'Waaqolii keenya nu deebiisaatii ogummaa keenya qabaachuu dandeessu'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Siidaan ogummaa kun Rabindra Puri'n kan jaallatudha. Siida sana irra fakkeenya waaqayyoo Hinduu kan taate kitaaba kadhannaa fi meeshaa muuziqaa veena jedhamu harka ishee afuriin qabattee jirti.

Ilaalcha ishee cimaadhaan yeroo kamiyyuu waan gara jireenya namaatti kan dhuftu fakkaatti.

Garuu hojii aartii kana cinatti suuraan siidaa qaama namaa mataan irraa murame barreeffama bara 1980moota keessa hatame jedhu qaba. Bakki inni amma jiru hanga ammaatti hin beekamne.

''Dubartiin manguddoon tokko guyyaa hunda Fakkeenya waaqa tolfamaa sanatti

akka waaqeffattu natti himte,'' jedha Puuriin. Wayita hatamuu isaa bartu garuu yeroo abbaan manaashee duʼe caalaa dhiphina hamaa keessa galtee turte.

Siidaan kun fakkiiwwan 45 hatame kan Puriin Muuziyeemii Aartii Neppaal keessatti akka deebi'niif gaafatan keessaa tokko yoo ta'u, bara 2026 banamuuf jira.

Waggoota shanan darban keessatti ogeeyyii ogummaa bobbocaa qaban hedduun qacaramuun tokko tokkoo fakkeenya soodduwwaan sannneenii hojjachuuf baatii sadii hanga waggaa tokkoo itti fudhate.

Baajanni mootummaa waan hin jirreef, Puriin qabeenya dhuunfaa isaa irraa 50% muuziyeemichaa fi pirojektoota kunuunsaa biroof waadaa galeera.

Namni waggaa 54 kun “Daawwattoonni yeroo waan sana ilaalan akka gaddanii fi aaranii duula ogummaa akkasii gara biyyaatti deebisuu kana keessatti hirmaatan nana barbaada jedha.

Neppaal meeshaalee mana qulqullummaa fi manneen amantii guutuu biyyattii keessaa badan 400 ol barbaadaa jirti, garuu lakkoofsi kun hambaalee badan gad xiqqeessuu ta'uu mala jedhu hoogganaan kutaa Arkiyooloojii biyyatti Sawubagya Piradhananga.

Waaqoliin tolfamoon badan kun hedduun isaanii bara 1960 hanga 80tti kan hataman yoo ta'u, yeroo Neppaal jaarraa tokkoo oliif mooti Ranas jedhamuun beekamu jalatti addunyaa irraa adda of baastee bulaa turtetti.

Namoonni damee jireenyaa hunda irratti ol’aantummaa qaban namoota naannawa masaraatti dhihoo turani tokko tokkoo fi bulchitoota humna guddaa qaban gidduutti “waliigaltee” uumameen meeshaaleen kun akka hataman taasiseera jedha barreessaan Duula Hambaalee Neepaal Deebisuu Sanjay Adhikari.

“Yeroo sanatti hattoota naannoo sanaatinis gowwoomfamuun hatamuu danda'a, dhuma irratti garuu biyyattii irraa fudhatame,” jedha.

Waaqolii tolfamoowwan kun qaama “aadaa jireenya” Neppaal waan ta’aniif gonkumaa “agarsiisaf” dhiyaachuun hin yaadaman jedhu Mr Adhikari.

Siidaaleen kun manneen qulqullummaa guutuu biyyattii keessatti bakka hundatti kan argaman yoo ta'u, guyyaa guyyaan namoota naannoo sanaatiin waan akka waan “amantiin tiksaa dhabeetti” itti dhagahama. Lakkoofsi hannaa gadi bu'us naannoon tokko tokko waaqa tolfamaa isaanii godoo sibiilaa keessatti itti cufataniiru.

Waggoota kurnaniif Nepaaloonni hamabaalee amantii isaanii bade eessatti akka argamu baay'inaan hin beekan turan,erga bara 2021 Duulli Hambaalee Biyyaalessaa Deebisuu hundeeffamee booda garuu jijjiiramni dhufeera.

Aktiivistoonni waaqolii tolfamoowwan kunneen hedduun isaanii amma biyyoota dhihaa kanneen akka US, UK fi Faransaayitti muuziyeemii, manneen caalbaasii ykn kuusaa dhuunfaa keessa akka jiran argataniiru. Dhaabbileen biyya alaa irratti dhiibbaa akka godhan hambaalee kanneen deebisiisufis mootummaa waliin hojjetu.

