Karra eegaan Keep Verdee addunyaan halkan tokkotti isa barte, Voozinaan, eenyu?

Vozinha

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Vozinha made seven saves in Cape Verde's 0-0 draw against Spain
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Taphni Keep Verdee fi Ispeen akkuma xumurameen iji addunyaa karra eegaa Keep Verdee irra ture.

Biyyi xiqqoo uummata 500,000 qabdu kun shaampiyoonaa Awurooppaa kan tahe Ispeen waliin qixa bahuun isaaniif akka waancaa injifachuuti.

Karra eegaan Keep Verdee Vooziinaa jedhamu kubba kallattii isaa eeggatee karra isaatti rukutame hedduu keessaa torba oolcheera.

Umuriin isaa waggaa 40. Kileba Poorchugaal diviziyoona lammaffaa keessa taphatu Kaaves [Xhaves] jedhamu keessa taphata.

Gatiin inni gabaa jijjiirraa taphattootaa irratti qabu doolaara 40,000 hin caalu ture.

Taphni osoo hin jalqabiin Inistaagiraamii isaa irratti hordoftoota 50,000 qaba ture.

Lammiilee biyyattii [Keep Verdee] fi deeggartoota kileba isaa yoo tahe malee addunyaan isa hin beektu ture.

Akkuma Ispeen waliin 0-0 xumuraniin imimmaan qabachuu kan hin dandeenye Vooziinaan Inistaagiraamii isaa irratti amma hordoftoota 4,000,000 ol qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sa'aatii tokko keessatti miliyoona darbe.

Ispeen galchii hedduu irratti lakkoofsifti jedhamee osoo eegamuu galchii tokkollee lakkoofsisuu hin dandeenye.

Kubba haga kana karra eegaan oolche erga bara 1966 as yeroo jalqabaaf Voozinaa qofa akka tahe ragaaleen agarsiisu.

Ergasii garuu karra eegaan Sawud Arabiyaas kubba 10 Uraagaay jalaa deebisee seenaa hojjete malee.

Garuu karra eegaa Keep Verdee maaltu akkas boossise? Gammachuu moo gadda biraa duubaa qaba?

"Anaan kan na guddise akaakayyuu fi akkookooti. Har'a garuu isaan as hin jiran. Akka carraa tahee dhiyeenya kana du'aan boqatan. Isaan anaaf waan hundaakooti. Kan biraa kan na boossise ammoo osoo haatikoo as jiraattee jedhee yaadeeni.

Sababa viizaatiin as dhufuu hin dandeenye. Viizaa argachuuf Birrii kaffalamu argachuu hin dandeenye. Yeroodhaan kana xumurachuu waan dadhabneef asitti hin argamne. Osoo as jiraattee silaa akkam natti tola'' jedhe.

Akkuma taphni xumurameen taphattoonni Keep Verdee walitti fiiguun utaalanii shubbisanii gammachuu isaanii ibstan. Ispeen waliin qixa bahuun gahumsa nma dhuunfaa qofa hin gaafatu.

Akka gareetti hojii isaan ittisa irratti hojjetan ajaa'iba. Isa qofa osoo hin taane yeroo haga kana ittisanii taphatan balleessaa tokko qofa hojjetan.

Garuun naamusa akkasii agarsiise waggoota dheeraa keessatti argamee hin beeku.

Deeggartoota isaanii qofa osoo hin taane jaallattoonni kubba miilaa garee lameenuu hin deeggarre qabxii fi cimina Keep Verdeen agarsiisan kana jaallatanii gammadaniiruufii.

Vooziinaan ''meeshaan keenya guddaan tokko tokkummaa keenya'' jedhe. Taphataa har'a dhufes tahe kan waggaa 10, 15 as tures yoo tahe akkatti wal kabajnuu fi tokkummaan keenya adda.

Namoonni kaan yeroo jalqabaaf waan hirmaannuuf Waancaa Addunyaa kana irratti argamnee taphannee gammachuudhaan qe'eetti deebi'uuf akka dhufnetti nu ilaalu.

Dhugaadha yeroo jalqabaaf tahus garuu kan as jirruuf biyya keenyaaf dorgomuu fi haga dhumaatti falmachuufidha'' jedhe.

'Abjuu ijoollummaakoo ture'

Voozinaaf Waancaa Addunyaa irratti argamuun abjuu ijoollummaati. Maqaan isaa guutuun Joosimaar Diyaaz jedhama. Ijoollummaa irraa jalqabee garuu yoom akka Waancaa Addunyaa irratti hirmaatan abjataa ture.

Amma umuriin isaa waggaa 40. Umurii isaa waggaa 40 fi guyyaa 12 karra eegaa umurii guddaan Waancaa Addunyaa kana irratti hirmaate tahe.

Dhugumatti taphataan umurii guddaan Waancaa Addunyaa irratti hiriiruun rikardii qabu karra eegaan masirii El Hadarii ture. Ini bara 2018 yeroo Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti taphate umuriin isaa waggaa 45 ture.

''Kubba miilaa profeeshinaalaa tahee taphachuu kanan jalqabe yeroo umuriinkoo waggaa 25 gahu ture. Nama akkakoof baay'ee barfateera,'' jedhe Vooziinaan.

''Garee biyyaalessaa keessaa bahuuf yaadaan ture. Garuu abjuu kana milkeessa jedheeman itti fufe.''

Keep Verdeen km600 qarqara Lixa Afrika airraa fagaattee odola argamtudha. Carraa tapha kubba miilaa xiqqaatu jira. Voozinaan bu'a bahii hedduu keessa darbuun ganda Mindeeloo jedhamtutti dhalatee amma addunyaan isa barte.

Odola keenya keessaa karra eegaan na caalu hin jiru ture. Akka gaariitti taphadheeyyuu kilebni na bituuf gaafatu hin jiru. Sababni isaa ammoo hojjaakoo ilaalanii na hin fedhan jedhe.

Kileba argachuuf Poorchugaal deeme. Achii Isloovaakiyaa, Moldoovaa, Angoolaa, Qophoris fa'aa keessa taphateera.

Amma kileba Poorchugaal Kaaves jedhamtu keessa taphata.

Maqaan isaa seenaa addaa qaba. Abbaan isaa Valdaanoo jedhee isa waama ture. Maqaa taphataa beekamaa duraanii Arjentiinaa fi Riyaal Maadrid Jorgee Valdaanoo ture.

Garuu mootummaan Keep Vedree ni didan. Kana irraa kan ka'e maqaa taphataa Biraazil bara 1986 Waancaa Addunyaa irratti haalaan beekamee Joosimaar jedhamuun isa moggaase.

Voozinaan amma ofuma isaaf seenaa hojjechuun addunyaa irratti maqaa isaa beeksise.