Abbaan Gadaa Tuulamaa haaraan karoora isaanii, nageenya Oromiyaa fi kaan dubbatan

Madda suuraa, Oromia culture and tourism beaurau
Baalliin (Alangeen) Gadaa Tuulamaa marsaa 70ffaa waggoota saddeet darbaniif Gadaa Meelbaa harka ture gara Muudanaatti darbeera.
Muudanarraa namni Abbaa Gadaa waggaa saddeet dhufaniif Gadaa Tuulamaa hoogganuuf baallii fudhatan Obbo Geetuu Taliilaa ti.
Tuulamni sadeen [Daacci, Bachoo fi Jiille] ALI Waxabajjii 01, 2018 irraa eegaluun godaansarra turee booda ardaa jilaa Dhaka -Koratti baallii walii dabarse.
Jila Dhaka Koraa turerratti wixinee ittiin bulmaata Gadaa itti aanuu kan bara darbe Caffee Tumaatti qophaa'e mirkaneessuun, Abbaan Gadaa Muudanaa alangee fudhatan.
Abbaan Gadaa alangee fudhatan yaa'ii isaanii waliin seera kana lallabuun qe'ee ofiitti deebi'an.
Yoo gara qe'eetti deebi'anis simannaan godhameefii jira.
Ofii Abbaan Gadaa Tuulamaa amma filaman Geetuu Taliilaa eenyu? waayee bulchiinsa Gadaa isaanii itti aantuu maal jedhu?
BBC'n Abbaa Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa dubbiseera.
Dhiyaadhaa:
'Warra bokkuu waan taaneef alangeen na geesse'

Madda suuraa, Oromia culture and tourism beaurau
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maqaa guutuun isaanii Geetuu Taliilaa Tufaa jedhamu. Tuulama sadeen keessaa Daacci yoo ta'an gosa Galaanirraayi. Galaan keessaa Jidda.
Shanan Jiddaa keessaa immoo Kuraa Jiddaatti akka lakkaawan himatu Abbaan Gadaa Tuulamaa haaraan.
Dhaloonni isaanii Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaati. Qubsumni isaanii gama kibba bahaa fuullee Tulluu Liiban Cuqqaalaa Ganda Dugdaa jedhamu ta'uu dubbatu.
Maatii isaanii keessaa nama lammaffaadha. Ilma dhiiraa jalqabaati. ''Dhiira sadii fi dubara sadi taanee dhalanne,'' jedhan.
Umriidhaan nama ganna 49ti. Akka Gadaatti immoo miseensa muudanaati. Duudhaa fi srina Gadaa keessatti guddachuu himu.
Abbaan Gadaa Tuulamaa kun barnoota ammayyaas qabaachuu himu. "Qormaata biyyoolessaa kutaa 10 fudhadhee waraqaa ragaan qaba," jedhan.
Baallii fudhatanii guyyaa lammaffaa gara qe'ee isaaniitti deebi'an.
Guyyaa baallii fudhatan waaree boodarraa kaasee gara ardaa ofiitti jila ofii waliin kan deebi'an Abbaan Gadaa kun jilaa bahanii mana namaatti goruun waan hin danda'amneef Dhaka Kora akka bulan dubbatu.
"Jilaa baanan manatti malee bakka biraatti goruun hin jiru. Kaleessa mana hin geenye. Meelbaa irraa Alangee fuunee booda Dhaka -Koraa karaa bulle."
Akka qajeeltoo Gadaasaatti Gadaan Tuulamaa bokkuudhaan bula.
Garuu as dura yeroo murtaayeef bokkuudhaan bulaa hin turre jedhu Abbaan Gadaa Geetuu Taliilaa akkamiin akka alangeen akka isaan geesse yoo himan.
"Namuma arraba qajeelaa, sochii sirna Gadaa keessatti hubannoo qabuuni gadaan Tuulamaa kun qajeelaa kan ture. Amma ammoo ani abbaa shanani warruma Bokkuu keessaa alangeen na gahe. Numatu Gadaa bobbaase. Obboleessuma kiyya kan abbaa shanan ta'ee bokkuu baatu. Gadaa kan bobbaase. Achumarraan alangeen na geesse."
