), Sireedharaa Panikeer Somanaat, Addeessarra qubachuun milkaa’uun, “hojii keenya qofa miti, bu’aa hojii saayintistoota Isroo dhaloota adda addaadha,” jedheera.

Balaan xiyyaara hawaa Raashiyaa qunname kun, bantii kibbaa Addeessarra qubachuun hangam akka cimaa ta’e agarsiiseera.

Bara 2019 irratti imala Addeessaarra suuta qubachuu lammataa isheen Indiyaanis hin milkaa’in haftee turte.

Imala milkaa'aa ammaa irratti Rooveriin (konkolaataa xiqqoo) goommaa ja’a qabu, dirree Addeessarra asiif achi deemuun odeeffannoo barbaachisoo ta’aniifi suuraa sassaabuun deebise as gara dachee keenyatti akka erguuf sochii eegaleera.

Namoota imala Addeessaa Chandrayaan-3 milkaa'e daawwatan

Madda suuraa, Reuters

Imala Addeessaa Indiyaaf wanti itti aanu maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ergamni imala kanaa inni guddaan cabbii bishaanii, kan saayintistoonni gara fulduraatti jireenya Addeessarraa dhala namaa ni gargaara jedhan adamsuudha.

Dabalataanis, xiyyaara hawaa (Spacecraft) gara pilaanetii Maars ykn fageenya biroo deemaniif meeshaalee kennuu danda’uudha.

Saayintistoonni akka jedhanitti, qaamni Addeessaa yeroo hunda gaaddiduu jala jiru baayyee bal’aa waan ta’eef tarii cabbii bishaanii qabaachuu danda’a.

Rooveriifi Laander (kutaa xiyyaara samii Addeessarra qubate) kun meeshaalee saayintifikii shan qabatanii jiru. Meeshaaleen kunneen atmoosfera Addeessatti dhiyaatee jiruufi dirra Addeessaa jala maaltu adeeemaa jira kan jedhu qorachuu danda’u.

Chandrayaan-3 imala Addeessaa Indiyaa sadaffaa yoo ta’u, qondaaltonni Isroo akka jedhanitti argannoowwan saayinsii “baayyee barbaachisoo” argachuuf ni gargaara.

Imalli Addeessa Indiyaa inni jalqabaa waggaa 15 dura bara 2008tti Chandrayaan -1’n gaggeeffame Addeessaratti molokiyuulii bishaanii argachuun, guyyaa Addeessi atmoosfeera akka qabdu adda baaseera.

Chandrayaan-2 suuta Addeessarra qubachuuf hin milkaa’iin hafus, orbiitarri isaa ammallee Addeessa marsaa waan jiruuf, Laander isa ammaa kan Vikram jedhamu akka suuraaleefi odeeffannoo akka dacheetti erguuf gargaaruu danda’a.

Addeessa irratti kan xiyyeeffateeru Indiyaa qofa miti, addunyaa guutuutti fedhiin dabalaa dhufeera. Biyyootiin hedduu gara fulduraatti Addeessarra qubachuuf qophiirra jiru.

Saayinstistoonnis waayee Addeessaa wanti hin baramnee baayyeetu jira jechuun, hawaa fagoo qorachuuf Addeessi balbalaa akka ta’ettis ilaalu.