Faaya mormaa Taleju,

Yaadotni dhimma qorannoo kana irratti dhiyaatan adda adda jiraatanis, Faayyi mormmaa Taleju fakeenya seenaan jaarraa 17ffaa irraa eegalee ta'uu akka dana'autu eerama.

Bara 1970tti, Faayyi mormmaa guddaan warqeedhaan dibame dhagaa gati jabeessan bocame kun Mana Qulqullummaa Taleju, waaqayyittii waaqeffattoonni mootota bulchiinsa Mallaatti aangoo kenniti jedhanii amanan keessaa bade.

Manni qulqullummaa waggaatti al tokko qofa – guyyaa sagalffaa Ayyaana Dashaayinitti – ummataaf banaa waan ta’eef dhabamuun isaa hawaasa biratti caalaatti akka rifachiisu taasisee ture.

Kutaan Neppaal baay'een isaa hanga waggaa sadii duratti waa'ee bakka Faayyi mormaa Taleju kun jiru hin beeku ture, yeroo Dr. Seweta Giyanu Baniya, barsiisaan Nepaal kan US keessa jiraatu, suuraa Faaya mormaa kanaa kan Instituutii Aartii chikaagoo jiru X irratti maxxanseen booda barame.

Lubni olaanaa Mana Qulqullummaa Taaleejuu Uddhay Karmacharya, “Waggoota hedduu booda muuziyeemii Ameerikaa keessatti agarsiifamuu isaa baruun keenya baayʼee nu rifachiise” jedhe. Ragaawwan madda isaa mirkaneessan aanga'oota Nepaaleef dhiyeessee jira. “Guyyaa inni gara biyyaatti deebi’u jireenya koo keessatti guyyaa hunda caalaa barbaachisaa ta’a.”

Faayyi mormaa kun kennaa Faawundeeshinii Alsdorf irraa argame akka ta'e marsariitiin Inistiitiyuutii Aartii Chikaagoo ni mul'isa. Dubbi himaan inistituutichaa BBC'tti akka himanitti, Caamsaa 2022 odeeffannoo dabalataa erga gaafatee booda ammallee deebii mootummaa Neepaal irraa eegaa akka jiru himan.

Kutaa Arkiyooloojii Neeppaal kan hoogganan Pradhananga galmee kuusaa dabalatee ragaa gahaa akka dhiyeessan kan himan yoo ta'u, barreeffamni faayaa kana irratti barreeffame ammoo addatti Waaqayyittii Taleju'f kan hojjetame mootii Praataap Mallaan akka ta'e dubbatan.

Mootummaan Neppaal qabeenya gaarii jalaa hatame kana deebisiisuuf duula taasisaa jirti. haa ta'uu malee ragaa qabatamaa bakka hambaaleen sunneen jiran argachuu qormaata ta'a jetti Pradhananga.

Biyyoonni tokko tokko hambaalee sanniin gara biyyaatti deebisuuf fedhii agarsiisaa jiru.

Imbaasiin Ameerikaa waggoota kurnan darban keessatti meeshaaleen 100 muuziyeemota Ameerikaa ykn namoota dhuunfaatiin walitti qabaman akka deebi’aniif haala mijeessuuf Nepaal waliin hojjeteera.

Garuu UK fi Faransaay “fedhii kan hin qabne” fakkaatu jedhu gareen duula hambaalee kanneen walitti qabuu.Qondaalli UK tokko dhimmoota akka muuziyeemii fi agarsiisaa “mootummaa irraa walaba ta’anii waan socho’aniif” gidduu seenuu akka hin dandeenye BBCtti himan.

Imbaasiin Faransaay dhimma kana irratti yaada hin qabnu jedha.

Hambaalee kanneen deebisiisuu keessatti amma fooyya'iinsi tokko tokko argameera, bara 1986 irraa eegalee meeshaaleen gara 200 ta’an gara Neppaalitti deebifamaniiru – garuu irra caalaan gara biyyaatti deebisuu waggoota kurnan darban keessatti kan raawwatameedha.

Yeroo ammaa kana meeshaaleen 80 gara biyyaatti deebi'anii galma addaa Muuziyeemii Biyyaalessaa Neepaal keessatti kan argaman yoo ta'u, bakka isaaniif malutti kunuunsafamaa fi eegamaa jiru.

Bara 2022 irraa eegalees waaqolii tolfamoo jaha hawaasaaf deebifamaniiru.

Ammas biyyattiin duula hambaalee jalaa badanii "Waaqolii keenya qofa nuuf deebisaa, Aartii keenya garuu qabaachuu dandeessu,” jedhuun walitti qabaa jirti.

Neeppal keessatti ammalee namoonni naannoo akkuma abbootii isaanii jaarraa 10ffaa waaqa tolfamaa kana waaqessaan jiru.