Dorgommiin Piriimer Liigii Ingiliiz 2024-25 eegamaa ture har'a jalqaba

Maanchister Yuunaayitid v Fuulhaam, tapha jalqabaa 2023-24

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Dorgommiin Piriimer Liigii Ingilizii bara 2024-25 haalaan eegamaa ture har'a Maanchister Yuunaayitidii fi Fulhaam gidduutti jalqaba.

Maanchister Yuunaayitid bara dorgommii darbe miidhama taphattootaan kileboota kamiyyuu caalaa miidhamee ture.

Sadarkaa saddeettaffaan xumurus waancaa FA Cup mo'achuun waan xumureef Erik Ten Haag carraa kilebicha keessa turuu akka argatan taasiseera.

Taphattoota haaraa fi garee leenjistootaa haaraa gara kilebichaatti kan dabale Yuunaatitid boqannaa haaraa kilebichaa taha kan jedhame har'a Fulhaamiin keessummeessuun jalqaba.

Haa tahu malee, ammas miidhama taphattootaan ala miti. Paawondii Miliyoona 52 tahuun Liil irraa Yuunaayitid kan gale Leenii Yooroo miidhamuun ji'a sadii oliif hin taphatu.

Rasmas Hooyilaandii fi Luuk Shoow akkasuma miidhamara jiru. Erik Ten Haag taphattoonni haaraa mallattesisan Maayiyas Digti fi Noosar Mazraawiin garee keessatti akka hammataman ibsaniiru. Haarii Maaguweris akkasuma.

Fuulhaam miidhama taphataa akka hin qabne ibsuun tapha kanaaf qophii tahuu leenjisaan isaanii Maarkoo Silvaa himaniiru.

Arsenaal irraa Fulhaam kan gale Emilii Ismiit Roow Fuulhaamiif kan hiriiru taha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjisaa isaa jaalatamaa kan dhabe Liiverpuul Arne Isloot jalatti dorgommii haaraa jalqaba. Liiverpuul kileba bara kana Shaampiyoonshiippii irraa ol guddate ipsiwiich waliin morkata.

Liiverpuul bara kana taphattoota haaraa hedduu hin mallatteesisne.

Arsenaal hanqina isaa jira jedhamu cufachuuf taphataa Bolonyaa, Kaaliyafoorii mallattesise.

Tapha jalqabaa isaa Wolvis waliin taasisa. Wolvis morkataa salphaa tahuu baatus Arsenaal bara kana waancaa Piriimer Liigii injifachuuf tapha jalqabaa irraa eegaluun kutannoon akka taphatu Arteettaan himaniiru.

Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee manchister Siitiin ammoo Cheelsii waliin morkata. Maanchister Siitiin maallaqa hanga Yuuroo miliyoona 90 gahuun Alvaareziin gurgure.

Cheelsiin ammoo taphattoota hedduu mallatteesise. Karra eegaa qofa saddeettaffaa mallattesise.

Ted Boohilii leenjisaa duraanii Leester Siitii Enzoo Maareshkaa qacaruun taphattoota haaraa gara kilebichaatti dabalaa jiru.

Rakkoon jiru taphattootni kilebichatti dhiyeenya gatii qaaliin makaman akka Moosis Kayiseedoo, Eenzoo Fernaandez, Roomiyoo Laaviyaa, Inkuunkuu, Muudirik gahumsa guddaa jedhamu hin agarsiifne.

Tootenhaam gaafa Wiixataa Leester Siitii waliin morkata.