Waggaa lama dura Tuulama sadeen keessaa koree haala mijeessitee Gadaa bobbaastu keessaa namoonni 11t filamanii turuu himu.
''Gaafa kana Gadaa kana kan qajeelchu jedhamee kallattiin yoo kennamu bokkuutu dura bu'a, bokkuutu eebbifata, bokkuu abbaa shanantu Gadaa bobbaasa. Achirraa kaasee Gadaan milkiidhaan teenya ta'uu hayyuudhaan, miseensa Muudanaa guutuudhaan, koree san keessatti ati dura buuteet koree qajeelchita naan jedhanii namoonni 11 Odaa Nabeetii hanga Dhaka koraa uummata godaansifnee turre.
Ani warra godaansise keessaa jalqabarran ture,'' jedhu.
"Kanumaan hayyuun mari'atee qaaccessee qulqulleessee namni Gadaa san hogganu bakkatti deebi'uu qaba, bokkuu isaa jalatti deebi'uu qaba. Odoo Abbaan Bokkuu taa'uu namni biraa itti dabree alangee hayyuu hin fudhatu, akkasiin alangee fudhadhe jechuu dha."
'Waaqaa fi dhugaatti araaramuu qabna'
Waayee nageenya Oromiyaa irratti Gadaan isaanii maal akka hojjetu gaaffii BBC'dhaan isaaniif dhiyaateef Abbaan Gadaa Tuulamaa waayee Waaqafi dhugaatti araaramuu qabna jedhan.
"Jalqaba Oromoon Waaqatti bula, dhugaatti bula, alangeen Waaqa araarsiti, akka gadaattis akka abbaa gadaattis araarsaa dha nuyi, malkaaf tulluutti baanee rabbi nutti araarami jennee kadhachaat turre. Gaafa Waaqni namaan araarame namni ofiinuu araarama."
Waan gaarii hojjechuu, nama gorsuu, yaa Rabbi jennee barii barraaqan kaanee malkaa fi tulluu fallee waan jedhamu guutuu isaa rabbi akka nu yaadatu iyyachuu dha. Rabbi gaafa nu yaadatu wanni hunduu ni sirrata jennee abdanna jedhan
Gadaa darbe [Meelbaa] irraa muuxannoo qooddatanii fi waan fooyyessanis himan.
"Baay'ee isaa Gadaan Meelbaa sirreessaa ture. Wantoota babbade fakkeenyaf kana akka Hora Finfinnee abbaa malkaa itti deebisanii malkaan ni saaqame.
Fakkeenyota kanaan isaan qabannee deemudha. Waan bade deddeebisaa sirreessaatti kan turani.
Alangeeyyuu karaa nagaan karaa jaalalaan kennan wal harkaa fudhanne, warra biraa kun hin mudanne. Fakkeenya isaanii fudhannee waan gadaan feetu itti guutaa sirreessaa deemudha malee qeeqa hangas gahu isaanirraa hin qabu."
Akka Abbaa gadaa tokkotti karoorri qabnu waan Gadaan feetu, ardaalee jilaa hanqina qaban qaama sirreessuu danda'n, Tuulama sadeen, Oromoo guutuu wajjin wal taanee malkaalee, tulluuwwan Irreecha bakkee hanqate, Gadaa bakka itti laafte ni jabeessina jedhan.
Walabummaa abbootii Gadaa fi dhiibbaa qaamole garaagaraa irraa isaan mudaturrattis dubbatanii jiru.
"Dhiibbaan nu mudata jenneellee hin eegnu. Gadaan alangee dha. Waan alangeen dubbattu, afaan alangee, waan hayyuun jedheeni biyya kan qajeelchinu. Duraanuu Gadaan sirriidha waan haarofti Gadaan uumtu hin jiru. Tolchee jira Oromoon durayyuu kanuma sirreessina."















